Qeerroon Bilisummaa lammiilee Sidaamaa Hojjettootaa fi Barattoota ta’an waliin walitti dhufuun dhimma Qabsoo bilisummaa irratti marii godhee milkiin xumure!

Aside

Sadaasa 07,2012 Hawaasaa
Hojjettootni mootummaa magaala Hawaasaa keessa jiran hojjettoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma Qabsoo Bilisummaa irratti marii gaggeessan.Mootummaan Wayyaanee uummata biyyattii keessa jiran irratti cunqursaa,hacuuccaa,hidhaa fi ajjeechaan inni gaggeessu tokkummaa uummata cunqurfameen dhaabbata dhaadannoo jedhuun hojjettootni kunneen
marii isaanii kan jalqaban koree gaggeessituu warraaqsaa erga dhaabbatanii jiru.Mootummaan Wayyaanee wayita tasgabbii dhabee fi amanamtoota bara dheeraa isaa irraa amantamummaa dhabetti carraa balaan banamee kan jiru ibsuun hojjettootni kunneen caasaa mootummaa
Wayyaanee ilmaan Oromoo fi Sidaamaa kamuu keessa seenuun jabinaan hojjetamuu akka qaban irratti walii galanii jiran.Dhalatanii duuun wayita hin oolletti diinaaf kurkuraa kan jiraatan hubachiisuun gara Qabsootti akka deebisan irrattis marii jabaa godhanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Hawaasaa fi Barattoota Sidaamaa walitti dhufuun dhimma Qabsoo irratti mariiatanii jiran.Tokkummaan hojjechuun garboomfataa mootummaa Wayyaanee jalaa bahuuf kutannaan hojjetamuu akka qabu walitti dhaammachuun
Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti qofaa osoo hin tahiin yuunivarsiitiilee fi dhaabbiilee barnootaa kam keessatti tokkummaa fi mariidhaan diina waloo of irraa cabsuuf akka hojjetamu irratti walii
galuun ibsa ejjennoo gamtaa armaan gadii kana baafatanii jiru.
1. Mootummaan Wayyaanee diina waloo waan taheef diina keenya gamtaan buqqisnee biyya keenya irratti murteessuu fi bilisummaa uummata keenyaa argamsiisuuf yoomuu kam caalaa hojjechuuf waadaa sienna
2. Hojjettoota mootummaa,Barattoota,Daldalaa,Qotee bulaa mara sabawwan cunqurfamoo ijaaruun,qindeessuun gaaffii mirgaa akka gaafatan ni hojjenna
3. Mootummaan Wayyaanee abbaa irree tahuu hubachuun walitti dhufnee marii kan gaggeessuun seenaan yaadatamee hojii seenaa qabeessa akka tahuuf dirqama keenya haala kam keessattuu ni baana
4. Wayyaanee fi jala deemtotni isaanii hundeen buqqaanii uummatni biyyattii keessaa bilisummaa fi ofitti amanamummaan hanga jiraatanitti qabsoo keenya itti fufna
5. Bilisummaan biyya keenyaa mirkanaaee hidhamuun,saamamuun,ariiatamuun hang dhaabbatu qabsoo jalqabame itti fufna.
6. Ilmaan sabawwan cunqurfamoo mirga isaanii gaafachuuf wal qabatanii lafaa akka kaan irratti hojjenna. Ibsawwan ejjennoo armaan olii kana baafachuun yeroo hundaa bilisummaa mirkaneeffachuuf haala kam keessattuu irbuu tikfachuun akka hojjetan irratti walii galanii jiran.

SBO Sadaasa 7 Bara 2012

Aside

Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) Hanga Bilisummaa Oromiyaatti Jabaatee Itti Fufa (Ibsa ABO)

Aside

Sadaasni 9, bara 2005, labsa Adda Bilisummaa Oromoo irraa dhihaateen guutuu Oromiyaa keessatti fincilli diddaa gabrummaa bifa duraanii caalaatti qindaawaan guyyaa itti labsame dha. Hará Sadaasa bara 2012 irra dhaabbannee waggaa torbaffaa labsii FDG kanaa yaadachaa jirra.

