Muddee 04,212 Haromaaya
Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa kan ittiin dheereffatu keessaa tokko oloa dharaa foddaa TV fi Raadiyoon gaggeessuun uummata gowwoomsu dha.Kana keessattis guyyaan ayyaana sabaa fi sablammii bakka guddaa qabata.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti tokkummaa uummattoota Impaayera Biyyattii keessaa diiguuf wal waraansisaa,Wal ajjeesisaa ture,amantii keessa seenuun uummata shororkeessaa ture mirgi sabaa fi sablammii biyyattii keessaa kabajamee jira jechuun guyyaa sabaa fi sablammii qopheessee jira.Tooftaan Wayyaanee kun uummata biyyattii birattis saaxilamee jira.Wayyaaneen garuu akkuma karoorfate abdii kutannaa dhabuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Mudde 02/2012 barattootni guyyaa sabaa fi sablammii akka kabajan qopheessus diddaa barattoota Oromoon fashale.
Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa nuyi aadaa,biyyaa fi seena guutuu qabna,uummata biyya of dandeesse qabu dha jechuun diddaa dhageessisanii jiran.Wayita ayyaanni kun qopheeffamettis mooraa yuunivarsiitii keessa naannauun dhaamsa barattoota Oromoo maraaf dhaamanii jiran.WalleeOROMOO ISIN WAAMTI HARMEEN jedhu Qeerroon Oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa Gamtaan ilmaan Oromoo maraaf waamicha dabarsanii jiran.
Gama biraan miseensotni DH.D.U.O Yuunivarsiitii Haramaayaa Qeerroo yuunivarsiitii kanaatti dabalamuun sirba Nuhoo GoobanaaTOKKUMMAA jedhu harka wal qabatanii sirbuun yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti yeroo jalqabaa fi mootummaa Wayyaaneetti yaaddoo guddaa kan naqe ture.Miseensotni Qeerroo tokkummaa ilmaan oromoon hedduu kan gammadanii fi mooraa QBO keessattis araara taasifameen hedduu itti boonuu isaanii ibsatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee godha kanaan kan baarage basaastota hedduumminaan bobbaasus tokkummaa barattoota oromoon fashalee jira.
Guyyaa sabaa fi sablammii mootummaan Wayyaanee shira bittaa umrii isaa ittiin dheereffachuuf dalagu irratti qeerroon T-shirt loogoo qeerroo fi duubaan QEERROON BILISUMMAA OROMIYAAF WAREEGAMA KAMUU BAASA jedhu qopheeffachuun uffatanii jiran.Basaastotni mootummaa wayyaanee irraa ramadamuun waardiyaa mooraa qabatanii naannawuun barattoota doorsisuuf yaalanis tokkummaa barattoota oromoon shirri wayyaanee marti fashalee jira.Ayyaanni sabaa fi sablammii jedhamu mooraa yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti akka wayyaaneen yaaddeen kabajamuu dhabuun bulchinsi mooraa gaaffii wayyaanee jalatti akka kufus taasisuu odeeffatni bulchinsa mooraa irraa qeerroo dhaqqabe saaxilee jira.Wayyaaneen mooraa yuunivarsiitii mara keessatti qophii wal fakkaataan kan itti qophaaaa jirtu barattootni oromoo fi sabawwan cunqurfamoo marti akka shira wayyaanee dura dhaabbattan waamicha dabarfatanii jiru.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk