Mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa keessatti diddaan barattootaa jabaatee itti fufe.

Aside

Muddee 13,2012 Geedoo

Godina Shawaa lixaa aanaa Calliyaa mana barumsaa Geedoo sadarkaa lammaffaa keessatti ammas diddaan barattootaa itti fufe. Barattootni Oromoo garbummaa mootummaa Wayyaanee of duraa buqqisuuf wareegama jajjaboo kaffalaa kan turan yoommuu tahu yeroo ammas daran jabaachuun wareegama qaqqaalii kaffalaa jiru.Barattootni mana barumsaa Geedoos

  1. mootummaan wayyaanee nu hin bulchu
  2. Dura taa’aan barataa mana barumsaa(student council) filannoo barattootaan malee wayyaaneen tahuu hin qabu
  3. Yeroo hunda barattootni oromoo gaaffii mirgaaf hidhamuu hin qaban

Jechuun diddaa itti fufanii jiran.Mootummaan wayyaanee diddaa barattootaa dhaabuuf barattoota oromoo mana barumsaa irraa arii’us diddaan daran jabaatee jira.Mootummaan Wayyaanees diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf barattoota doorsisaa jira.Waraanni Wayyaanee sakatta’insaa magaala kana rakkisaa kan jiran yoommuu tahu waraqaaleen waamichaa barattoota irraa darbee jira.

!

Qeerroo Yuuniversity Adaamaa.Muddee 2012

Aside

Dargaggooti Oromoo Barnoota Yunversity Xumuratan Dabballoota ABO dha Sababa Jedhamuun Wayyaaneen Ukkaamfaman

Aside

Muddee 12,2012 Finfinnee

Godina Shawaa bahaa magaala Bishooftuu keessaa mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo maqaa dabballoota ABO jedhuun yakke qabuun gara mana hidhaatti darbe.

Mudde 10/2012 guyyaa keessaa saa 2:00 pm irratti dargaggootni Oromoo hoteela Baqqalaa Mollaa keessaa laaqana nyaachaa wayita jiranitti isin ABOtu isin erge,Qeerroo beektu jechuun tikni mootummaa Wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsee fudhatee jira.Dargaggootni oromoo kunneen gara Finfinnee dhoksaan kan fudhataman yoommuu tahu bakka eessa akka jiran hin beekamu.Maatiin dargaggoota kanaa mana hidhaa maaikelaawwii gaafatanis mootummaan wayyaanee bakka jiran dhoksaa jira.Dargaggootni kunneen

1. Dargaggoo Wayyeessaa Guddataa Tuulii dhalootaan wallagga bahaa,sadarkaa barnootaa digirii management 2. Dargaggoo Abdu Mohaammed dhalootaan Harargee Mieessoo,sadarkaa barnootaa digirii 1ffaa accounting

Kan tahan yoommuu tahu yeroo ammaa bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Dargaggootni kunneen hojii barbaaddannaaf gara Bishooftuu kan deeman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo hojii dhabdummaan rakkisaa miseensota ABO ti jedhee hidhaa jira.

Guyyaa Sabaa fi Sab-lammii Yunversity Arbamincitti Qophaaye irratti Bakka Bu’aan DH.D.U.O Yuunivarsiitii Arbaminc Qeerroo Tumsite Jedhamee Qormaataaf Dhihaate

Aside

Muddee 12,2012 Arba Minc

Mootummaan Wayyaanee shira bittaa umrii isaa dheeressuuf guyyaan ayyaana sabaa fi sablammii akka kabajamu ofii bixxiluun ifa.Ayyaana kanas Yuunivarsiitiilee,manneen barnootaa gad aanaa fi magaalottan garaa garaa keessatti karoorfatee ture. Qeerroon olola dharaan Wayyaaneen gurra uummataa fi mirgoottan namummaa Addunyaa duuchuuf shira lafa taae tahuu hubatee hubachiisuun ayyaana kana irratti gaaffiiwwan mirgaa,waamichii fi hubannaan uummataaf akka godhamu irratti hojjetee jira.

Haala kanaan miseensotni DH.D.U.O waamicha Oromoo KG DH.D.U.O warraaqsa keessatti of ijaarani irraa isaan dhaqqabe hojii irra oolchuun gaaffiin bilisummaa gaaffii adda durummaan uummata Oromoo tokkummaaeen gaafatamu tahuu akka qabu wal hubachiisuun gaaffii mirgaas kaasanii jiran.

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti guyyaa ayyaana sabaa fi sablammii Wayyaaneen qopheeessite irratti qeerroon tokkummaan sirboottan warraaqsaa,gootummaa sirbanii jiran.Miseensotni DH.D.U.O tahan qeerrootti dabalamuun uummatni Oromoo biyya of dandeessee fi alaabaa ofii qaba waan taheef alaabaa alagaa hin baannu jedhanii jiran.Haaluma kanaan wal qabatees wayyaaneen barataa Oromoo dura taaaa miseensota DH.D.U.O kan barattoota yuunivarsiitii Arbaminc kan tahe Huseen Junda barataa water supply and Enviromental Engineering waggaa 5ffaa tahe qorannaan cinqaa jiru.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Arbaminc Mudde 16/2012 ifaan dhimma Oromummaa irratti haasauuf kora qabatan.Guyyaa kana irrattis ifaan dhimma QBO irratti mariin jabduun taasifama.