Sadaasa 9, bara 2005 fincilli kun maaliif bifa qindaawaan labsame? Gaafas haala akkamitu ture, hará hoo haala akkamitu harkaa nu qaba? Fuulduraaf hoo maaltu mala? Gaaffiilee kana gabaabsanii deebisuun barbaachisaa taha. Ummanni Oromoo diina irratti kan finciluu eegale akkuma humna qawweetiin cabee jilbeenfachiifameen ture. Fincilli diddaa gabrummaa Sadaasa 9, bara 2005 wayta labsametti Itoophiyaa keessatti oduun belbeltuun dhimma itti baha filmaata wayyaanee bara sanitti geggeeffamee turee ti. Filmaata sana keessatti sagaleen Oromoo ukkaamamaa ture. Sagaleen humnoota siyaasaa filmaata san keessatti aangaée dhagahamaa ture sagalee paartii biyya bituu fi kan dhaaba mormituu barasii ‘Qinijjit’ jedhamuu qofa ture. Bahii filmaataa irratti wal falmiin humnoota kana lamaan gidduu ture QBO waggoota kudhanootaaf geggeeffamaa ture irratti gaaddiddeesse. Gaaffiin siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru kanuma humnoota lamaan filmaata irratti hirmatanii qofa akka tahe fakkeesse. Falmaan qabsoo fi sagaleen diddaa ummatoota cunqurfamoo ni ukkaamame.

Guutuu ibsa kanaa:-

Afaan Oromoon :- Waggaa 7ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa.pdf

Afaan Amaaraan:- FDG-Amharic.pdf

TVOMT: Haala Yeroo Irratti Obboo Johar Mahammad Waliin Haasaa Taasise

Aside

“First they ignore you, then they laugh at you, then they fight you, then you win.” Mahatma Gandhi

Aside

“Isin Yaamti Harmeen” Sabboonticha Artist Kadir Martuu

Aside

Sabboontichi Artist Kadir Martuu  walakkeessaa bara 2012 irratti biyya ollaa Oromiyaa keessaa humnoota tika Wayyaaneen qabamee badii tokkoon mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti darbame. Baatii darbe keessa mana hidhaa keessaa erga bahee Qeerroo Oromiyaa fi ummata isaa jaallatu Oromoo waliin ayyaana irreechaa 2012 irratti aramuuf carraa argate,sabboontota baadiin Saglan Booranaa waliin walleelee warraaqsaa jajjabduu wallisuun dirqama lammummaa bahanii jiru,kanneen wallifame keessaa qicnee kan K.Martuu isin yaamti harmeen jedhu kuno…

Wallaga,Aanaa Anifilloo Keessatti Diddaan Ummataa Jabaatee Daandiin Konkolaataa Cufame

Aside

Sadaasa 05,2012 Naqamte

Gabaasaa Qeerroo Qellem,Anfilloo irraa haaluma arman duraa irraa adda kan taanee haala raafamaa fi sodaa mootummaan wayyaanee ona sana irratti qabuun wal qabsiisee har’a Sadaasa 4 addeessuun sadaasa 1 kaasee dargaggoota fi uummata isaaf amanamoo ta’an walitti waamuudhaan walgayii adeemsisaa turuun akkasuma itti fufee akka adeemsifamaa jiru gabaasaan Qeerroo addeessa.Dhimmi walgayii isaanii kunis haala sochii ABO ilaalchisee biyya keessatti hojii gaggeessa jiru keessattuu kunoo miidiyaa isaaniitiin haala sochii mootummaan keenya qabu kan aanaa keenyaa kana miidiyaadhaan darbaa jira, kun ammoo qaama biroo osoo hin taanee nu keessaa kan ABOdhaaf basaasaa jirutu jira, kana akkamitti qorannoodhaan bira geenya, kana qofa miti kaayyoo mootummaan diriisree jiru ammallee fesheleessuuf sochiin isaanii jabaataa jira haala kana irratti hammam qophii qabdu jedhuun walgayii kana irratti mata duree godhatanii gaggeessaa akka turan gabaasaan addeessa.Itti fufee Sadaasa gaafa 3 ona Anfilloo ganda Suddii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Abbush jedhamu loltoota Wayyaaneen qabamee mana hidhaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Kana malees daandiin konkolaataa ganda sana keessa darbee gara Gambeelatti geessuu uummataan cufamee konkolaataan akka hin dabarree ta’eetu jira,kana qofa osoo hin taanee dargaggoonnii fi uummanni aanaa sanii walii galatti mootummaa balaaleffachuu irraan kan ka’e Sadaasa bultii 3 irraa kaasee waraqaa mallattoo dhaabaa qabu babarreessuudhaan suuqii, mana barnootaatti maxansuudhaan, waajjiralee garagaraa biratti agarsiisaa akka jiran gabaasaan addeessaa jira. Akka gabaasaa Qeerrootti sochiin uummataa fi dargaggootaa barattoota waliin daran aanaa Anfiloo irratti jabaachaa akka jiru gabaasaa hima.
Qabsoon itti fufa!!Gabrummaan ni kufa!!

Diddaa Deemsifamaa Jiruun Wal Qabatee Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Cooraa Keessatti Uummatni Walgahii Wayyaanee Lagate.

