Guyyaa FDG Sadaasa 9,Ilaalchisee Qeerroon Baruulee Warraaqsaa Universitii fi bakkoota hojii mootummaa ijoo ta’anitti facaasee jira. Haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee tikaa fi waraana isaa barattootatti bobbaasu iyyuu sochiin qeerroo itti fufe.
Monthly Archives: November 2012
Guyyaa FDG sadaasa 9 ilaalchisee Qeerroon barruulee warraaqsaa hedduumminaan Oromiyaa keessatti ummataaf raabsuun kaanis maxxanse.Alaabaan ABO oomisha Investeroota alagaa biratti fannifaman Wayyaanee yaaddesse
Aside
Sadaasa 13,2012 Finfinnee
Mootummaa wayyaanee sadaasa 9 dhufaatii irraa kaasee cinqii keessa buee jira.Akeeka gootawwan keenya FDG keessatti wareegaman galmaan geessisuuf Qeerroon waraqaalee dhaadannoo kumaatamaan maxxansuun wayyaanee rifaatii guddaa keessa buusee jira.Dhaadannoowwan garaa garaa kanneen akka
1. Garboomfataaf harka hin laannu!
2. Sadaasni 9 bara baraan Guyyaa FDG tahee yaadatama
3. Akeeka gootawwan keenyaa galmaan geenya
4. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
5. ABO gaachana ilmaan oromooti
6. Lama duuun salphina
7. Oromoo yeroon gaaffii bilisummaa amma!
8. Qabsaaaan ni kufa Qabsoon Itti fufa
9. Qeerroon wareegama kamuu baasee Oromiyaa bilisa baasa
10. Tokkummaan ilmaan oromoo shira wayyaaneen hin diigamu
Kanneen jedhaan Magaala Finfinnee Kutaalee magaalaa garaa garaa keessatti hedduumminaan maxxanfamuun waraanni mootummaa wayyaanee beeksisa mara buqqisuuf dirqamee jira.Garboomfataan mootummaa wayyaanee hanga aangoo irraa buuttii fi hidhamtootni siyaasaa hiikamuun Bilisummaan biyyaa fi Uummata Oromoo hanga Mirkanaau qabsoo keenya itti fufna jechuun qeerroon waraqaalee dhaadannoo kana maxxansee jira.Dhaabbiilee barnootaa gurguddaa kanneen akka Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo6,Kiiloo5 fi 4 akkasumas Faculty Commerce fi Journalism and Communication,Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti library fi kaaffee biratti akkasumas bakkeewwan beeksisni bahu maratti maxxanfamuun ilmaan oromoof waamicha garboomfataa wwayyaaneef dhiphuu tahanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo kun Koollejjiilee kanneen akka Rift Vaalii,Yunitii fi Yuunivarsiitii Koollejjii Kotebee keessattis maxxanfamanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Qeerroon Adaamaa waraqaalee dhaadannoo kanneen Magaala Adaamaa,Koollejjiiwwan Adaamaa keessatti argamanii fi Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti maxxansuun dabballootaa fi jala deemtota mootummaa wayyaanee dhiphisee jira.Bulchinsi Yuunivarsiitii Adaamaa bulchinsaan alaammaltummaa fi loogiin wal nyaachaa kan jiran yoommuu tahu kanneen kana hojjetu Ilmaan oromoo hojjettoota tahanii fi Waardiyoota halkan eegani jechuun kanneen ilmaan oromoo tahan qorannoo eegalee jira.
Qeerroon magaala Shaashimannee,Arjoo fi Jimmaa waraqaalee kanneen maxxansuun milishoota gandaa dhiphisanii Sadaasa 9 ilmaan oromoo biratti guyyaa kabajamaa fi bara baraan Guyyaa FDG tahee yaadatamu tahuu mulisanii jiran.
Magaala Amboo,Yuunivarsiitii Amboo manneen barnootaa gad aanaa fi Magaala Gudar,Geedoo keessattis Qeerroon waraqaalee Sadaasa 9 ibsanii fi mootummaa wayyaanee balaaleffatan maxxansanii jiran.
