Sadaasa 9: Guyyaa FDG – Fincila Diddaa Gabrummaa

Aside

http://www.gadaa.com/GadaaTube

QEERROON ,QEERRANSA TA’UUN AMMA !!!!!

Aside

Y.G(2005)

Appaartaayidii Ingilizootaan durfamu fi meeshaa hammayyaan deeggaramaa ture san, kan akka hurrii seenaa taasisee kan hanbise Dargaggoota ykn barattoota Afriikaa kibbaatii . dhaabni hara Afriikaa Kibbaa Bulchaa jiru yeroo qabsootti jiru , Qawwee tokkollee of harkaa hin qabu jechuutu dandaama. Garuu Ummata keessa gadi seenanii addatti, Dargaggoota keessa seenanii hojii boonsaa hojjataniin, Dhaloota Barnooti fi jireenyi Bilisummaa booda jedhu uumanii , humna jaarraa tokkof oliif irra ture konkolaachisanii jiru.

Warri Ingilizii yeroo sana, humna guutu Biyyaatti ala takkaan kaee akka Qeerranssaa itti utaalaa ykn fiigaa jiru kana dura dhaabbachuu yaadanis , hojiidhaan mulisuu hin dandeenye. Keessa isaanitti Abbaa Biyyuummaa warra gurraachaa ni fudhatu turan. Garuu hanga humni isaan sodaachisu argamutti, biyyatti qorquu waan barbaadaniif ilaallachaa sirbaa turan. Humni Ummataa yeroo jabaatu hegaree isaaniif yaaddauu qofaa odoo hin taane, Qabeenyaa harka 99 tuatanii jiran dhabuus waan hin feeneef , Abbaa biyyuummaa warra gurraachaa liqimsanii waliin jiraachu filatanii dhibee malee jiraataa jiran.

3FFAA=QEERROON,QEERRENSA TA’UN AMMA !.docx

SBO Sadaasa 04 Bara 2012

Aside

Kan Taa’u Hin Gufatu….Walaloo

Aside

Kan Taa’u Hin Gufatu.
Qabsoo Bilisummaaf waadaa seente eegdee,
Jireenya dhuunfaa kee kan sanaaf wareegde.

Yaa qabsaawaa haqaa kan sabaaf dhaabattuu,
Hamilee kee hin tuqin gochi ayyaan-laallattuu.

Hanga ergama kee kabajaan raaw’attuu,
Obsaan tarkaafadhu gufuunis baay’attu.

Guggufachuun kan kee sossoha keeti ibsaa,
Yoo irraa waa baratte duranaaf si cimsaa.

Kan warraaqu malee Kan Taa’u Hin Gufatuu,
Sammuu yaadu malee dhagaan hin hubatu.

Gurra irraa cufadhu warra taa’ee fagu,
Yeroo kee qisaasuu, hojii kee si daguu.

Isaan qabsoo dheeffa bakka oduu reebanii,
Ati hojiidhaan qolchi isaan haa xeebanii.

Malkaa Caffee
Sadaasa 2012
Malkaacaffee@gmail.com

Qeerroon Barana Maal Jedhee?

Aside

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa Koollejjii Ogummaa fi Teeknikaa Amboo Keessaa Ukkaamsee Mana Hidhaatti Darbe

Aside

Sadaasa 03,2012 Amboo

Araada ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan qabu Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessaa barsiisaa Koollejjii ogummaa fi Teeknikaa kan ta’e Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa mana hidhaatti ukkaamse.Barsiisaa Dhaabaa Ejjetaa barsiisaa dandeettii barnootaan jabaa tahee fi barattootaan jaallatamu tahuun Wayyaanee biratti hojii siyaasaa hojjetta jedhamuun yakkamee mana hidhaatti akka darbamu taasisee jira.Mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattootaa fi barsiisota ilmaan Oromoo tahan addatti gara mana hidhaatti funaanuu kan amaleeffate ammas itti jira.Gaaffiin mirgaa biyyattii keessatti finiinee Wayyaanee cinqaa jiru hanga deebii argatu jabaatee akka itti fufus Qeerroon magaala Amboo dhaamee jira.Gaaffii mirgaa kan bilisummaa gaafachuu irraa shirri mootummaa wayyaanee qeerroo dhaabuu hin danda’u.Ilmaan Oromoo Golee Oromiyaa mara keessaa gaaffii bilisummaa kaasuu akka qabnus Qeerroon dhaammata.

