WALII GALAN, ALAA GALAN !!!!

Aside

Y.G(2005)

parchment 7Walii galan, alaa galan!! Mammaaksii kun Ijoollee kaasee hanga Maanguddootti, beekaa hanga wallaalaatti, Firaa hanga halagaatti hiikkaa ifa tae akka laatuuf hin shakku.Mana keessa Nagaan dhibnaan , tarkaafiin jalqabaa mana keessaa bauudha.bakka yaada itti cabsatan barbaaddatu. Yoo Biyya keessaa roorroonis tauu waan biraan baan , alaa galuuf yoo xiqqaate, sammuu ofiin walii galuutu murteessaa taa. Mammaaksi kun hiikkaa tokkollee odoo hin laanneefii ykn ibsa tokkollee osoo hin barbaanneefi hiikkaa qulqulluu qaba.

Kun Biyya alaa kan jiruf qofaa miti kan mammaakamee . Kan Biyya isaa keessa taaee , Biyya isaaf keessummaa taes ni dabalata. kan eessayyuu jiru , Mana isaa keessatti deebiee nagaan jiraachuuf , walii galuun barbaachisaa tauu akka hiikkaa isaa tokkoffaatti yoo fudhanne, walii galuu keessaan humna qabaachuu fi kan hin galtu nuun jedhu illee ittin injifachuu akka dandeenyu nu akeeka. Faallaa kanaa yoo yaaduun barbaachises, Mana ofitti akka hin deebineef walii galuun akka nu irra hin jiraanne diinni nu irratti hojjachuu akka dandau ilaaluu dandeenya.

Alaa galuun murtiidha. Ega murtii taee , walii galuun waan murame jechuudha. Walii galuun ega baraachisaa tae ammoo , waan walii nu galchu irratti hojjachuun murteessaadha, waan wal-nu taasisu irra gauuf ammo , waan wal nu taasisu irratti walii galuun hundee taa. kana jechuun yoo kan ummata keenyaaf jennee wal dhabnu taane, ummata keenyaaf jennee waan wal nu taasisu adda baafannee , irratti hojjannee alaa galuun dirqii taa. waggaa 15 dura , Maanguddoo Booranaa Umamaan hayyooman, waan naaf ibsan asi irratti haa kaasu. Maanguddoon kun barnoota tokkollee hin qaban. Garuu beekumsa nama wal taasisee alaa nama galchu hedduu beekan.

WALII GALAN, ALAA GALAN !!!.docx

Siifan lola Oromoo narra hin gortuu?

Aside

Goota Bara Baraaf  Yaadatamu EBBISAA ADUUNYAA

Godna Wallaggaa Aanaa Shebelii fi Yettii Keessatti WBO fi Uummati Wal Makatee Jira Sababaa Jedhuun Wayyaaneen Qonnaan Bultoota Hiraarsan

Aside

Muddee 25,2012 D.Doolloo

Godina Wallaggaa , aanaa Shebel fi lafa gammoojjii Meeraa jedhamee beekamu keessa WBOn sochii gochaa jira sabababa jedhuun humni waraana Wayyaanee heddumminaan naannoo Shebel qubachaa jiraachuu gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu dhaqabe addeessa.

Gabaasi guyyaa kaleessaa addeessaa jiru gandoota Ashii,Shebel,Yattii fi Doollaa uummata jiraataan guyyaa 16f walgayii yaamamee hanga kana ummanni gara owuuruu isaa akka hin deemnee fi lafa walgahii yaamametti argamuu akka qabu diramaa jiraachuun ummaticha gara diddaa fi fincilaatti isa geessaa akka jiru hubatame. Dabalata gandoota kana keessa hidhataan Wayyaanee dhaa ganda tokko keessatti hidhataa hamma 150 oliitti ramadeetu jira kana malees bosona naannoo Yaanqii jedhamu keessa waraanni Wayyaanee buufatee uummanni qabeenya qabuu fi buna funaannatu dhiisee walgahii mootummaan yaame akka daqu dirqaa jira.

Waraana wayyaanee waliin taee kan walgahicha zoonicha irratti qindeessu nama maqaan P/Israael Fayyisaa jedhamu yeroo tau namni kun sababaa mishoomaa fi ABOn naannicha keessa sossoaa jira jedhuun duula jabaa godhee ummata hiraarsuu fi basaasuutti kan bobbae tauu beekama.

Gabaasaan haala kana ilaalu baldhaa waan taeef gara fuula duraa gabaafama.