Muddee 05,2012 Naqamte
Yeroo ammaa akkuma beekamu mootummaan wayyaanee olola afaan faajjessaa mirgi sabaa fi sablammii biyyattii keessaa kabajameera maqaa jedhuun Guyyaa sabaa fi sablammii kabajaa,kaan ammo qophii taasisaa jira.Garuu akeekni mootummaa wayyaanee qeerroon bakkeewwan garaa garaatti fashalaa jira.Television fi raadiyoon uummata gowwoomsuu akka hin dandeenyee fi mirgi uummattoota Impaayera biyyattii akka hin kabajamne qeerroon yuunivarsiitii garaa garaa keessatti dura dhaabbachuun akka fashalu taasisee jira.
Mudde 03/2012 Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti mootummaan wayyaanee guyyaa sabaa fi sablammii barattootni oromoo akka kabajan waamicha dabarsus barattootni kun olola diinaati,Kana waliin wayita dhaabbannuu fi kabajnu hin qabnu jechuun hafan.Mootummaan wayyaanee fi Bulchinsi mooraa barattoota kumaatamaan kabajsiisuuf akeekkatus barattootni bahuu diduun wayyaanee rifaasisee jira.Ololli mootummaan wayyaanee qopheesses fashalee jira.Miseensotni DH.D.U.O mooraa yuunivarsiitii keessaa waamicha isaan dhaqqabeen QBOtti makamuun guyyaa sabaa fi sablammii irrattis hirmaannaa dhiisanii jiran.Waraqaalee waamichaa Mudde 02/2012 galgala sabboontotni oromoo raabsaniin ololli siyaasaa wayyaaneen ittiin bittaa umrii isaa dheereffachuuf akeekkate qeerroon fashalee jira.Guyyaan sabaa fi sablammii kunis baayina barattootaa kanneen mootummaa wayyaanees amanamaa tahanii fi ilmaan habashaa muraasaan fakkeessanii jira.
Injifannoo uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!