Sabboontotni ilmaan Oromoo Yuunivarsiitii Arbamnic Guyyaa FDG Qophiilee Garaa Garaan Yaadatan.Bakkoota Kaanittis Itti Fufee Jiraachuun Gabaafame.

Aside

Sadaasa 15,2012 Finfinnee
Yuunivarsiitii Arbaaminc Guyyaan FDG waraqaalee dhaadannoo maxxansuunii fi raabsuun Alaabaa ABO fannisuun yaadatame.Sabboontotni barattoota yuunivarsiitii Arbaaminc Damee hundaa walitti dhufuun guyyaa kana haala addaan yaadatanii jira.Qophiin kun Wareegamtoota gootota ilmaan Oromoof yaadannoon callisaan erga taasifamee kan eegalame yoommuu tahu dungoon diimaa magariisa diimaa qabsiisuunii fi Alaabaa ABO fannisuun yaadatamee jira.Yaadannoo kana irrattis walaloo,baacoo,taphootaa fi barnoottan siyaasaa kennamanii jiran.Mootummaan wayyaanee wayita hundeen buqqa’aa jiruttii fi Miseensotni OPDO yuunivarsiitii Arbaaminc mootummaa wayyaaneef kana booda ulee hin taanu wayita jedhanitti guyyaan kun yaadatamuun mariin jabaanis taasifamee jira.Qeerroon guyyaa FDG irratti walitti dhufuun gootawwan FDG keessatti wareegaman irraa dhaamsa nu gahe galmaan geessisuuf waadaa seenuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii baasanii jiran.

  1. Gaaffii mirgaa,bilisummaa,hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman yuunivarsiitiitti iyyannoon galchine deebii hanga argannu wareegama kamuu baafnee Qabsoo itti fufna
  2. Ilmaan Oromoo mara ijaaruun,qindeessuun mirga isaaniif akka ka’an ni hojjenna
  3. Haala kamuu keessatti irbuu keenya tikfachaa,diina nu keessaa seccinee bilisummaa keenya argachuuf halkanii fi guyyaa ni hojjenna
  4. Dirqamoota dhaaba irraa kennaman haal duree tokko malee ni baana
  5. Shira mootummaa wayyaaneef hin jilbeeffannu
  6. Qaala’insa jireenyaa uummata biyyattii mudatee fi hojii dhabdummaa akkasumas malaammaltummaa saba bicuu irratti hundaa’e ni mormina
  7. Saaminsa lafa Oromiyaa,faalama qabeenya uumamaa Oromiyaa ni mormina,Qabeenya keenya irratti abbaan mutii nu tahuu qaba
  8. Barattoota yuunivarsiitii,Manneen barnootaa gad-aanaa fi Koollejjii waliin akkasumas sabawwan cunqurfamoo waliin mootummaa abbaa irree hundeen buqqisuuf ni hojjenna

Kanneen jedhan baafachuun Guyyaa FDG ilmaan oromoo FDG irratti wareegaman galmeen bara baraan yaadata! Irbuu keenyas tikfanna jechuun qophii isaanii eebbaan eegale eebbaan xumuranii jiran.Waraqaaleen Dhaadannoo

  1. Sadaasni 9 guyyaa FDG tahee bara baraan yaadatama
  2. Mootummaan wayyaanee abbaa irree dha.
  3. Diina waloo waliin Lolla

jedhan Magaala Arbaaminc Koollejjiiwwanii fi Yuunivarsiitii Abaminc bakka Library tti maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanee fi basaastotni wayyaanee dhiphuu keessa seenanii jiran.

Kana malees kolleejji Kotobee fi bakkoota gara garaatti barruun warraaqsaa faca’uun ayyaanni kunis sirna ho’aan barattoota biratti kabajamee jira. 

University Jimmaa Keessatti Baratooti Oromoo Diddaa Itti Fufuun Sagaleen Qabsoo Faarsan

Aside

Sadaasa 15,2012 Jimma

Sadaasaa 12,2012 Galgalaa keessaa saaa 1:30 irraa egalee Sochiin Qeerroo Mooraa University Jimmaa keessaattii Jabatee itti fufuun, sababaa Sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo mooraa Universiticha dhunfatee jiruuf, Mootummaan Waayyaanee toftaawwaan ittiin human qeerroo dadhabsiisuu fi Qabsoo bilisummaa Oromoo lamsheessuu keessaa isaan buuurrii yeroo Oromoon Sochii FDG gaggeessuuf haala mijeeffaatu Mootummaan Waayyaanee, kan ittiin yaada Ummataa Hatuu kanneen akka ispoortii, Diramaa, Filmii agarsiisuu, tapha kubbaa miilaa akka qeerroowwaan ilaalanii yaadni isaanii busy akka tauu gochuunii fi konsertii garaagaraa qopheessuun Yaada ummataa hatuuf yaaliin godhamaa ture, kun immoo toftaa[political formula] ta’ee jedhee wayyaaneen fayyadamudha.

Guyyaa gaafa Sadaasaa 12/2012 akkumaa yeroo kaanii Wayyaaneen sochii baratootaa Oromoo fi haalaa FDGn itti deemaa jirruu waan sodaateef, xiqqoo yaadaa uummataa hatuuf Filmii haaraa Afaan Oromootiin kan Qophaa’ee fi kan mataa dureen isaa Bidiruu Jaalalaa,jedhuu kan baratootaa university Horoammayyaatiin Qaphaa’ee ,stedium xiqqaa mooraa University Jimmaa keessaa jiruu keessaattii, Filmii kana agarsiisuuf heeyyaamtee, Qeerroon gototaa baratootaa Oromoo Filmichaa kan qopheessee ilmaan Oromootii, Filmiin kunis Ergaa Guddaa Qaba, nutis utuu namni tokkoo hin hafiin jechuun stadium keessaattii wal waamuun , dhaamsaa Qeerroon tamsasee waraqaa waamichaa FDG fi gaaffii Ummataa Oromoo kan qabatee walittii daddabarsuun qeerroon dhaamsaa wal qaqqabsisaan, Sirbotaa, Qeerroo Farsaan kan akka sirba Artiistii Hailu Kitaabaa Qeerroo Waliin. Jechuun Sirbuun qeerroo bilisummaa Oromoo mooraa University Jimmaatiin Sirbamaa bule.Kana malees dhadannoon warraaqsaa fi faaruuleen ABO fi WBO faarsan guutummaatti mooricha keessatti dhagahaa bule.

Filmiin barattootaan qophaawe kunis mata dureen isaa Bidiruu jaalaala haa jedhuu malee ergaan inni dabarsu Gotummaa Oromoo fi Goototaa Oromoo kaleessaa ummataa isaaniif jechaa Lubbuun isaanii wareegamee kan faarsuudha.

Sadaasa 9,Ilaalchisee Barruuleen Qabsoo Oromiyaa Keessatti Faca’uu Itti Fufe

Aside

SBO Sadaasa14 Bara 2012

Aside

Hanaga Bilisoomnu Falmaa Irraa Hin Dhaabbannu!

Aside

Guyyaa FDG Sadaasa 9,Ilaalchisee Qeerroon Baruulee Warraaqsaa Universitii fi bakkoota hojii mootummaa ijoo ta’anitti facaasee jira. Haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee tikaa fi waraana isaa barattootatti bobbaasu iyyuu sochiin qeerroo itti fufe.

This slideshow requires JavaScript.