Seife Nebelbal Radio Program: Interview with Judge Teshale Aberra

Aside

Jiraattootni Magaala Finfinnee Dhimma Karooraa fi Tiraanisfoormeeshinii Waggaa Shanii Irratti Mufannaa Jabaa Dhiheessuu Eegalan

Aside

Muddee 21,2012 Finfinnee

Magaala Finfinnee keessatti rakkoon geejibaa uummata daran mudachuu irraan kan kae uummatni mufannaa ibsuu jalqabe.keessumaa wayita uummatni hojii seenuu fi hojiidhaa bahutti rakkoon geejibaa uumamuu irraan kae yoommuu tahu kantiibaa magaal a Finfinnee Obbo Kumaa Dammaqsaa irratti uummatni himannaa fi komii duraanuu qaban caalaatti jabeessee jira.Mootummaan Wayyaanee karoora waggaa shaniif baase keessaa karaa fi geejibni keessatti adda durummaan kan hammataman yoommuu tahu karaan magaala Finfinnee keessaa kan qotame malee kan hojjetame dhibuun uummata magaala Finfinnee biratti gaaffii jabduu kaasee akka jiru ifa galaa dha.

Mootummaan Wayyaanee ololaan uummata biyyattii bulchuu kan bare amma itti fufuu jiraattotni magaala Finfinnee ibsanii jiran.Jiraattotni magaala Finfinnee wayita hojii deemanii fi hojiidhaa galanitti rakkoon taaksii dhabuu ykn humnaa ol kaffaluu isaan mudhachaa jira.Wayita hojii galanitti ammoo rakkoo geejibaan yoo barfatan Wayyaaneen isin ilaalcha addaa qabdu,Kaayyoo Mallasaa fiixaan baasuuf hin hojjettan jechuun qorannoon rakkisaa jira.Yeroodhaa gara yerootti rakkoon uummata biyyattii irratti gama bulchinsa abbaa irrummaa mootummaa Wayyaaneen gaggeeffamaa kan jiru yoommuu tahu yeroo ammaa kana uummatni ifaan yaada isaa fi mufannaa ibsachaa jira.Qaalainsa jireenyaa biyyattii keessatti uummata rakkisaa jiru irratti gatiin geejibaa fi hanqinaa uummata dhaqqabuun rakkoo irratti rakkoo tahee jira.Gaaffii uummatni gaafachaa jiruufis EPRDF
Wayyaanee gurra dhorkachaa jira.Uummatnis gaaffii mirgaa baajata karaa fi geejibaaf bahe eessa akka dhaqee fi bulchinsi magaalaa dhimma kana hatattamaan akka xumuru baldhinaan gandoota adda addaa keessatti gaafachaa jira.Qaalainsi jireenyaa biyyattii keessaa uummata magaalaas rakkisaa kan jiru yoommuu tahu Zayita,sukkaara,kuduraalee fi muduraalee argachuuf karaa dheeraa deemaa kan jiranii fi gatii madaalawaa ol bitaa jiru.

Haala kana ilaalchisuun Qeerroon jiraataa magalaa Finfinnee haasofsisee jira caqassa

Magaala Gambeellaa Keessatti Barattootni Koollejjii Fayyaa 500 ol Tahan Hanqina Bishaaniin Rakkoo Fayyaaf Saaxilamaa Jiru

Aside

Muddee 20,2012 Gambeela

A boy drinks water from a pond in Bule Duba village in the outskirts of Moyale, near the edge of Oroma and Somali regions of EthiopiaMootummaan Wayyanee gaaffii barattoota Koollejjii Saayinsii fayyaa naannoo Gambeellaa Magaala Gambeellaa keessaa dhageettii dhorkachuun rakkoo fayyaa keessatti akka kufan taasise.Magaala Gambeellaa keessatti barattootni saayinsii fayyaa baayinaan 500 ol  yeroo ammaa yeroo ji’a tokkoo oliif rakkoo bishaan dhugaatiin rakkachaa jiru.Barattootni koollejjii gamtaan rakkoon isaanii akka hiikamu gaafatanis mootummaan Wayyaanee rakkoo isaanii kana dhageettii dhorkachuun dararn dhibee hamaaf akka saaxilaman taasisanii jiru.

Guyyaa kaleessaa  Muddee 19,2012 irraa kaasee barattootni Koollejjii kanaa rakkoo fayyaan rakkachuu irraa barnoota dhaabaa akka jiran Qeerroon naannoo kanaa gabaasee jira.Baajatni pirojektii kanaaf bahe malaammaltummaan akka dhume kan gabaafame yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti gibira uummata irraa funaanu dhimma misoomaaf osoo hin taane dhimma siyaasaaf oolchaa jiraachuun beekamaa dha.Yeroo ammaa kanas barattootni gaaffii kana gaafatan ija diinaan ilaalamaa akka jiran Qeerroon dabalee addeessee jira.

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Muddee 20,2012

Aside