SBO Sadaasa 18 Bara 2012

Aside

Gootowwan kunfani qabsoo haqaa irratti(Hawisoo Dirree)

Gootowwan kunfanii qabsoo haqaa irratti(Hawisoo Dirree)

Hojjettooti Mindaa dhorkaman Mormii Bahan; Waraanni EPRDFs Itti Bobba’e.

Aside

(Qeerroo, Jaartee, Sadaasa 17,2012) Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti hojjettootni mootummaa mindaa dhorkaman mootummicha irratti mormii godhan; waraanni mootummaa immoo hojjattoota gaaffii mirgaa gaafatan irratti bobba’ee akka jiru gabaasame.
Mootummaan Wayyaanee Hojjettoota jedhee kan ramadu miindaa gad aanaan hojjechiisuu irra darbee yeroo ammaa kana ammo mindaa dhorkaa jira.

Hojjettootni mootummaa Godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee Kaabinootaa fi dhimma bulchinsaa irraa hojjetan miindaan dhoksaan kan kaffalameef yoommuu tahu barsiisotni,Hojjettooni mana yaalaa marti miindaa dhorkamanii jiran.Hojjettootni kunneen tokkummaan maaliif miindaa keenya nuu hin kennitan jedhanii wayita gaafatanitti miindaan hin jiru.

Kanneen gaafatan duubaan ijaarsa ABO qabdu jedhamuun doorsifamaa jiran.Hojjettootni kunneenis Mormii hiriira nagaa gaggeessanii jiran.Itti gaafatamaaan dhimma Faayinaansii aanaa Obbo Tasfaayee Lammeessaa fi Bulchinsi aanaa Jaardagaa Jaartee dhimma kana irratti deebii kennuu dhiisuun kanneen gaaffii mirgaa gaafatan doorsisuu jalqabanii jiran.

Hojjettootni mootummaa kunneen sirna mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa fi dhaadannoo garaa garaa dhageessisuun hiriira nagaa gaggeessaa jiran.Dhaadannoowwan
1. Miindaan keenya nuuf haa kaffalamu
2. Gaaffiin mirga Oromoo haa deebi’u
3. Gaaffii mirgaa gaafanneef hidhamuun haa dhaabbatu
4. Jala deemtotni Wayyaanee beekumsaan nuu ol miti.
5. Barattootii fi hidhamtooti Oromoo hatattamaan haagadhiifaman kanneen jedhan dhageessisuun mormii hiriira nagaa gaggeessanii jiran.

Mootummaan wayyaanees waraana bobbaasuun doorsisaa jira. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa gaafanneef hanga deebii gahaa argannuttii fi bilisummaan mirkanaa’utti mormii jabeessanii akka itti fufan dhaamuun ilmaan oromoo Marti miidhaa gahaa jiru kana irratti gumaata barbaachisaa gochuun akka nu cinaa dhaabbattan jechuun dhaammatanii jiru.

Diddaan Qeerroo ergamtoota Wayyaanee jeeqe; ergamtootis ijaa bahuuf dhaadachuutti jiru.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Sadaasa 17, 2012 ) Diddaan Qeerroo yeroo jabaatee jiru kana keessatti, Iluu Abbaa Booraa keessatti Barsiisaa Ababaa Takkaa fi  Yuuniversity Finfinnee  Keessatti ammo Waardiyonni Oromoo  ta’an Warraaqsa Keessaa  Qooda Qabdu jedhamuunii Yakkaman.

Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti Sadaasa 11,2012 alaabaan ABO magaalaa Mattuu keessatti laallee gara garaa irratti fannifamuu irraan kan ka’e waraanni mootummaa Wayyaanee dargaggoota magaalichaa manneen jireenyaa fi barnootaa keessa deemee doorsisuu irratti akka argamu Qeerroon Mattuu irraa gabaase.

Kana keessatti Barsiisaa Abbabaa Takkaa adda durummaan sochii warraaqsa naannoo sanitti kan gaggeesu siI jechuun waan qabatamaa tokkoon malee mana hidhaa Mattuu keessatti darbanii jiru.

Kanuma waliin Qeerroon Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu,Cooraa fi Buree FDG itti fufuun guyyuu gaaffi warraaqsaa gaafachaa akka jiran beekamee jira.

Haaluma wal fakkaatuun bulchinsi Yuunivarsiitii Finfinnee Waraqaalee dhaadannoo maxxanfaman waardiyootni dhalootaan Oromoo taan harka keessaa qabu jechuun yakkee qorannaan rakkisaa jira.

Waardiyootni Nuyi wayita kun tahe hin agarre jedhanis isinumatu maxxanse jechuun rakkisaa jira.Qeerroon shira mootummaaf waardiyootni Oromoo tahanis akka hin jilbeeffanne dhaammachuun miidhaa waardiyoota Oromoo irratti dhufaa jiru hirmaachuuf qophii tahuu ibsatu.

Yuunivarsiitii Amboo keessatti Wayyaaneen diddaa barattoota Oromoo irraa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf miseensota basaastota tahan shan shaniin ijaaruuf yaaltus sabboontota Oromoon fashalee jira.

Miseensotni OPDO yuunivarsiitii Amboos mootummaa Wayyaanees fuuldura ergamuun seenaan nama gaafachiisa jechuun diduu isaanii qeerroon gabaasa.