Raadiyoo Simbirtuu,Qophii Sadaasa 29,2012

Aside

Qeerroon Godina Booranaa Araara ABOn Buuse Dergeruun Gumaacha Maallaqaa Taasisan

Aside

Sadaasa 29,2012 Areeroo

Qeerroon Godina Booranaa aanaa Areeroo keessatti argaman walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii jabaa taasisan jiran.Sadaasa 27/2012 Qeerroon aanaa kana keessaa gandoota adda addaa irraa walitti dhufuun dhimmoota QBO irratti marii baldhaa gaggeessanii akka jiran beekame.

Tarkaanfiin AraaraaABO fudhate hamilee Qeerroo fi qabsaaota duraanii haalaan kan kaasee fi boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa Oromoon gaggeeffamu akka fidu beekamaa dha.Ilmaan Oromoo Addunyaa kana irra jirtan marti gumaata barbaachisaa QBOf akka gumaattan jechuun Qeerroon aanaa Areeroo dhaammatee jira.Qeerroon aanaa kanaas hojii Qabsoo Bilisummaa Oromoof kan tahu qarshii 600(dhibba jaba) tokko tokkoon isaanii qarshii shantama walitti qabatanii jiru.Gumaatni barbaachisaanii fi adda durummaan akka isaan eeggatus dhaamanii jiru.

Haala kanaan Qeerroon ibsoota ejjennoo armaa gadii lafa kaayyatanii jiran.

  1. Dirqama Oromummaan nutti kenname QBO haala kam keessattuu galmaangeessisuuf ni hojjenna
  2. Tarkaanfii Araaraa ABOn fudhate haalaan deeggarra.Gammachuunis simanna
  3. Saaminsa lafaa fi qabeenya oromiyaa mootummaa Wayyaaneengaggeeffamu ni mormina
  4. Barattoota,Qoteebultoota,daldaltoota ijaaruun gaaffii mirgaa akkakaasan ni hojjenna
  5. Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa barsiisuun,hubachiisuungaaffii mirgaa fi bilisummaaf akka kaan jabaannee ni hojjenna
  6. Hidhaa,ajjeechaa fi biyya irraa ariiatamuu ni mormina

Kanaan jedhani.

Barattooti Oromoo Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Geedoo FDG Itti Fufan

Aside

Sadaasa 29,2012 Geedoo

Gabaasaa: Sadaasaa 26/2012 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Calliyaa Magaalaa Geeddoo Mana Barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Prepaaratoorii kessaatti FDG gototaa baratootaa Oromoo itti fufee jiraachuun ibsame.Baratotni Mana barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa kun gaaffii mirga abbaa Biyyuummaa kaasuun Motummaan abaa irree Wayyaaneen mirga barattoota Oromoo fi walii gala ummata Oromoo haala daangaa darbeen miidhaa waan jiruuf gochaa isaa kana irraa akka dhaabbatu jechuun hanga bulchiinsa mana barnootaatti deemuu fi iyyaan sagalee dhageessisuun dhiheefachuu isaanii dhagahame. Kana malees dhaabni Wayyaaneen tolfame OPDOn waggoota 21 kana keessatti dantaa Wayyaaneef jecha ummata Oromoo miidhaa turan amma illee itti fufanii waan jiraniif miidhama Oromoo kana kana booda waan teenyee ilaallu miti,OPDOn s gochaa kana irraa hatattamaan dhaabbachuu qabdi jechuun sagalee diddaa dhageessisuun gabaafame.

Haala kanaan kan rifatan bulchiinsi magaalaa fi qondaaloti Wayyaanee OPDOn barattoota Oromoo sossobuuf jecha gaaffii keessan sadarkaa mootummaatti dhiheessuuf Kaawinsilii bakka buaa barattootaa isinii ijaarree gaaffiin keessan achiin haadhagahamu ammasitti gaaffii mirgaa jettanii hin kaasiina jechaa turan. Kun kana taee osoo jiruu Qeerroon mana barnootichaa bakka buaa mataa keenyaa waan qabnuuf isin nuu ijaaruu hin dandeessan yaada jedhu sagalee diddaa guutuun itti iyyuun deebisan.

Haluumaa kanaan Sochii FDG jabeessuuf Waaraqaaleen FDG Qeerroon Godina Lixaa Shawaa qopheessee, gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa ummataa Oromoo garaagaraa kan of irraa qabu gutummaa godinichaa keessaatti rabsamaa jiraachuun gabaafamera,kessaattuu Onotaa Akka Geedoo, Midaa Qanyii, Amboo, Iluu Galaan, Bakkoo, Daannoo, Xiiqur Inciinnii, Gudar, Gincii, Jalduu fi Gindabarati fa’ittii rabsamee kan jiruu ta’uu Qeerroon gabaasaa isaa keessaattii addeessee jira,