Oomisha Investeroota mootummaa wayyaanee waliin harka wal keessa naquun hojjetan birattis Alaabaan ABO fannifamuun waraqaaleen akeekkachiisaa fi dhaadannoo maxxanfamuun Investerootni yaaddoo guddaa keessa akka buan taasifamee wayyaanee dhiphisee jira.
Bilisummaan biyyaa fi Uummata Oromoo hanga mirkanaau Qeerroon qabsoo finiinaa jiru jabaatee akka itti fufu irbuu maqaa wareegamtoota FDG tiin haaromsuun ilmaan oromoo marti akeeka gootawwan keenyaa galmaan geessisnee walabummaa akka argannuuf akka kaatan jechuun dhaammata.
Godina Shawaa lixaa aanaa Ejeree keessatti Sabboontotni Oromoo Guyyaa FDG Ayyaaneffattan Jedhamuun Yakkamanii Hojii Irraa Akka Dhaabbatan Taasifaman.
Aside
Sadaasa 13,2012 Ejeree
Godina Shawaa lixaa aanaa Ejeree Magaala Ejeree keessatti jala deemtotni mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo manaa miseensota ABO jedhamuun yakkamuun hojii irraa ariiamuun doorsifamuu irratti argamu.Jala deemtotni Wayyaanee sabboontota kanneen Guyyaa FDG kabajjanii jirtu jechuun qoratamtu erga jedhanii booda miindaa isaanii erga dhorkatanii booda hojii dhorkanii jiran.Sabboontotni oromoo
1. Obbo Girmaa Araarsaa Gargaaraa Hakiima beeyladaa aanaa Ejeree
2. Obbo Abbabaa Giddiiraa gargaaraa Hakiima beeyladaa aanaa Ejeree
3. Obbo Dhaqqabaa Tafarraa Gargaaraa Hakiima Beeylaa
Kan tahan mootummaa wayyaaneen yakkamuun hojii irraa akka dhaabbatan godhamee jira.Mootummaan wayyaanee diddaa uummataa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf wal gahii uummata yaamuun ololuuf yaaltus Ganda Hinaaftuu keessatti uummatni 500 akka wal gahii bahan karoorfame keessaa 30 gad kan tahanii fi isaanis milishoota dirqama diinaa fudhatan duwwaa akka tahe qeerroon naannoo kanaa gabaasee jira.Ilmaan oromoo walitti qabuun olola diinaa uummatatti labsuuf dirqama kan fudhate Jala deemaa mootummaa wayyaanee Obbo Girmaa Caakkaa itti gaafatamaa waldaa Gamtaa aanaa Ejeree ti.Namni kun dhuunfaa isaaf ilmaan oromoo garbummaa bara baraa jalatti hambisuuf kurkuraa jira.
Qabsoon itti fufa!Gabrummaan ni kufa!
Sabboontotno Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Naannoo Tika Mootummaa Wayyaaneen Hangamuu Adamfaman guyyaa FDG haalaan Ayyaaneffatan.Basaastotni Wayyaanees tokkummaa barattootaan Abdii kutatan
Aside
SADAASNI 9 BARA BARAAN GUYYAA FDG TAHEE YAADATAMA!
