Gaaffii mirgaa uummata oromoo dura dhaabbachuuf Wayyaaneen humna Waraana isaa gara magaalaniitti hiraa jira.

Aside

Muddee 19,2012

Gaaffiin mirgaa uummatni oromoo gaafatu dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee waraana federaalaa gara Magaallan Oromiyaa keessatti bittinsite.Mootummaan wayyaanee gaaffii uummatni oromoo gaafachaa jiru humnaan dura dhaabbachuuf kan akeekkatte waraana federaalaa gara magaala Dirree Dawaa,Amboo,Jimmaa,Shaambuu fi Naqqamteetti guuruu eegalee jira.Poolisootni federaalaa 300 tahan gara magaala Dirree Dawaatti kan geeffaman yoommuu tahu waraanni ABO magaala keessa jira soda jedhuun tahuu odeessi poolisii federaalaa irraa qeerroo dhaqqabe addeessee jira.

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti gaaffii mirgaa uummata Oromoo dura dhaabbachuuf shira inni xaxu halkanii fi guyyaa hidhaa fi ajjeechaa yoommuu tahu gaaffiin hawaasni musliimaa gaafachaa jiranis mootummaa Wayyaanee kaumsaa fi taaumsa dhorkee jira.Wayyaaneen magaala Finfinnee keessattis sakattaa addaa eegaluun jiraattota magaala Finfinnee goolaa jira.Sakattainsi addaa keellaawwan magaalittii keessatti kan jabaate yoommuu tahu namootni mana dhabeeyyii tahuun karaa irra jiraatanis poolisootaan halkan reebamuun qoratamaa jiru.

Dargaggoonni Sidaamaa fi Qeerroon Warraaqsa Gamtaan Qindeeffatan Itti Fufuun Fincila Kaasan

Aside

Muddeen 19,2012 Harbegooraa

Mootummaan Wayyaanee uummattoota Impaayera Itoophiyaa keessaa mara abbaa irrummaan akka bulchaa jiru beekamaa dha.Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaas yeroodhaa gara yerootti gaaffiiwwan mirgaa kaasuun mootummaa Wayyaanee muddaa turuun ni beekama.Naannoo uummattoota kibbaa keessatti sabawwan cunqurfamoo sidaamaa Qeerroo waliin tahuun abbaa irrummaa bara baraa kana hundeen buqqisuuf hojii erga jalqabanii as gaaffiiwwan mirgaa kaasuun mootummaa Wayyaanee muddaa jiru.Godina Sidaamaa aanaa garaa garaa keessatti dargaggootni sidaamaa Qeerroo waliin tahuun nuyi bilisummaa barbaadna,mootummaan abbaa irree Wayyaanee nu bulchuu hin qabu,hojii dhabdummaa fi qaalainsi jireenyaa biyyattii keessaa haa dhaabbatuu fi k.k.f kaasanii jiru.Dargaggootni Sidaamaa magaala Hawaasaa fi aanaa Harbegooraa keessatti dhaadannoowwan afaan Oromoo fi sidaamaan barreeffaman hedduumminaan maxxansanii jiran.Dhaadannooleen kunneenis

1. MOOTUMMAAN WAYYAANEE GARBOOMFATAA DHA!( “WOYAANETE GASHSHOOTI FUGGOOTENNA GAWAJJOTE GASHSHOOTEETI!”)

2. Gaaffiin mirgaa uummataa haa deebiu! (DAGATE MAFITETE XA’MO RAHOTENNI HIGGO!)

3. Lagni abbayyaa hidhamuun gaaffii uummataa hin dhaabu!( ABAYI KONFOONNI DAAFO DAGATE XA’MO DI UURRITANNO!

4. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu haa dhaabu!( ” HAYIMAANOOTETE GIDDORA CA’U YEE E”A UURRITO!”)

