Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Keessatti Diddaan Barsiisotaa Dhalate.Gaaffiin Daballii Mindaas Ka’e

Aside

Muddee 20,2012 Dirree Daawaa

DIDDAAQaalainsi jireenyaa biyyattii keessatti uummata rakkisaa jiru yeroodhaa gara yerootti hammaachaa deemee jira.Mootummaan Wayyaanee gibira humnaa ol uummata irraa funaanu dhimma siyaasaa ittiin gaggeessuu irraan darbee yeroo miindaan hojjettoota mootummaaf kaffalu baayee gad aanaa dha.Gaaffiin dabalinsa miindaa fi gibira madaalawaa kaffaluu yeroodhaa gara yerootti gaafatamaa dhufuun yeroo ammaa kana jabaachaa dhufee jira.

Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti barsiisotni Engineering fi Technolgy baayinaan 30 ol tahan gaaffii dabalinsa miindaa gaafatan.Gaaffii isaaniis gamtaan Pirezedaantii Yuunivarsiitichaatti kan beeksisan yoommuu tahu deebii hatattamaa guyyaa shaman kana
keessatti hin argannu taanaan hojii dhaabna jechuun beeksisanii jiran.Mooraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti hojjettootni mootummaa marti gaaffiin gaafatame gaaffii mirgaa fi nuyis cinaa dhaabbanna jedhanii jiran.Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaa hojjettootni gaafatan irraan kan baarage hojjettoota amalaan qabachuu yaalus nuyi waan itti jiraannu dhabne jechuun hojjettootni diddaa jabeessanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti diddaan barattootaa dhalate.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti baajata dhimma barnootaaf ramadamu hojii siyaasaaf oolchuu waan jabeesseef barattootni gamtaan gaaffii gaafatanii jiran.Baajatni nyaataa ramadamu dhimma siyaasaaf ooluu hin qabu,Nyaatni barattootaa qulqullummaa kan eeggate tahuu qaba jechuun gaafatanii jiran.Rakkoo wal fakkaataan barattoota Yuunivarsiitii Mattuu,Debre Markos,Amboo,Jimmaa fi Yuunivarsiitii Aksum mudatee waan jiruuf gaaffiin mirgaa itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanees gaaffiiwwan
mirgaa gaafataman dura dhaabbachuu dadhabuun humna waraanaa fayyadamuun ukkaamsaa jira.

Godina Sidaamaa Keessatti FDG Daran Hammaachaa Dhufuu Irraan Mirga Sabaa fi Sab-Lammii Gaafachuun Yakka Ta’ee Lammiileen Sidaamaa fi Oromoo Heddumminaan Hidhaman

Aside

Muddee 20,2012 Hawaasaa
BilisummaaSochiin dargaggoota Oromoo fi Sidaamaa Godina Sidaamaa aanaalee gara garaa keessatti cimuu fi barruuleen warraaqsaa heddumminaan ummata dhaqabuu irraan kan ka’e mootummaan Wayyaanee baaraga keessa seenuun gaaffii mirga saboota cunqurfamoo biyyatti keesssa jiru ukkaamsuuf jecha dargaggoota adda durummaan sochii waarraaqsaa qindeessaa jiru ykn keessatti qooda fudhattan jechuun jumulaan hidhaa akka jiru gabaasi Qeerroo naannicha irraa addeessa.
Akka kanaan Muddee 19 fi 20 2012 aanaalee gara garaa keessaa dargaggoota seeraan ala hidhuun mana hidhaa magaalaa Hawaasaa keessatti dararaa akka jiru beekame. Hanga ammaatti kenneen hidhaman keessaa :-

