Muddee 02,2012 Finfinnee
Erga muummichi ministeeraa mootummaa abbaa irree Mallas Zeenaawwiin du’aan boqotee dhaabbati EPRDF Wayyaaneen guyyaa tokko illee nagaa argatee hin bulle.Diddaan hojjettoota irraa yeroodhaa gara yerootti itti dhiyaachaa kan dhufe yaaddoo jabaa keessa buusee jira.Gaaffiin mirgaa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) daran jabaachaa dhufuun mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti yaaddoo jabaa tahee jira.
Gaaffiin mirgaa fi Bilisummaa hojjettoota Oromoo Magaala Finfinnee Kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 07 keessatti wal gahii mootummaan Wayyaanee ololaaf waamte irratti ifaan gaafatame.Gaaffiileen
- Ilmaan Oromoo baay’inaanis tahe qabeenyaan Uummata Itoophiyaa
- dursanii osoo argamanii aangoon siyaasaa fi diinagdee akkasumas abbaa biyyummaa maaliif hin kennamu?
- Hojjettoota mootummaa keessaa lammiileen Oromoo ija diinaan ilaalamuun sababa maalii akka ta’e beekamuu qaba?
- Wal gahii mootummaa Wayyaaneen qophaa’u irratti hojjettootni Oromoo
- maaliif lagatamu?
- Qorannaan,Hojii irraa arii’uun,Miindaa dhorkannaan,Hidhaan sababa
- Oromummaa qofaan maaliif hojjettoota Oromoo qofa mudata?
Kanneen jedhanii fi gaaffiilee marga sabaa fi sablammootaatti hidhatu heddumminaan kaasuun olola qondaalota Wayyaanee harkatti fashaleessuun gaaffii bilisummaa kaasanii jiran.
Dabballootni mootummaa Wayyaanee siyaasa mataa isaanii gaggeeffachuuf dhufan qaaniin deebi’uun gaaffii keessan gara Siivil Sarvisiitti dabarsina jechuun wal gahiin godhame diddaa fi gaaffiilee mirgaa jajjabduun golboobamee jira jechuun Qeerroon gabaasa.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk