SBO Mudde 19 Bara 2012

Aside

Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Anfillootti Sabboontoti Diddaa Itti Fufan

Aside

Muddee 18,2012 Anifilloo

Gabaasaa godina Qellem Ana Anfilloo irratti dhimma misoomaa fi sulula baasuu jedhuun walgayii kaleessaa Muddee 17 mootummaan Wayyaanee magaalaa Muggii galma waajjira OPDOtti uummata walitti qabeen uummanni karoora isaan qabatanii dhiyaatan harkatti feshelleessuudhaan gaaffi armaan gadii kaasaniin uummataa fi kaabinoota mootummaa wayyaanee walgayii san mariisisuuf dhufan gidduutti mormii fi fincilli ka’uudhaan walgayiin isaanis feshelate, gaaffiin uummataa kunis gaaffii mirgaa waliin kan wal qabateedha :
1) Suluula qotuun meshaa ammaayyaa kanneen akkaa Tiirraakteran nuuf haata’u?
2) Ijoolleen barsiifne hojii haa argaattu?
3) Liiziin tooftaa qonnaan bullaa baadiyyaa irraa lafa magaalaa fi baaddiyaa fudhaachu waan taa’e haa dhaabbaatu?
4) Ummaannii Oromoo mana hidhaa jiru haa gadhiiffaaman?
5) Oromoon mirgoota Waqayyoon argate dhabuun haqa waan hin taaneef biyya isaa irratti aangoo siyaasaa haa argatu.
6) Jirreenyii nuttii dabbaala jiraa qarshii obbo Mallastu dhooksee bankii biyyaa alaa jedhamee jira, nuuf fidaa ykn immoo isiiinis angoo nama baratee lafa jiruuf gadi dhiisaa, beekaan utuu jiru wallaalaan akkamitti biyyaa bulchaa??jedhuun kaleessa gaaffiin kunneen uummata irraa ka’een walgayiin wayyaanee feshalateetu jira jedha gabaasaan qeerroo Ona Anfilloo irraa Muddee 18 addeessu.

Hojjettooti Waarshaa Sukkaara Fincaa’aatii Gaaffii Mirga Oromoo Kaaftan Jechuun Hidhaatti Darbaman

Aside

Muddee 18,2012 Finca’a

Godina Horroo Guduruu aanaa Abbay Coomman waarshaa sukkaara Fincaa’aa keessaa kanneen hojjetan hojjettootni mootummaa dhimma malaammaltummaan yakkamuun mana hidhaatti naqaman keessaa ilmaan Oromoo kanneen tahan dhimma siyaasaan yakkamaa jiru.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti sabboontota Oromoo irratti sababa sababa barbaaduun erga mana hidhaa galchee booda isin ABO beektu jechuun rakkisaa turuu fi itti jiruun isaa ni beekama.Yeroo ammaa kanas dhimma malaammaltummaa fakkeessuun ilmaan oromoo

  1. Girmaa Waayyuu itti gaafatamaa maachinery waarshaa
  2. Namee Galataa
  3. Jibriil

jedhaman hojjettoota habashoota tahan walii gala 6 tahuun kan mana hidhaa seenan yoommuu tahu dhimmi itti gaafatamummaa Oromoo kanneenii dhimma malaammaltummaa irraa maquun dhimma siyaasaa tahee jira.Hojjetaan waajjira sanaa dhalootaan Tigiree tahe Hagos Senay yeroo ammaa kana qoratamaa kan hin jirre tahuu fi ilmaan oromoo kanneen dhimma siyaasaan Maa’ikelaawwii keessatti hedduu rakkamaa jiraachuun gabaafamee jira.Yeroo dhihoo kana mootummaan wayyaanee mana isaanii irraa fuudhuun erga ukkaamsee booda gara Maa’ikeelaawwii galuun isaaniis beekamee jira.Maatiin ilmaan oromoo kanneenii yeroo ammaa kana rakkoo keessa akka jiran beekamee jira.

Sochii Dargaggoota Oromoo Mooraa Yunivarsiitii Haromayaa

Muddee 2012 guyyaa sabaa fi sablammii Wayyaaneen qopheesse irratti Qeerroon Yuunviversity Haromaayaa diddaa kaasuu isaa gabaafnee turre. Guyyaa san irratti Qeerroon waraqaa dhadannoo fi gaaffii bilisummaa muldhisu qabachuun mooraa keessatti wal gahuun tokkummaa Oromoo fi walleelee warraaqsaa kaan faarsaa olanii halkanis itti bulan. Haala kanaan mootummaan Wayyaanee rifachuun Oromoonni addatti gaaffii kaasan sochii ABO waliin wal qabata kan jedhuun barattoota garii qabanii qormaataaf dhiheessaa turaniiru.

Qeerroo Haromayaa 3

Eebba Kitaaba Mataa Dureen Isaa “Tokkummaa” Jedhu Eebbisuuf Jimma Dirree Wawweetuutti Qeerroon Walitti Qabaman Diddaa Kaasaniin Mootummaan Wayyaaneen Jeeqame

Aside

Muddee 17,2012 Jimmaa

Muddee 16,2012 Magaalaa Jimmaa keessaattii eebbii kitaabaa mataa dureen isaa TOKKUMMAA jedhuun Dr Takkalaa Oljiraatiin kan barreeffaamee barattoota Oromoo Yuniversity Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas ummata Oromoo magaalaa Jimmaa barnatti iddoo bashannanaa Aweetuu jedhamutti sirna howwaan eebbifame.

Sirna eebba kitaaba kanaa sababeeffaachuun goototni baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa Afran[4] irraa baratan main cumbasii guddaa, mooraa Qonnaa [Agriculture] , mooraa Teekinologii fi mooraa Business and Economics fi Koolleejjii Barsisotaa Jimmaa irraa barataan walittii dhufuun addaatti sirbotaa qabsoo Bilisummaa Oromoo leellisaan kanneen akka Qeerroo Lolii loli lolleetumaa gallaa xiiqii Rambaa rambaa godhii jedhuu fi sirbotaa Ebbisaa Addunyaa Ani Barbaadee yaa sii dhabee garamjirtaa WBO kiyyaa, garam jirtaa Qeerroo kiyyaa, garamjirtaa goootaa kiyyaa jechuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo farsuun ummataaf barnotaa Guddaa dabarsaan.

Kana malees Artiistii kabajamaa fi beekamaan Adinaal Maamed lafa kanatti argamuun sirbotaa Warraaqsaas sirbuun ummataaf barumsi kenname, Artistii Adinaan sirbotaa akka michuu baayeen Qabaa lixaa biiftuutirraa dhamsaa koon naf gahii Oromotaa Maraaf jechuun Dargaggotaa fi Ummataaf sirbaa Oromummaa farsaa garaagaraa sirbuun ergaa guddaa dabarsee jira.