Lammiileen Oromoo Guyyaa Alaabaa Wayyaanee Kabajuu Didan.Sababa Kanaanis Saboontoti Hidhaman.

Aside

Sadaasa 03,2012 Finfinnee

Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessatti mootummaan wayyaanee guyyaa alaabaa hin kabajne jechuun ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaasaa jira.Lammiileen Oromoo 1. Obbo Tamasgeen Tarrafaa 2. Geetuu Oljirraa Jedhamana tika mootummaa Wayyaaneen yakkamanii qabamuun gara mana hidhaa Wayyaanee magaala Ambootti erga fudhatamanii booda Onkoloolessa 01/2012 halkan saa 7:00tti mana hidhaa sanaa fudhatamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira. Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa jala dhaabbachuu kana dadhabe Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Cooraa keessaa lamiileen Oromoo 1. Sheik Ahmed Mahaadii 2. Ibraahim Ismaael 3. Taaddasaa Gaaromaa 4. Ziyaad Umar Jedhaman namoota maqaa isaanii hin arganne 15 waliin uummata Oromoo keessa deddeemuun uummata waaee siyaasaa barsiisaa jirtu,Qeerroo ijaaraa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa uummata irraa dhiyaatu dura dhaabbachuu dadhabuun ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Qeerroon akeeka gootawwan keenyaa hanga galmaan geenyu shirri Wayyaanee haamilee nu hin kutu jechuun diddaa jabeessaa jira.

Kana maleen Godina Wallaga aanaa Qeellam Anfilloo fi Horroo Guduruu Shaambuu,Gimbii magaalaa fi Innaangoo bakka jedhamuu Oromoonni hedduun guyyaa alaabaa kabajjuu diddan,irreessa Bishooftuu 2012 deemtanii dirqama ABO fudhattanii naannootti deebitanii jirtu jechuun akka hidhaa galan gabaasi naannicha irraa har’a nu gahe addeessa.Maqaa namoota kanaa akka qeerroo gaheen gabaasa.

Raadiyoo Seife Nebelbal,Simbirtuu fi TV Toronto

Aside

Seife Nebelbal Radio Program, Interviews ONLF and OLF Reps

Raadiyoo Simbirtuu

TVOMT: News, War on Religions or War on Oromos?

Oromiyaa:Irreecha 2012 “Leenci Bosonaa WBOn Yoo Dhufe” Artist Adnaan

Aside

Sabboonticha Artist Adinaan Mohammad. Irreessa 2012

Aside

Onkoloolessa 02,2012 Finfinnee

Ayyaana Irreessaa Bishooftuu baatii  Fulbaana 30,2012 keessa ta’e irratti mootummaan Wayyaanee sochii Qeerroo bilisummaa Oromoo ukkaamsuuf jecha yaaliin inni hin godhiin hin jiru,Dargaggoota Oromoo 150 ol yeroo hidhu,poolisoota Federaalaa fi naannoo Oromiyaa keessaas namoota hedduu sochii kana duubaan jirtu jechuun akka hidhee ture beekama. Suuraalee fi Video gariin gartuu median Qeerroo kaasan mootummaan irraa saamame,sabboontotiin hedduun godhchaa Wayyaanee kanatti yeroo mufatan sochii Qeerroon taasise iggitii itti gochuu hin dandeenye.

Haaluma kanaan guyyuma kana Qeerroon qindoomina jabaa godheen qophii sabboontotiin Oromoo Hoteela Obbo Warquu Biqilaatti qopheessan irratti argamuun gahee Oromummaa fi waraaqxummaa bahee jira. Addatti ammoo Warraaqtoti Artistooti Oromoo kanneen akka Dirribee Gadaa,Adinaan Mohammad,Hacaaluu Hundasaa fi kan dhihoo hidhaa diinaa keessaa bahe sabbootichi Kadir Martuu baadii Saglan Booranaan qindaawanii dirqama Oromummaa irra jiru bahanii jiru. Walleelee warraaqsaan miseensota Qeerroo fi ummata Oromoo gammachiisuun dhaamsa tokkummaa dabarsanii jiru.

Guyyaa kana diinni ni qaanawe,sabboontoti hangamuu hidhaman,roorroon irra gahe iyyuu haamleen osoo hin cabiin diddaa fi jibba mootummaa Wayyaaneef qaban muldhisanii jiru.

Qeerroon guutuu video fi suuraalee gara fuula duraatti bifa DVDn Oromiyaa fi biyyoota alaatti akka tamsa’uuf irratti hojjechaa jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!