Lakk Maqaa aanaa Hojii saba
1 Ob. Daanieel Raggaasaa Harbegooraa Qotee bulaa Sidaamaa
2 Darg. Taammiraat shawulaa Harbegooraa Hojjetaa mootummaa sidaamaa
3 Darg.Burqaa Buuraa Harbegooraa Hojjetaa mootummaa oromoo
4 Darg. Muliyyee Muudee Harbegooraa Hojjetaa mootummaa Sidaamaa
5 Darg.Harroo Harqaa Harbegooraa Hojjetaa mootummaa Sidaamaa
6 Ob. Kabbadaa Tuunnoo Harbeegooraa Qotee bulaa Sidaamaa
7 Ob. Weqee Debessaa Harbegooraa Qotee bulaa Sidaamaa
8 Ob. Asaffaa Beekaa Harbegooraa Hojjetaa mootummaa Oromoo
9 Ob.Wandimmuu Kabbadaa Harbegooraa Qotee bulaa Sidaamaa
10 Ob. Dugunaa Dummaaraa Harbegooraa Qotee bulaa Sidaamaa
11 Ob.Taammiraat Tannaa Harbegooraa Qotee bulaa Sidaamaa
12 Ob.Goobanaa Godaanaa Harbegooraa Qotee bulaa Oromoo
13 Ob.Baqqalaa Lukkuraa Harbegooraa Qotee bulaa Sidaamaa
14 Ob. Birraa Duuressaa Harbegooraa Qotee bulaa Oromoo
15 Ob.Taammiraat Tabuta Harbegooraa Qotee bulaa Sidaamaa
16 Ob. Araggaa Alamuu Baalsaa Kaabinee wayyaanee kan ture Sidaamaa
17 Ob.Gennalee Naaree Baalsaa Kaabinee wayyaanee kan ture Sidaamaa
18 Ob. Dukkaalee Laammisoo Hawaasaa Dura taaaa waajjira qonnaa kan ture Sidaamaa
19 Ob. Iyyaasuu Raggaasaa Hawaasaa Hojjetaa fannoo diimaa magaala Hawaasaa kan ture Oromoo
20 Ob. Girmaa Kachaaraa Harbegoonaa Qotee bulaa Sidaamaa

Kanneen kana ta’uu gabaasi Qeerroo naannicha irraa addeessa.

Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Keessatti Rakkoo Qonnaan Bultoota Oromoo Irra Gahaa Jiru

Qotee bula

Abbaan qabeenyaa Koollejjii Odaa Bulluq Obbo Haayiluu Abbabaa Wayyaaneen Yakkamuun Ma’ikalaawwiitti Darbaman

Aside

Muddee 19,2012 Finfinnee

BilisummaaIlmaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti mootummaa Wayyaaneen yakkamuun gara mana hidhaatti guuramu.Keessumaa mootummaan Wayyaanee lamiilee Oromoo qabeenya,human ykn beekumsa qaban irratti tarkaanfiin fudhattu hidhaa ykn ajjeechaa tahee hammaachaa jira.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu keessaa abbaan qabeenyaa Koollejjii Odaa Bulluq Obbo Haayiluu Abbabaa mootummaa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa Maaiekelaawwiitti fudhatamuun reebichi addaa irratti gaggeeffamaa jiraachuun beekame.

Obbo Haayiluu Abbabaa wayita barsiisummaa irraa hanga abbaa qabeenyummaa isaatti uummataan hedduu kan jallatamuu fi hojii hojjetu irrattis kabajamaa kan ture mootummaa Wayyaanee waan rifaasisaa dhufeef mana hidhaatti ukkaamsitee jirti.

Gara mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Maaikelaawwiiti erga fudhatamees qorannoon ati qabeenya kana eessaa fidde? Qabeenya kanaan ABO gargaaraa jirta.,ABO beekta,Odaa Bulluq jettee koollejjii bantetti moggaasuun ergaa siyaasaa of keessaa qaba.Kanneen jedhan gaafachuun qorannoodhaan rakkisaa reebicha addaas irraan gaggeessaa jiru.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti abbootii qabeenyaa yakkuun mana hidhaatti guuraa turuun isaas ni yaadatama.Magaala Naqqamtee irraas abbaan qabeenyaa Dassaalee Dabalii fi Abbaan qabeenyaa Hoteela Hawwii magaala Finfinnee irraa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti darbatamuun isaaniis ni yaadatama.