Sadaasa 19,2012 Diillaa
“Qabsoo Irraa Waa Eeguu Qofa Osoo Hin Taane ,Qabsoof Waa Gumaachuun Walabummaa Goonfatu , Nutis Gahee Nurraa Eegamu Ni Baana “Jedhu Barattooti Yuuniversity Diillaa.
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Dillaa keessatti baratan gahee Oromummaa QBO keessatti isaan eeggatu bahuuf Gaheen nurraa eegamu dirqama bahumsa keenyaan raawwata maree jedhuun walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii jabaa gaggeessan.Barattootni Oromoo kunneen qooda Qeerroon biyyattii keessatti hojjechaa jiru egeree saba Oromoof abdachiisaa tahuu ibsuun kanneen hafanis Oromummaa qofaan osoo waa hin hojjetiin qabsoo irraa bu’aa walabummaa eeguu irra gahee isaan irraa eegamu bahuuf akka of qixeessan erga jedhaniin booda ofiis qooda qabsoo bahuuf murteeffatanii jiran.
Sabboontoti Oromoo Yuunivarsiitii Dillaa yeroodhaa gara yerootti sababa Oromummaa qofaan barnoota irraa ariiamaa,adamsamaa kanneen turanii fi hidhamaa turan,Ammas itti jiran yaadachuun miidhaan bara baraan cunqursaan hiriyyaa hin qabne saba Oromoo irra gahu akka dhaabbatuuf kakaumsi ilmaan Oromoo maraa murteessaa dha jedhanii jiran.Guyyaa FDG sadaasa 9 Doormii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiisuun mariin kun kan beellamame yoommuu tahu marii isaaniis ibsa ejjennoo baasuun xumuranii jiran
1. Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hamma kaayyoon bakka gahu gahee warraaqxummaa nurraa eegamu ni baana.
2. Sabboontota Oromoo yuunivarsiitiilee,Koollejjii fi manneen barnootaa gad aanaa maraaf dhaammata dabarsina
3. Hidhamuu lammii Oromoo fi Saaminsa gaggeeffamaa jiru ni mormina
4. WBO waan dandeenyu maraan cinaa ni dhaabbanna.ittiinis dhaadanna
5. Shira mootummaa Wayyaaneef hin jilbeeffannu
6. Tokkummaa Saba Oromoof halkanii fi guyyaa hojjenna
Kanneen jedhan baafachuun hojii isaanii gara fuulduraa akka itti fufinsaaf tahutti hojii QBOf qarshii 320.00(dhibba sadii fi digdama) walitti buufatanii jiran.Sabboontoti Oromoo martis waanjoo garbummaa bara baraa kana jalaa bahuuf murteeffachuun Qeerroo waliin akka kau waamicha godhatanii jiran.