
Ummanni Oromoo guyyaa kolonii Itiyophiyaa jalatti kuferraa eegalee haga har’aatti, mirga abbaa biyyummaa sarbamee, qabeenya isaa irratti ajajuu dhabee miidhaan siyaasaa, miidhaan dinagdee, kan hawaasummaa fi kan aadaa akasumas midhaan namoomaa irra ga’un isaa beekamaa dha.
Ummata keenya cunqursaa fi saamicha kononeefatta jalaa bilisa baasuuf, bara 1973 irraa eegalee haga har’aatti Addi Bilisumma Oromoo (ABO) qabsoo hidhannoo, siyaasaa, hawasummaa fi diplomaasii walitti qindeessuun iittifufiinsaan qabsoo hadhooftuu geggeessaa jiraachuu isaa hubatamaa dha.
Hata’u male waldhabbii fi adda bahiinsa bara 2001 mudate irraa QBO miidhamuun hunda biratti hubatamaa dha. Kanaaf, tattaaffii araaraa fi tokkoomuu yeroo dheeraaf deemaa ture xumuruuf jilli gama lachuu walgahii araaraa fi tokkoomuu Sadaasaa 14 – 20, 2012, gaggeeffachuun, adda bahiinsa irraa kaasee hanga har’aatti haala turan irratti yaada ifaa fi qulqullinna qabuun bal’inaatti haasa’uun, dhaaba kana deebifnee tokkoomsuuf qabxiilee armaa gadii irratti walii galtee irra gahuu keenya gammachuun beeksifna.
Guutummaan ibsa kanaa..
Afaan Oromoon:- Ibsa Walhubannoo fi Araara Qaama Cehumsaa ABO fi Shanee Gumii ABO
English :- Memorandum of Understanding and Agreements Between OLF SHG and OLF TA