5. Gaazexeessitootni biyyattii keessaa hidhamuun haa dhaabbatu!( ” MANGISTE GAAZEEXA QIXXEESSANNO MANNA USURA UURRISSO!”

6. Gaaffii bilisummaa kanneen kaasan shorokeessitoota miti!( “KEERANCHIMMATE OLANTANNORI GOBBA HUNTANNORE DI IKKITINO!”)

7. Gaaffiin Hawaasa musliimaa gaaffii mirgaati!( ISLAAMU XA’MO BAALUNKU XA’MOOTI!”)

8. Mallasaan abbaa Kaayyoo osoo hin taane abbaa irree dha.( “MELLESSE AJUUJAAMMO IKKIKKINNI HANAAQAAMOHO!”)

9. Sirni Dimokiraasii dhugummaan haa mulatu!( DEMOKIRAASIYAAWE GASHSHOOTE ABBATE SHARRAMEEMMO!”)

10. Hidhamtootni siyaasaa haal duree tokko malee haa hiikaman!( “POLETIKU USURAMAANO TIDHDHANTO!”)

11. Saaminsaa fi malaammaltummaan haa dhaabbatu!( ” MUSINNUNNA GAWAJJO UURRITO!”)

Kanneen jedhan Godina Sidaamaa aanolee garaa garaa keessatti kan maxxanfaman yoommuu tahu dargaggootni sidaamaas walitti dhufuun bulchinsa aanaatti gaaffii bilisummaa kaasanii akka jiran gabaasi addeessa.

Mootummaan Wayyaanees gaaffii mirgaa sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa dura dhaabbachuu waan dhadhabeef ilmaan Sidaamaa tahan aanaa Harbegooraa keessaa Jumlaan mana hidhaatti guuree jira.Aanolee garaa garaa keessaa fi magaala Hawaasaa keessaas ilmaan Oromoo fi Sidaamaa mootummaan Wayyaanee adda durummaan adamsuu irratti argama.Aanaa Harbegooraa keessaa dargaggootnii fi qotee bultootni 30 ol kan mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti naqaman tahuu qeerroon gabaasa.

Haala kana waliin wal qabatee qotee bulaa Obbo Daanieel Dassaaleny jedhaman reebicha jabaa irraan gahuun yeroo ammaa duaa fi jireenya jidduutti akka argamu gabaasi qeerroo addeessa.

Diddaa Barattootaa Dura Dhaabbachuuf Jecha Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Finfinnee Waraanaan Tiksaa Jira.

Aside

Muddee 19,2012 Finfinnee

Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti diddaan barattootaa jabaachuu irraa kan ka’e mootummaan Wayyaanee waraanaa fi tika hedduumminaan bobbaasuun barattoota doorsisaa jiraachuun beekame. Barattoot biyyattii barnoota xumuranii hojii dhaban irra darbee barattoota Yuunversitii dhaa baratan mooraa yuunivarsiitii keessaa arii’uun gowwoomsee waraana fi tiksan
taasisuuf shira xaxaa jiru keessaa inni guddaan qabxii darbinsaa kennamu murteessuu dha.Kunis qulqullina barnootaa dahoo godhachuun mootummaa Wayyaaneen tarkaanfatamaa kan jiru yoommuu tahu barattootni Yuunivarsiitii waraqaa iyyannoo fi waamichaa bittinsuun gamtaan bittaa garbummaa jalaa bahuuf diddaa itti fufanii jiran.

Yeroo dhihoo kanaa kaasee mootummaan wayyaanee waraana federaalaa guyyaa dilbataa fi sambataa mooraa yuunivarsiitii finfinneetti naanneessuun kan tiksuu fi basaastotaa fi tika mooraa keessa seensisuun sakatta’insaa fi doorsisaan barttoota rakkisaa jira.Mootummaan Wayyaanee qabxii barnootaa akkaataa iskeelii qabxii barattootni itti fidaniin kennamu jijjiiruun barattoota qabxii 85 ol fidan ”A”, kanneen 75 ol fidan ”B” fi kanneen 60 fidan ”C” kennuun barattoota 80% ol tahan mana barnootaa keessaa arii’uun hojii dhabdummaa biyyattii keessaa rakkisaa jiru irratti hirkattummaa ida’uun dargaggoota rakkoo keessa buusuuf karoorfate barattootni gamtaan dura dhaabbachaa jiran.Mooraa yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 6 keessatti barattoota irratti sakatta’insi gaggeeffamu hammaachaas dhufuun galgala uummatni naannoo kanaa fi Piyaasaa kana waliin wal qabachuun sakatta’insaan hojii irratti dhiibbaan addaa isaan irratti dhufaa jira.