a:Y.G(2005)
Ginbot 7 , dhuma irratti bifa maalii qabatee qabsoo isaa itti fufu akka yaade isaanumaaf dhiifnus, Kaayyoo isaa , isaaf qofaa itti tolu milkeeffachuuf jedhee shiroota summiin gutamaniin nama faalu barbaade, wayyaanee irraa adda taasisanii ilaaluun gonkumaa hin danda’amu. Obsi daangaa qaba . of tuulummaan isaanii addatti Gaazexessitoota isaanii irraa mul’atu fi, haasaan guyyuu irra deddeebi’amee dubbatamu, AMAARIFFAAN “ Andaand Natsaa awuciwochi nan baayochi” “ Hagar inganaxilaallan baayochi” “ Etiyophiyaawwii ayidallanim baayochi ” siyaasa siree irra baasanii “yetawaladan hizib malayayat yemmifalliguu ye hassaab dahawochi” jechurra ga’uunn isaanii , ofittummaa isaanii ifatti kan nutti mul’isuu fi hangam nu tuffachaa akka jiran nu huabchiisa. Adeemsi kun ammoo gonkumaa Biyya sana miti , Biyya alaa jiranittu furmaata argamsiisuu hin danda’u.
Humni akka mucaa daa’imu fixatee dhaabbachuuf bititiraa jiru ta’u kun Immiyyee Itoophiyaa , Lazalaalam tinur jechaa , waan silaa bara baraaf ishee jiraachisu hojjachuu irra , summii siyaasaa anatu siif beekaan , Biyyatti boolla hamaatti oofaa akka jiran odoo huabatanii dansaa ta’a.