Suuraalee Iddoo Irreechaa fi Badiyyaa Hanga Tokko(PDF)n

Aside

Suuraa Irreechaa #30001

Suuraa irreechaa#20001 (1)

Seife Nebelbal Radio Program inteviews Qeerroo and TVOMT

Aside

“Oromiyaa Maaltu Gadhiisa” Sabboonticha Artist Hacaaluu Hundasaa

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Sadaasa 15,2012

Aside

Ethiopia: Perpetrators of Human Rights are not Protectors of Human Rights

Aside

HRLHA November 14, 2012

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) strictly denounces that UN General Assembly elected Ethiopia on November 12, 2012 to serve in the UN human Rights Council for the next three years starting from January 1, 2013.

In the last two decades the Ethiopian Government led by EPRDF/TPLF has been repeatedly condemned by regional and international human rights organizations including US State Department and UN independent experts[1]and UN Special Rapporteurs for its heinous human rights crimes against its citizens.

Ethiopia-2.doc

Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Keessatti Barattooti Oromoo 8 Gaaffii Mirgaa Oromoo Gaafattan Jedhamanii Ari’amuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Sadaasa 16,2012 Madda Walaabuu

Barattootni Oromoo manneen barnootaa gad aanaatii kaasee hanga dhaabbiilee barnootaa olaanaa keessatti argaman baraa darbu gaaffii mirgaa gaafachuun manneen barnoota isaanii irraa ariiamu,Hidhamu,ajjeefamu.Manneen barnootaa keessattis sababa Oromummaa qofaan yakkamuun dhaabbiilee barnootaa keessaa baafamu.Hanga mootummaan abbaa irree wayyaanee aangoo irra jirutti shirri kun ilmaan Oromoo irraa hin dhaabbatu.

Yuunivarsiitii Madda walaabuu Damee Gobbaa keessatti ilmaan Oromoo moommee health officer waggaa sadaffaa baratan jijjiirama curriculum dhufe ibsa gahaa akka argataniif karaa nagaa gaafatan isin jibbinsa mootummaa qabdu,siyaasa  ABOtu isin duubaan jira jechuun barnoota irraa ariiee jira.Itti gaafatamaan Koollejjii fayyaa Ahmed Sayid jedhamu mootummaa wayyaanee waliin harka wal keessa naquun ilmaan Oromoo addatti foyuun kanneen naannoolee garaa garaa irraa illee dhufan Oromoo tahuu isaanii erga qoratanii booda barnoota irraa ariianii jiran.Ilmaan Oromoo barnoota isaanii irraa ariiamanis

Lakk Maqaa Muummee fi waggaa barnootaa Hamma adabbii Naannoo dhalootaa Umrii
1 Barataa Abdiisaa Dagafaa Health officer 3ffaa Waggaa 2f ariiame Bishooftuu 23
2 Barataa Biiniyaam Garramuu Dheeressaa Waggaa 3f ariiame Walisoo 22
3 Barataa Daagim Yittaagezuu Waggaa 2f ariiame Jijjigaa 21
4 Barataa Jireenyaa Namoomsaa Waggaa 1f ariiame Horro Guduruu Fincaaaa 21
5 Barataa Yaared Argataa Waggaa 1f ariiame Asoosaa wambaraa 22
6 Barataa Waaqoo Waariyoo Waggaa 1f ariiame Shaashimannee 23
7 Barattuu Betseggaa Waldee Waggaa 1f ariiame Adaamaa 22
8 Barataa Liiban Galaalchaa Waggaa 1f ariiame Hawaasaa 23

Jedhaman barnoota isaanii irraa ariiamuun mooraa yuunivarsiitii akka gad lakkisan taasifamus qeerroon gaaffii mirgaa gaafachuu hin dhaabnu jechuun gaaffiin muddaa jira.Mootummaan wayyaanees diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana mooraa yuunivarsiitii guutuun sakattainsaa fi hojii basaastummaan ilmaan oromoo rakkisaa jira.Ilmaan oromoo yuunivarsiitii mara irraa waamicha keenya akka nuu dhageessan,Waan hara nurra gahe booru isiniin eeggata jechuun ilmaan oromoo maraaf waamicha dabarsa.

“Wayyoo yaa sangaa dhabuu gasoo gurguddaa nama baachisa,wayyoo ya haadhoo dhabuu alagaa oromaan nama dhaansisa.”