Haromaaya ,Sadaasa 26,2012
Aadaa,duudhaa,Afaan,Afoolaa fi seenaa saba Oromoo balleessuuf shirri mootummaan Wayyaanee hin yaalle hin jiru.Ilmaan Oromoo garuu aadaa fi seenaa isaa guddisuu irratti guyyaa tokko itti aaragalfatee hin beeku.Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti sabboontotni ilmaan Oromoo Fiilmii Afaan oromoo HINSEENEE jedhamu qondaalotiin Wayyaanee akka hin ilaalamne dhorkus dirqiin galchuun erga Galma yuunivarsiitii keessatti ilaalanii booda walleewwan warraaqsaan diina mataa cabsan.Fiilmiin kun wayita ilaalamutti waraanni federaalaa fi waardiyaan yuunivarsiitii keessa bittinnaaus sabboontotni barattoota Oromoo waalleewwan Korma Guduruu..Oromoon Leencuma durum,Tokkummaa..fi kanneen kana fakkaatan gamtaan sirbuun diina dhiphisanii dhaamsas walitti dhaammatanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun gochaan diinummaa Wayyaanee barattoota Oromoo irraa kan hin dhaabbannes Yuunivarsiitii Amboo keessaa Barataaa Electrical Engineering waggaa 2ffaa kan tahe Barataa Gaaddisaa Dirribaa ati Qeerroo ijaartee diddaaf qindeessaa jirta maqaa jedhuun tikni mootummaa wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsee jira.Roorroon hammaatus aadaa fi afaan keenya,Seenaa fi duudhaa keenya guddisaa fi beeksisaa bilisummaa hanga gonfannu diddaa irraa hin dhaabbannu jechuun Qeerroon gad jabeessee dhaammata.