Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Keessatti Diddaan Qonnaan Bultootaa Dhalate. Wayyaaneenis Yaaddoo Keessa Bu’uu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 08,2012 Finca’aa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo keessatti fincilli qotee bulaa dhalate. Aanaa Horroo Ashaayyaa keessaa mootummaan Wayyaanee maqaa hidhaa Laga Nasheen qotee bultoota kumaatamaan qe’ee irraa buqisee kaasaa isinii kaffalla jechuun sossobee hanga yoonaa xumuruu dhabuu irra darbee naannoo Dotii jedhamutti bakka uummatni dhukkuba busaan rakkachuu irra darbee tajaajilawwan hawaasaa kanneen akka mana barumsaa,Hospitaalaa,gabaa fi bishaan dhugaatii qulqulluun hin jirre galchuun rakkisaa jiraachuun beekame.

Qotee bultootni qe’ee isaanii irraa humnaan buqa’anii naannoo amma qubsiifaman kanatti dirqamaan kan galan yoommuu tahu Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti waadaa galuun wanneen barbaachisaa xumura jedhus uummatni obsaan eegee dhabuun irra deddeebbiin gaafatus deebiin waan hin kennamneef gamtaan falamatti seenanii jiran.Yeroo ammaa uummatni Oromoo naannoo kanaa dhukkuba busaa fi kanneen biroon haala hamaa keessatti kan argama.Qotee bulaan naannoo kanatti dhukkubaa fi rakkoo shira Wayyaaneen dararamaa jiru mootummaan Wayyaaneen yoomuu hiika nuu kennuu waan hin dandeenyeef ilmaan keenya akka nuu birmattan jechuun dhaammachaa jiran.

Haala kanaan rakkoon dabballoota Wayyaanee fi qotee bultoota jidduutti dhalate hammaachaa deemuu fi gamtaan qortee bulaa fi barattooti naannoo adda addaa irraa diddaa jalqabame kanatti birmachaa akka jiranis gabaasi nu gahe addeessa.

Gama biraan yeroodhaa gara yeroottis rakkoon qotee bultoota kanneen irratti taasifamu akka dhaabbatu kanneen gaafatanus isin Seelii diinaati jedhamuun qoratamaa kan turan yoommuu tahu yeroo ammaa qorannoo diinaan hedduu rakkamaa jiru.Hidhattootni naannoo kanaas isin uummata waliin jirtu malee mootummaa waliin hin jirtan jedhamuun qorannoo fi walgahii olola wayyaaneen rakkachaa jiru.

Waraqaa Waamicha Qeerroo Yeroo Ammaa Oromiyaa Keessa Baldhinaan Faca’aa Jiruu.

Aside

SOCHII DARGAGGOOTA BIYYOOLESSAA KAN BILISUMMAA FI DIMOKIRAASII(QEERROO)
Barattootni,barsiisotni,Qotee bulaan,Daldalaan,Dafqaan bulaan,Hojjetaan,Hojii dhabaa,…Uummata Impaayera biyyattii maraaf!
Mootummaan wayyaanee guyyaa sabaa fi sablammii shira bittaa isaa dheereffachuuf tolfate tahuun ifatti beekamaa dha.Impaayera Itoophiyaa keessatti uummatni biyyattii keessaa halkanii fi guyyaa wayyaaneen osoo walitti buusaa jiruu,gaaffiiwwan mirgaa gaafataman ukkaamsuuf hidhaa fi ajjeechaan uummata osoo rakkisaa jiruu wayyaaneen uummata biyyattii TV fi raadiyoo siyaasaaf tolfateen gowwoomsuuf waan jiruuf akka dura dhaabbattan dhaammana.Keessumaa erga muummichi ministeeraa mootummaa abbaa irree wayyaanee Mallasaan du’ee wayyaaneen ofitti amanamummaa dhabee keessi isaa duwwaa wayita tahetti gaaffii bilisummaa kaasuun qeerroo cinaa akka dhaabbattan waamicha dabarsina!
Waraqaan kun akka isin dhaqqabeen nama shanii fi isaa olii dabarsuun dirqama lammummaa baanu!

የኦሮሞ ወጣቶች ብሔራዊ ንቅናቄ ለነፃነትና ለዲሞክራሲ(QEERROO)
ለተማሪዎች፣አስተማሪዎች፣አርሶ አደሮች፣ነጋዴዎች፣ላብ አደሮች፣ሥራ አጦች…ለኢምፓየሪቱ ሀገር ህዝብ በሙሉ!
አምባገነኑ የወያኔ መንግስት የብሔር ብሐርሰቦች ቀን እንድከበር ያቀደዉ የስልጣን ዕድሜዉን ለማራዘም እንደሆነ ግልፅ ነዉ፡፡
ሀገርቱ ዉስጥ የሚገኙትን ብሔር ብሐረሰቦች እርስበርስ እያጋጨ፤የመብትና የነፃነት ጥያቄ የሚያነሱትን እያሰረና እየገደለ እያለ በተቃራኒዉ ደግሞ የራሱ የሆኑትን ሚዲያዎች በመጠቀም ህዝቡን እያታለለ ስለምገኝ እንድታወግዙት መልዕክታችን እናስተላለፋለን፡፡
ከመለስ ዜናዊ እረፍት ወዲህ ወያኔ በራስ መተማመኑ ጠፍቶ ዉስጡ ባዶ ስለቀረ ሁላችሁም ለነፃነት ጥያቄ ተባብራችሁ እንድትነሱ ጥሪያችንን እናስተላልፋለን፡፡
ይሄን መልክዕት ለአምስት ሰዉና ከዛ በላይ በማስተላለፍ የዜግነት ግደታችንን እንወጣ!

Qeerroo pum.pdf