Ayyaanni ireechaa Godina Iluu Abbaa Boora Aanaa Mattuu Ganda Diizii Keessatti Haala Ho’aan Ayyaaneffatame.

Aside

Muddee 07,2012 Mattuu
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu ganda Diizii keessatti uummanni Oromoo godina kana aanaa garaa garaa keessaa walitti dhufuun ayyaana irreechaa yeroo 7ffaa haala ho’aan ayyaanessan. Ummanni Oromoo aadaa,seenaa fi amantii keenya guddisuun dirqama Oromummaati jechuun qophii ayyaana kanaa irratti uummatatti beeksisaa kan turan milkaa’un uummatni kumaatamaan lakkaa’amu walitti tokkummaan ayyaanessee jira.
Tokkummaan ilmaan Oromoo yeroodhaa gara yerootti mootummaa Wayyaaneetti yaaddoo kan uumu yoommuu tahu mootummaan Qeerroon gaaffii mirgaa uummatni akka kaasuuf cinaa dhaabbata sodaa jechuun basaastotaa fi waraana bobbaasus uummatni shira mootummaa wayyaaneef osoo hin jilbeeffatiin tokkummaan ayyaanessee jira.Waamicha oromummaa Koree Gidduu Galeessaa DH.D.U.O irraa miseensota DH.D.U.O biiroo aadaa fi Tuurizimii dhaqqabeen miseensotni DH.D.U.O shira mootummaan wayyaanee ayyaana kana fashaleessuuf godhu saaxiluu isaaniin qeerroon galateeffatee jira.Hojiiwwan Mooraa QBO gabbisuuf godhamus tokkummaa saba Oromoon jabaachuu akka qabu Qeerroon waamicha dabarsee jira.Ayyaana irreechaa kana iratti qophiiwwan garaa garaa kan dhiyaatan yoommuu tahu walleewwan gootawwan Oromoo faarsanii fi kutannaa uummatni qabsoo keessatti qabu guddisuuf qeerroon wallisuun uummata hubachiisee jira.Uummatnis gaaffii mirgaa qeerroon kaasaa jiru cinaa dhaabbachuuf murtii dhumaa irra akka jiranis ibsanii jiraachuun gabaafame.

Seife Nebelbal Radio Program (SNRP): Opinions on Reconciliation between OLF factions, Nuho Gobana and Qeerroo

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Muddee 06,2012. Gaaffii Qeerroo Waliin Ta’ee fi Qophii Adda Addaa Qabatee Jira

Aside

Mootummaan Wayyaanee Godina Jimmaa Magaalota Adda Addaa Irraa Ibsaa Dhaabe.

Aside

Muddee 06,2012 Jimmaa

Muddee 3,2012 irraa egaaluun Godinaa Jimmaa magaalaa Jimmaa, Aggaroo, Baddaallee fi Iluu Abbaa Booraa, irraa motummaan abbaa irree Wayyaanee tajajilaa Ibsaa, Bishanii fi network balleessuun torbee tokkoof ummataa dararaa jiraachuun beekame. Kessaattuu haala kanaan jiraatotnii magaalaa Jimmaa rakkinaa keessaa seenaani jiraachuun hubatamera.Mottummaan abbaa irree kan ummataa Oromoof guyyaa tokkoo yadaa garii yaadee hin beeknee, yeroo amma kana Ummannii Oromoo Oromiyaa biyyaa abbaa isaa fi dachee badhatuu Oromiyaa irraatti tajajillii hawwaassuummaa wakkatameefi, qabeenyaa ummataa qabeenya isaa irraattii abbummaa dhabee jiruu fi jireenyaa gadadoo keessaa jiraachuun ibsame, Gochaa Dinummaa kanaa Cimsee kan balaleeffaattuu fi dinaa fulduraa dhaabbatee Falmaa Bilisummaa gaggeessaa kan jiruu Qeerroon gochaa motummaan abbaa irree harka lafaa jalaan Ummaataa midhuu kanaa cimsee ni balaaleffaata.

Sirna abbaa irree Wayyaanee Ummataa biyyaattii dararaa jiruu kanaas Angoo irraa maksuun ummatichaa abbaa angoo taasisuufi halkanii guyyaa beelaa, dheebuu fi rakkinaa kamiif illee utuu hin jilbeefatiin qabsoo fincilaa diddaa garbummaa golee Oromiyaa keessaatti gaggeeffamaa jiruu jabeessuun cimsinee kan itti fufnuu ta’uu hubachiisuun Ummannii keenyaa nu cinaa akka
dhaabbataan cimsinee dhammanna jedhanii jiru.