Aside

Sadaasa 09,2012 Mattuu

Diddaa biyyattii keessatti adeemsifamaa jiruun wal qabataee Godina Iluu abbaa booraa aanaa Cooraa ganda Abdallaa keessatti uummatni oromoo wal gahii olola mootummaa wayyaanee lagate.Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataan kan wareere ilmaan oromoos mana hidhaattu guuruun isintu diddaa qindeessa jechuun rakkisaa jiru.Bulchinsi ganda Abdallaa Obbo Muddin Maammoo Wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun ilmaan oromoo naannoo kanaa gara mana hidhaatti guursisaa jira.Ilmaan oromoo 1. Sheik Kadir Ismaael 2. Obbo Mohaammed Kadir 3. Dargaggoo Shaafii Bayyanaa fi 4. Obbo Daawud Sheik Kadir Jedhaman mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa Sirna wayyaanee keessatti hiraarfamaa kan jiran yoommuu tahu Obbo Muddin Maammoo gochaa hojii diinummaa irraa hin dhaabbatu taanaan tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatu qeerroon aanaa kanaa dhaamee jira.

Godina Shawaa Lixaa Keessatti,Hojjettooti Mootummaa Oromummaan Yakkamuun Hidhaman

Aside

Sadaasa 05,2012 Finfinnee

Shirri mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan hin dhaabbanne Godina shawaa lixaa magaala Amboo keessatti hojjettoota bulchinsaa kan tahan isin ABO waliin hidhata qabdu,Qeerroo ijaaraa kan jiru isini jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Iccitii mootummaa fi karoora mootummaas isintu saaxila jechuun gara mana hidhaa mootummaa Wayyaanee maaikelaawwiitti fudhatamuun dararamaa kan jiran yoommuu tahu isaanis:-

1. Obbo Sintaayyoo Tarrafaa hojjetaa bulchinsaa

2. Obbo Warquu Hambisaa Hojjetaa Bulchinsaa

3. Obbo Biraanuu Fiqiruu Hojjetaa bulchinsaa

4. Barsiisaa Gammadaa barsiisaa Ogummaa fi Teeknikaa yoommuu tahan

Dargaggoo Moosisaa Imaanaa fi Dandanaa jedhaman mootummaan Wayyaanee mana hidhaattu erga ukkaamsitee bakka buuteen isaanii waan dhibameef warri isaanii wayita gaafatanitti mana hidhaattii bahee bade jechuun uummatatti kijibaa jiru.Mootummaan wayyaanee diddaa biyyattii keessatti deemsifamaa jiruun dura dhaabbachuu kan dadhabe yoommuu tahu Poolisoota Oromiyaa irratti diddaa deemsifamaa jiru dura akka dhaabbatan dirqama jabaa itti kennuu odeeffatni Poolisii Oromiyaa keessaa saaxilee jira.Hanga Bilisummaa biyyaa fi Uummata keenyaa gonfannutti wareegama kamuu baafnee gaaffii mirgaa ni kaasna jechuun qeerroon dhaamee jira.

Jala Bultiin Sadaasa 09,Guyyaa FDG fi Anaa Dhufuun Barattoota Oromoo University Jimmaa Biratti Sirna Ho’aa fi Aja’ibsiisaan Kabajame.

