Sirni Wayyaaneen Poolisoota Godina Jimmaa Garii Sochii Warraaqaa Keessaa Qooda Qabu Jechuun Yakke.

Aside

Muddee 22,2012

Godina Jimmaattii Poolisotni sirna Wayyaanee, Waraqaa Waamichaa FDG Qeerroon Godina Jimmaa keessatti uummataaf tamsasee jiruutti rifachuun akka Godinaatti walgaa’ii Poolisotaa hoggaantotaa komishinii Poolisii godina Jimmaatiin magaalaa Jimmaa mana barumsaa Jireen sadarkaa 2ffaa fi Piriipaaraatoorii keessaatti gaggeeffamaa jiruu irraatti Poolisonnii Oromummaa isaaniin amanaan ilaacha ABO qabdu, waraqaale FDG magaalotaa fi manneen barnootaa keessatti tamsaaa jiru tohachuu hin dandeenye, poolisoonni waan kana keessatti qooda qabdan ni jirtu jechuun doorsifamaa akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Mootummaan EPRDF muddama keessa seenuun pooliisotaa aanaa fi godinaalee Oromiyaa irraa jiraan osoo hin hafiin dhiphisaa jiraachuun gabaafamee jira. Karaa biraa gaggeesitoni walga’ichaas poolisoota godinaan akka jedhani itti dhadatanitti, yeroo ABO’n waraqaa nurraatti bittimsuu fi ummataaf baldhinaan raabsu kanatti isin poolisoonni mootummaa eeguuf mindaan isinii kafalamaa jiru maal eegaa akka jirtan mootummaan wallalee bitaa itti galee waan jiruuf poolisoota keessa kanneen ABO waliin hidhata qabdan ni jirtu jechuun dorsisaa akka turan madden keenya addeessu.

Kun kanaan osoo jiruu Qeerroon waraqaa wamichaa FDG garbummaa magaalaa Jimmaa fi Aanotaa Godinaa Jimmaa jala jiraan hundaa keessaattii maxxaansuu itti fufee jiraachuu Qeerroon godina kanaa beeksisu.

“Yookaan Achi Goraa! ykn Nutti Goraa” Sabboonticha Art Zarihun Wadaajoo

Aside

Diddaan Barattoota Oromoo Godina Ilu Abbaa Booraa Itti Fufe

Aside

Muddee 22,2012 Mattuu

Gabaasi Qeerroo Mattuu irraa nu dhaqabe akka addeessutti Muddee 21,2012 baratootni University Mattuu guyyaa kana FDG kasuun Motummaa abbaa irree balaaleffaachaa jiru. Baratootni University Mattuu sirna barnootaa motummaa EPRDF haala kenninsaa qabxii baratootaa fi sirnaa bulchiinsaa mootummaa abbaa irree balaaleffaachuun hiriiraa mormii adeemsisaa jiru. Qabxiin baratotaa 90 fI isaa ol kan galmeessee ‘A’ kan argatu, 80-90 =B 60-70=C kan galmeessee qabxii kanaan murteessuun baratootaa hedduu University irraa arii’achuuf baratootaa miidhuun kan seeraa tumatan ta’uun hubatame, kana malees rakkoon nyaataa fi bishaan dhugaatii baratootaa University mattuu mudatee baratootni hedduun dhukkuba garaa kaasaan qabamanii baatii tokkoo oliif rakkaachaa erga turanii boodaa, FDG kun itti fufuun hubatamee jira.

Sirna abbaa irree kana balaaleffaachuun yeroo irraa gara yeroottii waammichaa[FDG] Qeerroon godinotaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa sirna bulchiinsaa mootummaa abbaa irree irraattii gaggeessaa jiruu hordofuun baratotni Oromoo dhabbiilee barnotaa garaagaraa FDG gaggeessuuttii seenaanii jiruu,kanumaa hordofuun baratootni University mattuu addaattii ammoo baratootaa Oromootiin FDG Moraa University Mattuu Keessaattii Qaanqeen Fincilaa Diddaa Garbummaa kunoo guyyaa Har’a Ifaan ifaatti hiriirrii mormii sirna Wayyaanee irraatti gaggeessuun egaalame.

Ammaa baratootni mooraa University keessaatti walittii qabamuun gaaffii isaanii bulchiinsaa mooraa University mattuuttii dhiyeeffaachaa jiruu. Mootummaan abbaa irree sochii hiriiraa mormii baratotni gaggeessaa jiran kanatti rifachuun humna waranaa konkolaataatti fe’ee garaa mooraa Yuniversitiitti guuraa jira.

Shirri Mootummaa Wayyaanee Uummattoota Kibbaa fi Ilmaan Oromoo Walitti Buusuuf Deemu Tokkummaa Uummataan Fashalaa Jira.

Aside

Muddee 22,2012 Finfinnee

Godina Gujii aanaa Booree magaala Booree keessatti shirri mootummaa Wayyaanee uummata Sidaamaa fi Oromoo walitti buusuuf shire tokkummaa uummataan fashale.Mootummaan Wayyaanee tokkummaa fi gamtaa ilmaan Oromoo fi Sidaamaa qaban irraa sodaa guddan kan isa qabate yoommuu tahu uummata lameen walitti buusuuf shira guddaa hojjechuu irratti argama.Gaafa Guyyaa Mudde 18/2012 magaala Buree keessatti dhalata Oromoo kan tahe konkolaataan konkolaachisaa lammii sidaamaa taheen wayita rukkutamutti mootummaan Wayyaanee milishoota bobbaasuun kun maaliif tahuu dandaa?,Akkamiin tahuu dandaa?,Warreen Sidaamaa uummata Oromoo jibbanii malee kun waan tahu miti olola jedhu oofsisuun walitti buusuuf yaalii jabaa taasisee jira. Ilmaan Oromoo fi Sidaamaas nuyi tokkuma,Rakkoon keenyas rakkoo garbummaati malee dhimma walitti
buunuuf hin qabnu jechuun maanguddootaan dubbii fixatanii jiran.

Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti tokkummaa uummata biyyattii keessaa diiguuf uummata nagaa walitti buusaa kan ture yoommuu tahu godina Oromoo aanaa Nyangaatom keessaa beeylada 1000 ol saamaman uummata Oromoo Booranaa fi Gujiitu isin jalaa saame jechuun uummata lameen walitti buusuuf olola oofaa jira.Uummatni lameen walitti buinsa kamuu kan hin barbaanne yoommuu tahu beeyladoota kanneen uummata Keeniyaatu ceee fudhate yoo tahe malee uummatni Oromoo hin fudhanne jechuun mormaa jiru.Walumaa galatti shirri mootummaa Wayyaanee tokkummaa uummataan fashalaa kan jiruu fi uummatni shira Wayyaanee hubachuun nagaan akka jiraatan qeerroon dhaamsa kan dabarsuyoommuu tahu uummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuz nagaan waliin yeroo dheeraaf jiraate wal waraansisaa turuun isaa ni yaadatama.