Faaruu Qeerransoo Dirree

Qeerransoo Dirree

Dddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu Itti Fufe

Aside

Muddee 24,2012 Mattuu

OromiyaGabaasaa Mattuu: Muddee 22/2012  FDG mooraa Yuunivarsiitii Mattuu bifa qindaa’een jabaatee kan itti fufee ta’uun gabaafamee,Baratootni Oromoo fi baratotni mooraa yuunivarsiitii Mattuu irraa barachaa jiran sirna barnotaa kan lammiilee biyyatii midhuu kan EPRDF’n gaggeeffaama jiruu mormuun FDG kaasuun mootummaa abbaa irree EPRDF balaaleffaachuu itti fufaan.Haaluma kanaan baratootni gaaffii isaanii keessaattii sirni EPRDF abbaa irree dha, sirni kun hundeen jijjiramuu qaba, sirna barnotaa sirnii kun ittin lammilee biyyatii midhaa jiruu ni balaleffaanna, hin fudhannu, sirni kun sirna fallaa dimookiraasii dhaabbatee, ani dimookiraatawwadha ofiin jedhuu waan ta’eef  ololli maqaa dimokiraasiitiin ofaamuu sirni kun dhaabuu qaba jechuun gaaffiin baratotaa irraa hoggantotaa mooraa Yuunivarsiitii Mattuuf dhiyaate, qaamni ol aanuu dhufee deebii akka itti kennuu tasifna jechuun baratootaa sossobuuf yaalaan illee hangaa gaffiin keenyaa deebii hin argannettii nuti hin barannuu jechuun baratootnii diddaa isaanii cimsan.

Kana malees baratotni mooraa yuuniversitii Mattuu kun rakkinaa nyaataa gahaa fi qulqullinaa qabuu dhabuun dhukkubotaa garaa kaasaatiin qabamanii rakkoo hamtuu keessaa kan jiraan ibsuun du’aa boodaa jireenyii keenyaa maaliidhaa jechuun mirgaa keenyaa fi mirgaa saba keenyaaf falmaannee abbaa irree of irraa buusuu qabna jechuun qeerroowwaan baraatotaa Oromoo sagalee mormii walittii fufinsaa qabuu dhageesisan,

Yeroo ammaa kana rakkinaa hamaa isaan mudatee jiruu irraa ka’uun baratootni yuunivarsitii Mattuu irraa barachaa turaan tokko tokko barnotaa dhiisaanii gara maatii isaaniittii deebii’aa jiraachuun beekamee jira. Kanaa biraan sirni abbaa irree Wayyaanee fi EPRDF’n gaggeeffamuu sochii baratootaa kanattii rifachuun humnaa waraanaa isaa garaa mooraa yuunivarsiitii mattuu nanneessuun egaa kan jiruu ta’uun gabaafamera, guutummaan magaalaa mattuus yeroo amma kana dirree waraanaa fakkaattee kan jirtuu ta’uun hubatame jira,

Diddaan Qeerroo fi Dargaggoo Sidaamaan Finiinee Itti Fufe.

Aside

Muddee 23,2012 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGNaannoo uummattoota Kibbaa magaala Hawaasaa keessatti diddaan uummataa itti fufuun mootummaan Wayyaanee lammiiwwan Sidaamaa fi ilmaan Oromoo adamsuu itti fufe.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti impaayera biyyattii keessatti uummata gaaffii mirgaa gaafatu mana hidhaatti ukkaamsuu kan bare yeroo ammaa kana daran jabeessuun reebicha jabaa irraan gahee ukkaamsaa jira.Mudde 22/2012 kanneen mana hidhaa wayyaaneetti ukkaamsan keessaa

Lakk Maqaa Teessoo Hojii lammii
1 Darajjee Kuusaa Harbegoonaa Hojjetaa mootummaa Oromoo
2 Libano Laammessoo Hawaasaa Hojjetaa qonnaa Sidaamaa
3 Miishoo Dalasaa Hawaasaa Hojjettuu mootummaa Sidaamaa
4 Warquu Alamaayyoo Harbegoonaa Hojjetaa mootummaa Oromoo

Yoommuu tahan kanneen mana hidhaatti ukkaamsamanii turanitti ammoo mootummaan wayyaanee himata irratti bane tureen mana murtii dharaa isaatti hidhaa jabaan adabee jira.

Murtiiwwan kennamanis

1. Obbo Araggaa Tasfaayeetti hidhaa waggaa 6

2. Obbo Shibbiquu Maganee hidhaa waggaa 5

3. Obbo Indiriyaas Guugaa hidhaa waggaa 6 fi walakkaan adabee jira.

Mootummaan wayyaanee jarreen kana bara darbe isin mootummaa irratti uummata ijaaraa jirtu jechuun raga sobaan akka tahes beekamee jira.Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu godhe mirga keenya falmachuu irraa kan nu dhaabu hin jiru jechuun Koreen gamtaa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) fi Waldaan tokkummaa dargaggoota Sidaamaa ibsee jira.