Wareegamni qaqqaaliin bilisummaa Oromiyaa raggaasisuuf barattoota,barsiisota,daldaltoota,Qotee bultoota oromoo maraan kaffalamaa ture.Wareegamani gootawwan ilmaan oromoon kaffalaman hanga galiin isaa argamutti qeerroon wareegama kamuu baasee gaaffii mirgaa fi bilisummaa ni gaafata.Barattootni oromoo kanneen akka Gaaddisaa Hirphaasaa,Jaagamaa Badhaanee,Shibbiruu Damissee,Dirribee Jifaar,Mulaatuu Akkasaa,Alamaayyoo Garbaa gaaffii bilisummaa kaasuun diinaan xiiqii qabanii kan wareegaman keessaa muraasa yoommuu tahan bara baraan ilmaan oromoon yaadatamaa hafu.Fincilli diddaa Garbummaa 2005 irraa kaasee yaadatamaa kan jiru gootawwan qaqqaalii diina kuffiisanii kufan yaadachaa yoommuu tahu Yaadannoon waggaa 7ffaa kan bara 2012 Sochii Dargaggoota Biyyooleessaa Kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) dhaan Oromiyaa keessatti qophiilee garaa garaan yaadatamee jira.Guyyaan FDG sadaasa 9 jala bultii sadaasa 8 irraa kaasee haalaan kabajamee jira.Sabboontotni barattoota oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa sadaasa 8,2012 hordoffii diinni guyyaa sadaasa 9 irratti gootu jalaa miliquuf ayyaaneffatanii jiru.Barattootni oromoo Muummee Afaan Oromoo baratan addatti guyyaa kana haalaan ilaaluun Ganda Booyyee jedhamtutti qophii jabaa qopheessuun ayyaanessanii jiran.Shira diinaa jalaa miliquufis Sabboontotni oromoo gariin Ganda Aleelee jedhamu deemuun uummata waliin ayyaanessanii jiran.Guyyaan kun guyyaa irbuu haaromfannu jechuun barattootni hawaasa oromootti makamuun marii jabaa godhanii jiran.Basaastotni yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti guyyaan kun eenyuunii fi bakkatti ayyaaneffatamu jala haa buaniif diina irraa dirqama fudhatan tooftaa sabboontotni oromoo fayyadamaniin hojiin isaanii bishaan nyaatee abdii kutanii jiran.Basaasni mootummaa wayyaanee
1. Gammachuu Ukuluu Arsii irraa fi
2. Solomon Laggasee (Salaalee irraa )
jedhaman guyyaa kana irratti waan yuunivarsiitii keessatti tahu akka jala buaniif diina irraa dirqama fudhachuun erga barnoota xumuranii bahanii yuunivarsiitiitti deebiuun isaanii saaxilamee jira.Jarreen kun gocha farrummaa ilmaan oromoo irratti hojjetamu irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu Sabboontotni oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa Ibsanii jiran.Jarreen kun tika diinaa mootummaa wayyaanee Kadir jedhamu waliin harka wal keessa naquun akka hojjetanis saaxilamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun Barattoota Yuunivarsiitii Haramaayaa Damee saayinsii Fayyaa magaala Harar keessatti argamuun guyyaan FDG yaatamee jira.Barattootni Saayinsii Fayyaa guyyaa FDG sadaasa 9 yaadachuun kan oolan Dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuunii fi alaabaa ABO fannisuuni.Barattootni kunneen barsiisota oromoo mana barnootaa gad aanaa fi Koollejjii rift vaalii irraa affeeruun waliin ayyaaneffatanii jiran.Barattoota yuunivarsiitii Haramaayaa Damee lamaanuu quba wal qabeenyaan Guyyaa FDG waliin ayyaaneffatanii jiran.
Waraqaaleen dhaadannoo
1. SADAASNI 9 BARA BARAAN GUYYAA FDG TAHEE YAADATAMA!
2. QEERROON WAREEGAMA KAMUU BAASEE OROMIYAA BILISA BAASA
3. OROMOO KAI YEROON GEESSE!
Jedhan yuunivarsiitii kana keessatti galma(Auditrium),Balbala yuunivarsiitii bakka beeksisni bahu,Koollejjii Veternary Medicine fi Koollejjii qonnaa(COA),Poolii Elektirikii magaala Haramaayaa,Awwadaayii fi Harar keessatti maxxanfamuun jala deemtotaa fi bulchinsa yuunivarsiitichaa yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Poolisootni Federaalaa guyyaa kana waardiyoota dallaa qabachuun waraqaalee dhaadannoo kana funaanuuf olii fi gadi fiigaa turuun balbala yuunivarsiitii irrattis sakattainsaan barattoota hiraarsanii jiran.Gaaffiin mirgaa fi bilisummaa hanga galmaan gahutti qeerroon yuunivarsiitii Haramaayaa dirqama isaanii akka bahan guutummaan akka bahan irbuu seenuun qeerroo Oromiyaa maraafis dhaammata dabarsanii jiran.