1020084200

Sadaasa 04,2012 Jimmaa

Gabaasa: Sadaasa 3/2012 Goototni Barattootaa Oromoo Qophii Anaa Dhufuu Barattootaa Haaraawwaa Bara kana Gara Mooraa University Jimmaa Seenaniif Qopheessaan Sababeeffaachuun Qophii Jalbultii Yaddaannoo Sadaasaa 9/2005’n barana Sadaasaa 9/2012 Waggaa 7ffaaf kabajamuuf Jiruu Sirna Ho’aa ta’een Gaggeeffatan. Qohiin kun Adda Durummaan Gumii Dagaginaa fi Guddina Afaan Oromoo Fi Qeerroowwaan Sabboontotaa Baratootaa Oromoon kan qophaa’ee ta’uu ibsame.Qophiin kun torbee sadii oliif mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin akka hin gaggeeffaamnee dhorkamaa turullee cichoominaa fi Jabinaa Qeerroo Baratootaa Oromoo fi sababbontotaa baratoota Oromoo Gumii Dagaagina fi Guddina Afaan Oromoo keessaattii gahee guddaa qabaniin kan ta’ee ta’uu Hubatamera, Sirna qophii kana kessaattii caasaan ijaarsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo dungoo qabsisuun yaadannoon gootototaa Oromoo Sadarkaa har’a ilmaan Oromoo irraa jirruu kanaan nu ga’aniif godhame, sana ittii ansuun eebbii baratoota Oromoo qaroo ta’aniin godhamee ebbaa isaanii keessaattii baratotni Oromoo ”yaa waaq Oromoo tokkoo tasiisi, Biyyii kan keenyaa abbaa biyyaa nu taasisi, barataa lammiif falmatuu nu taasisi” jechuun Waaqa kadhatan, Itti fufuun kaleessaa gototnii Oromoo dhiigaa isaanii dhangalaasaanii lafee isaaniitiin nu ijaaranii afaan keenyaan akka dubbaanuu fi aadaa keenyaan akka noonnu godhanif galannii keenyaa guddaadha jechuun Qeerroon nuti dhaloonnii si’anaa kaayyoo goototni keenyaa dhiigaa fi lafee isaanii itti cabsuun asiin nu gahaan galmaan gahuuf maal hojjechaa jirraa? garamii garamittii deemaa jirraa? Maal quba qabna?    Dhiraa Sonaa’ee Hin Agaruu   Maal Yaadannaa? Oromommaa Fakkaachuun Mitii Ta’anii Argamuu dha, jechuun gaaffii ijoo dhimmaa Oromummaa sammuu keessaa wal kaa’an. dhaamsii iccitawaa ta’eef sabboontotni fi caasaan Qeerroo dursee wal hubachiisee Jiruu ‘ Qeerroowwaan Oromoo Sadaasaa 9/2005 yaadachuun, gotota Oromoo of bukkee isaanitii FDG Sadaasa 9/2005 keessaatti weereegaman yaadachuun gaddii guddaan akka itti dhagaamee ibsachuun kayyoo gototaa keenyaa galmaan haa geenyuuu harka walqabannee tokkummaan haa kaanu, tokkummaa keenyaa haa cimsannuu, diinaa nu diiguu rabbii nurraa haa ittisuu, Sarootaa fi Yeeyyootaa gototaa baratootaa Keenyaa adamsitee karaa deebisuu barbaadduu gamtaan jala dhabbaannaa, jechuun ergaa guddaa waliif dhaaman. Caalaamaadhumattii immoo hangafonnii qabsoo ilisummaa Oromoo Biliisummaa Ummataa keenyaaf jedhanii warraa yeroo jalqabaaf qawwee diinaattii dhukaasee jechuun warreen Akkaa Jeneral Waaqoo Guutuu, Bergader Jeneraal Taaddasaa Birruu, Magarsaa Barii, Maammoo Mazamir, kolonel Alamuu Qixxeessaa, Abishee Garbaa, Baaroo Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Haajjii Adem saadoo,Agarii Tulluu, Eleemoo Qilxuu fi kkf Seenaa isaanii yaadachuun ”Oromoo Jechuun isaanii nuti ilmaan isaaniti ilmaan Oromooti” jechuun Oromummaa jabeessaan.

Sirna Kana ilaalchisuun motummaan Wayyaanee guyyaa kaleessaa sadaasa 3/2012 waaree booda sa’aa 7:00 irraa egaalee humnotaa Waraanaa isaa Konkolataa Lakkofsaa Codii Gabatee hin qabnettii fe’uun mooraa University Jimmaatti nanneessaa ture, Halkan guutuus mooraan University Jimmaa keessaa loltotnii Wayyaanee uffataa siivilii ufaachuun warrii kan uffataa Poolisotaa mooraa Keessaa jijjirachuun halkan guutuu Mooraa University keessaa muddamaa akka bulan saxilamera. Yeroo ammaa kanaa gutuummaan magaalaa Jimmaa humnotaa Waraanaan egaama jirti, Wantii Baay’ee nama ajaa’ibuu goototni baratootaa Oromoo baay’inaa humna Waraanaa fi humnotaa tikaatiif bakka tokkoo illee utuu hin kenniin sagantaa fi kaayyoo sabboonummaa Qaban ifaan ifaatti diinattii mul’isaan, poolisotaa mooraa University keessaatiinis nuti eeggichaa keessaan hin barbaannuu, ofii keenyaaf iyyuu namusaa qabna, Koree namusaa mataa keenyaa ni qabna, isiin nu biraa hin dhufiinaa jechuun Poolisotaa moraa University Jimmaa akeekkachisaan, ”Oromoon namusaa qaba dimokiraasii addunyaan ragaa bahuufii dandeessuu qaba, kan nu jeequu fi Ummataa keenyaa shororkeessaa jiruu garuu Wayyaanee TPLF fi sirna nama nyaataa EPRDF dha jechuun barreessanii maxxansa,
Qaboon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!