Qeerroon Yuniversitii Wallaggaa Ibsa Ejjennoo Baafatan.

Aside

Sadaasaa 24,2012 miseensota Qeerroo kan ta’an Sabboontoni Barattoota Oromoo Yuunvarsiitii Wallaaggaa maadhee garaagaraa jalattii ijaaramanii Jiran,Walittii dhufuun dhimmoota haala yeroo qabsoon Oromoo irraa jiru irraatti erga marii’atanii booda Ibsaa ejjennoo qabxii torba dabarsatan,

 Ibsa Ejjeennoo Baratootaa Oromoo Yuunvarsiitii Wallaaggaa:

1. Falmaa bilisummaa yeroo irraa gara yeroottii dhaabni keenyaa ABO haalleen mara irra aanee  Ummataa Oromoo bilisomsuuf qabsoo inni taasisu, cinaa dhaabbaannee wareegama  bilisummaan nu gaafatu baasuu fi haga bilisummaan ummataa keenyaa mirkana’uutti falmaa bilisummaa, FDG cimsuuf waadaa keenya ni haaromsina.

2. Sochii dargaggoota biyyoolessaa bilisummaaf dimookiraasii Qeerroo Bilisummaan gaggeeffaamaa jiru, fi warraaqsaa bilisummaa Ummataa keenyaaf adeemsifamaa jiruu keessaatti ga’ee keenya bahuuf tokkummaa dhaan kutaannoo fi murannoodhaan ni kaana.

3. Ummaanni Oromoo cuftii dhaabaa jalee Wayyaanee, kan qabeenya keenyaa dabarsitee gurgurtuu, kan mirga keenya sarbisistee kennituu, kan Oromoon barabaraan garbummaa marmartuu keessaa akka hin baanee gochaa jirtuu OPDO duukaa akka hin hiriirree fi buusiiwwaan adda adda fi kanfaltii gibra illee akka itti hin kanfallee wamicha keenyaa dabarsina, OPDO’n kanaan boodaa maqaa ummataa Oromootiin daldaluu dhaabuu qabdi, Ilmaan Oromoo utuu beekanis ta’ee utuu hin beekiin OPDO keessaatti hiriirtanii jirtaan bu’aa OPDOn ummataa keenyaaf fidaa jirtuu tokkoo illee waan hin jirreef gara qabsoo saba keessanitti akka deebitan waamicha keenyaa isinif dabarsina,

4, Gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa Ummataa keenyaa bakka hundattii cimsinee itti fufna,

5, ABO’n gaachana Ummataa Oromooti!, Dhaaba keenyaa waliin hiriiruun, tokkummaa ummaata Oromoo ni tiksina, gaaffiin mirga hiree murteeffaannaa ummataa oromoo hangaa deebii argatuu fi Oromiyaan hanga bilisomtuttii qabsoo falmaa bilisummaa egalamee jiru jabeesinee itti fufna,

6, Tarkaanfii yeroo garaagarattii WBO’n Oromiyaa golee garaagaraa keessaatti yeroo garagaraatti fudhatuu, ni dinqisifanna, itti boonnaa, nutis waan dandeenyuu maraan WBOtti ni dirmanna, wareegamaa qaqqaalii ilmaan Oromoo kanfalaa jiranittii milkii gochuuf FDG jabeessuun itti fufna.

7.Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaaniif mana hidha wayyaanee biyyaattii garaagaraa  keesattii hiraarfamaa jiran ni jajjabeesina, ilmaan Oromoo kuniin akka hiikamaaniif gaaffii wal irraa hin citnee kaasuun FDG jabeessinee itti fufuun dirqamaa keenyaa ni baanaa jechuun Ibsaa ejjeennoo dabarfachuun walga’ii marii keenyaa milkiin xumuratne!.

Injifannoon Ummataa Oromoof!.

Sadaasaa 24/2012 Barattoota Oromoo Yuunvasiitii Wallaaggaa

Neqemtee.

 

Oromoonni Naayroobi, Ayyaana Hulluuqoo Kabajatan!

(Qeerroo, Naayirobii, Sadaasa 25,2012) Ayyaana Hulluuqoo kan bara 2012 sirna hoo’aadhaan magaalaa Nairbi Kenya keessatti kabajame.

Gabaaasaan Qeerroon naannicha irraa akka gabaasetti,  Ayyyaana kabajaa kana irratti Obbo Liiban Dabbasaa Guyyoo argamuun ummataaf barnoota aadaa fi eenyummaa Oromoo waliin walqabate  kennanii jiru.

Ummanni naannichatti argamanis sirboota aadaa Oromoo Booranaa fi walleelee warraaqsaa wallisuun guyyicha haala howwaa fi gammachiisaan dabarsu Qeerroon gabaasa.

Iyyaasee fi dhiichisni aadaa Oromoo illee sirna kana irratti dhiyaatanii, jabinni  aadaa fi eenyummaa Oromoo, wiirtuu Oromummaa ta’uu ifatti agarsiisee jira.

Dhaamsonnii fi walleen darban kuniin Oromoota maraaf yaadannoo fi barnoota gahaa akka ta’u abdii qabna.

Sirba Aadaa Oromoo Borana   Hulluuqqoo
Dhaamsa Obbo Dabbasaa Guyyoo
 Dhaamsa Dhimma Hulluuqqoo 
 Dhaamsa Obbo Liiban Dabbasaa Guyyoo 2
 Waayee Mootummaa Ethiopia
 Aadaa Oromoo Boorana 
    Sirba WBO Faarsu

 Eebbaa Hulluuqoo
Clip – 8aa Sirba Lolii Wbo_01 – Segment1(00_00_09.351-00_01_36.580)   Wallee ykn Sirboota WBO