Sabboontittii Artist Dirribee Gadaa, Irreecha 2012
Aside
SBO Sadaasa 11 Bara 2012
Aside
Tokko!…tokko!tokko!,Yoo Tokko Taane……(Adinaan)
Aside
Cuunfaa Gabaasa Guyyaa Yaadannoo FDG Waggaa 7ffaa Oromiyaa Godinoota Adda Addaa Keessatti Kabajamee
Aside
Sadaasa 10,2012 Finfinnee Gabaasa Qeerroo
Gabaasaa guyyaa ayyaana kabajaa FDG yeroo 7ffaa Oromiyaa keessatti kabajame irraatti barattootnii fi sabboontoti akkaataatti kabajatan ilaalchisee kan bakkoota garii walitti qabuun bifa gabaabaan cuunfamee gartuu qunamtii fi odeessii Qeerroo irraa gabaafamee jira. Gabaasonni FDG Jimmaa,fi Godina Shawaa Lixaa aanota adda addaa keessatti Sadaasa 6-8,2012 irraa jalaqabanii kabajatan akka jirtutti ta’ee addatti Sadaasa 9,2012 guyyaa tokkicha bakkoota adda addaatti jabamanis bifa gabaabaan akka itti aanutti qeerroon gabaasa.
Guutuu isaa dubbisuuf as tuqaa:– Sadaasa 9.docx
Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Bakkoota Adda Addaatti Sadaasi 9,Sirna Howaan Kabajame.Gumaacha Maallaqaas Ta’e
Aside
Sadaasa 10.2012 Jimmaa
Sadaasa 9,2012 Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraattii Yaadannoon FDG Sadaasa 9/2005 sirnaa ho’aa ta’een kabajamee, Sadasni 9 ummataa Oromoo birattii bakkaa ol aanaa kan qabuu fi kan ilmaan Oromoo qareeyyiin bilisummaa Ummataa Oromoof jechaa falmii bilisummaa gaggeessuun Jilmaan ittii ajjeeffaman, jilmaan itti hidhaman, jilmaan itti biyyaa isaanii irraa arii’atamaan waan ta’eef bara Qabasoon Oromoo Addaa Bilisummaa Oromootiin gaggeeffaamuu itti gurraa addunyaa harkisee waan ta’eef Ummataa Oromootiif guyyaa addaati, kanumaa ilaalchisuun guyyaa kaleessaa Sadaasaa 9/2012 Wamichaa fi Ibsaa Qeerroon kennee hordofuun Godinaa Jimmaa Mooraa University Jimmaa keessaattii sabboontotni baratootaa Oromoo mooraa University Jimmaa, akkaataa walittii dhiyeenyaa fi akkataa caasaa maadhee keessaattii hundeeffamanii jiranitti Dungoo halluu diimaa magariisaa diimaa bifa halluu alaabaa Addaa Bilisummaa Oromoo qabuu qabsifachuun kabajataan, baratootni koolleejjii barsisotaa Jimmaas akkasumaa manaa manattii walittii dhufuun guyyaa kanaa haala addaa ta’een kabajachaa olaan, Madheewwaan kanneen akka maadhee Hayyuu Biyyaa, Tokkummaan Humna fi Maadheen Gumaa baas Jaal Laggasaa Wagii jedhamaan jalattii hundeeffaman walittii dhufuun guyyaa kanaa haala Adda ta’een kabajachuun kaayyoo gototaa keenyaa fi bilisummaa saba keenyaa saffisisuuf jabannee ni hojjennaa jechuun Irbuu haaromsatan, ilmaan Oromoo bifa madheetiin ijaaramanii magaalaa Jimmaa ,fi Aggaroottii argamaan guyyaa kana haala adda ta’een kabajatan.
