Waajjira Pirezedaantii Yuunivarsiitii Arbaaminciif

Aside

Guyyaa /16/12/2012

               Waajjira Pirezedaantii Yuunivarsiitii Arbaaminciif

               Dhimmi isaa Deebii Hatattamaa gaafachuu ta’a.

Duraan dursinee Gaaffiilee kabajaan isinii dhiyeessinu kanatti bakka guddaa kennuun deebii hatattamaan akka nuu kennitan abdii qabna.

Kunis Gaaffiin Mirgaa barattootni Finfinnee gaafatan gaaffii ilmaan oromoo waanjoo garbummaa baachuu dadhabee ta’uu fi gaaffiin kun guutummaan guutuutti gaaffii barattoota oromoo yuunivarsiitii Arbaaminc kampaasii hundaa ta’uu ibsina.

Nuyi barattootni Oromoo yuunivarsiitii kanaas gaaffiileen armaan gadii kun hatattamaan akka nuuf deebi’an jechuun dhiyeessinee jirra.

1.Barattootni Oromoo,Dargaggootni Oromoo guutummaa guutuun ilmaan oromoo bara baraan maaliif mana hidhaatti guuramu? Yuunivarsiitii barnootaaf dhufan keessatti maaliif reebamu? Maaliif dhiphachaa jiraatuu?

2.Maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun maallaqni baay’een ilmaan oromoo irraa funaanamaa ture.Osoo piroojektiin jalqabame hin xumuramiin Maqaa hidha Abbayyaa jedhuun funaansi maallaqaa jalqabame.Kan Waldaa Misooma Oromiyaa eessa dhaqe? Osoo kan Waldaa misooma Oromiyaa hin xumuramiin maaliif kan kanatti gufuu ta’u uumame?

3.Yuunivarsiitiilee biyyattii keessatti baay’inaan kan dursu barattoota Oromooti.Kanaaf yuunivarsiitiilee keessatti afaan Hojii maaliif Afaan Oromoo hin taane?

4.Faalamni qabeenya uumamaa Oromiyaa,Saamichi lafaa maqaa investimentiinii fi biyya irraa arii’uun uummataa maaliif Oromiyaa keessatti qofaa xiyyeeffate?

5.Barattootni Oromoo barnoota isaanii xumuran maqaa COC(Center of competent) jedhamuun hojii akka hin qabanne danqamu.Kun Oromiyaa fi ilmaan oromoo qofaa irratti maaliif kan xiyyeeffate ta’e?

6.Dhaabbiileen barnootaa fi amantiin seera biyyattii keessatti bilisa akka dhiibbaa kam irraa bilisa akka ta’etti katabame.Garuu manneen barnootaa keessumaa bakkeewwan ilmaan oromoo baay’inaan argamanitti  waraanaan eegama.Kun maaliif ta’e? Waan seera biyyaa jedhamee barreeffame hojii irra maaliif hin oolle?

7.Seera biyyattii keessatti naannooleen mirga of danda’uu hanga fottoquutti ni qabu.Kun maaliif hojii irra hin oolle?

8.Barattootni oromoo yakkaniis ta’e osoo hinyakkiin qabaman maqaa shororkeessummaan himatamu.Kun maaliif?

Walumaa galatti gaaffiileen armaan olii kun hatattamaan nuuf deebi’anii seerri biyyaas hojii irra waan hin oolleef mootummaan TPLF mootummaa sanyiin bulchu dargaggootni Oromoo ,ilmaan Oromoo cuftii fi sabawwan cunqurfamoo yoommuu ajjeefaman kan dhimma hin qabnee fi aangoo isaa dhiibbaa lammiilee Oromoo irratti uumuun galii guddifachaa jiraachaa kan turee fi itti jiru waan ta’eef hooggantoonni EPRDF  aangoo gadhiisuun seeratti akka nuu dhiyaatan jechuun kabajaan gaafanna!

                                                       Nagaa Wajjiin!

Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbaaminc

Galagalcha

Waajjira caffee Oromiyaaf

Dhimmoota Federaalaa Itoophiyaaf

Waajjira Bulchinsa Yuunivarsiitiilee Itoophiyaaf

Bulchinsa magaala Arbaaminciif

Qaama dhimmi ilaallatu maraaf

Diddaan Barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaa Itti Fufe

Aside

Muddee 17,2012 Jimmaa

Muddee 16,2012 Magaalaa Jimmaa keessaattii eebbii kitaabaa mataa dureen isaa TOKKUMMAA jedhuun Dr Takkalaa Oljiraatiin kan barreeffaamee barattoota Oromoo Yuniversity Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas ummata Oromoo magaalaa Jimmaa barnatti iddoo bashannanaa Aweetuu jedhamutti sirna howwaan eebbifame.

Sirna eebba kitaaba kanaa sababeeffaachuun goototni baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa  mooraa Afran[4] irraa baratan main cumbasii guddaa, mooraa Qonnaa [Agriculture] , mooraa Teekinologii fi mooraa Business and Economics fi Koolleejjii Barsisotaa Jimmaa  irraa barataan walittii dhufuun addaatti sirbotaa qabsoo Bilisummaa Oromoo leellisaan kanneen akka” Qeerroo Lolii loli lolleetumaa gallaa xiiqii Rambaa rambaa godhii” jedhuu fi sirbotaa Ebbisaa Addunyaa ”Ani Barbaadee yaa sii dhabee garamjirtaa WBO kiyyaa, garam jirtaa Qeerroo kiyyaa, garamjirtaa goootaa kiyyaa” jechuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo farsuun ummataaf barnotaa Guddaa dabarsaan.

Kana malees Artiistii kabajamaa fi beekamaan Adinaal Maamed lafa kanatti argamuun sirbotaa Warraaqsaas sirbuun ummataaf barumsi kenname, Artistii Adinaan sirbotaa akka michuu baay’een Qabaa lixaa biiftuutirraa dhamsaa koon naf gahii Oromotaa Maraaf jechuun Dargaggotaa fi Ummataaf sirbaa Oromummaa farsaa garaagaraa sirbuun ergaa guddaa dabarsee jira.

Karaa biraa addatti gareen hoggana Qeerroo godina Jimmaa waraqaalee warraaqsaa kan gaaffi ummata Oromoo ijoo ta’an of irraa qabuu fi mata duree waamicha FDG darbaru guutummaa maglaa Jimmaa keessa facaasuun beekame.

Hoggaansii Qeerroo murtii mannii murtii federaala EPRDF fi Wayyaanee murtii sobaa fi Loogdummaa sanyii irraatti hundaa’ee yeroo garaagaraattii ilmaan Oromoo irraattii murteessuun mana hidhaatti guruu cimsee balaleeffaachuun addattii immoo torbee darbee keessaa Ilmaan Oromoo Obboo Baqqalee Garbaa fi Obboo Olbaanaa Leellisaa fi namotaa sagal[9] isaan dukaa mannii  murtii Waayyaanee murtii dabaa kan sanyuummaa fi loogduummaa irraattii hundaa’ee irraattii  murteessee, jiruu qeerroon cimsee balaaleffaachuun, hidhaan, ajjeechaan, biyyaa irraa arii’atamuun, yoom iyyuu Ummataa Oromoo qabsoo bilisummaa isaa irraa duubatti deebisuu kan hin dandeenyee, ta’uu barruulee faccaasaniin beeksisanii jiru.