Haaluma wal fakkaatuun Godinaa Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu, Goree, Dhidheessaa, Cooraa fi Baddaalleettii sirnaa Ho’aa ta’een sadasni 9/2005 guyyaa FDG kabajame, keessaattuu, Caasaan Madhee maqaa: Oromiyaa bu’uraa Biyyaa, Imaltuu,dhaamsaa Barii fi Soorii Jedhamaan jalattii hundeeffaamanii jiraniifi caasaa maadhee isaan jala jiruu waliin dhaamsaa ABO dabarsee hordofuun haalaa baayee ajaa’ibsisaa ta’een kabajataan, FDG qabsifaamee waggaa 7ffaa lakkofsisee jiruu jabeessuu Jabeessuun ittii fufsisuun arsaa qabsoon nama gafattuu hanga wareegama lubbuuttii iyyuu yoo ta’ee baasuuf waadaa isaanii haaromsatan,kana malees miseensonnii madhee Ilmaltuu, Oromiyaa bu’uuraa biyyaa, fi Dhaamsaa barii jedhamaan qabsoo bilisummaa Oromoo daran saffisisuuf buusii mallaqaa qarshii 600 walittii qabataan. Ammas guyyaa yaadannoo sadaasa 9/2005 kana sababbeeffaachuun sadarkaa garaagaraattii halaa garaagaraatiin Yaadannoon gototaa Oromoof godhaamuu itti fufa,
Guyyaa kana sababbeeffaachuun mootummaan Abbaa irree Wayyaanee TPLF fi EPRDF Humna waraanaa Bobbaasuun Ummataa sodachiisaa jira, keessaattuu mooraa University Jimmaa Akka malee egaa jiraachuun gabaafame, yeroo amma kana dabbalotaa fi humnotaa tikaa Wayyaaneetiin Baratootni Mooraa University Jimmaa hordofaamaa jiraachuun gabafamera, mirgii bilisummaan barachuu [academic freedom]n mirgi yaadaa ofii karaa walabaa fi ifaa taa’een ibsachuu dhabamee humna waraanaafi tikaatiin baraachaa kan jiran ta’uun ibsame, kun immoo mallaattoo motummaa abbaa irree kufaatii jala gahee ta’uu beektoni ibsaa jiru.
Sabboontoti Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalota Adda Addaa Keessatti Sirna Ho’aan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Sadaasa 10.2012 Ambo
Yaadannoon FDG Sadaasaa 9,2005 Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Amboo,kessaattii sirna ho’aa ta’een kabajame, Sirna yaadannoo kana irraattii seenaa gototaa Oromoo FDG sadaasa 9/2005 irraatti wareegamaan kaasuun, keessaattuu suuraa gototaa Oromoo FDG irraattii wareegamanii waliif kennuun seenaa gototaa kanaa kaasuun kaayyoo isaan irraattii wareegamaan galmaan gahuuf sadarkaa caasaa madhee keessaa warrii jiraan irbuu waliif haaromsuun kabajan.
Haaluma walfakkaatuun Godina Shawaa Lixaa aanaawwaan kanneen akka Midaa Qanyii, Calliyaa Geedoo, Iluu galaan Ijaajjii, Tokkee Kuttaayyee Gudar, Amboo, Xiquur Incinnii, Shanaan,, Jalduu, Gindabarat Kaachiisii fi Abunaa Gindaabarat, Meettaa Roobii,fi Ginciittii baratootaa Mannee barnotaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaatiin kabajamee akka jiru maadheeleen qeerroo naannichaa gabaasanii jiru. Keessaattuu Midaa Qanyii fi Calliyaa Geedootti Barattootni barsisotaan har’a kutaa seentanii nu hin barsiftan guyyaan kun ummataa Oromootiif guyyaa adaati, nuti Yaadannoo FDG sadaasa 9/2005 waggaa 7ffaaf kabajaa waan jirruuf nu waliin kabajuu qabdu jechuun barsisotni akka daree barnotaa seenaanii hin barsifnee gafataan jechuun qeerroon gabaase.
Gabaasaa isaa keessaattii qeerroon godina lixaa shawaa guyyaan yaadannoo FDG sadaasaa 9 kun ammas itti fufuun kabajama, qabsoo gotaawwaan baratotni Oromoo irraattii dhumaan dhiigaan nutti dabarsanii darban nuti galmaan gahuun dirqama dhalotaa si’anaa ta’uu hubachuun yaadannoon kun gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa ummataa Oromoo kaasuun ittii fufaa jechuun qeerroon godinichaa dhaamsaa dabarsee jira, yeroo ammaa kanaa godinaa lixaa shawaa keessaattii xalayaa waamichaa FDG qeerroon raabsaa kan jiruu ta’uunis saaxilamera, suuraan gototaa baratootaa Oromoo FDG irraattii wareegamanii kanneen akka Jaagamaa Badhanee, Dirribee Jifaar, Gaaddisaa Hirphasaa, Alamaayyoo Garbaa, Kabbadaa Badhaasaa, Yaasiin mohamed, lalisaa waggaarii,Simee Tarrafaa fi Shibbiruu Damisee fi kan gototaa Oromoo hedduun rabsamaa jiraachuu qeerroon gabaasera,