Sadaasa 13,2012 Finfinnee
Mootummaa wayyaanee sadaasa 9 dhufaatii irraa kaasee cinqii keessa buee jira.Akeeka gootawwan keenya FDG keessatti wareegaman galmaan geessisuuf Qeerroon waraqaalee dhaadannoo kumaatamaan maxxansuun wayyaanee rifaatii guddaa keessa buusee jira.Dhaadannoowwan garaa garaa kanneen akka
1. Garboomfataaf harka hin laannu!
2. Sadaasni 9 bara baraan Guyyaa FDG tahee yaadatama
3. Akeeka gootawwan keenyaa galmaan geenya
4. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
5. ABO gaachana ilmaan oromooti
6. Lama duuun salphina
7. Oromoo yeroon gaaffii bilisummaa amma!
8. Qabsaaaan ni kufa Qabsoon Itti fufa
9. Qeerroon wareegama kamuu baasee Oromiyaa bilisa baasa
10. Tokkummaan ilmaan oromoo shira wayyaaneen hin diigamu
Kanneen jedhaan Magaala Finfinnee Kutaalee magaalaa garaa garaa keessatti hedduumminaan maxxanfamuun waraanni mootummaa wayyaanee beeksisa mara buqqisuuf dirqamee jira.Garboomfataan mootummaa wayyaanee hanga aangoo irraa buuttii fi hidhamtootni siyaasaa hiikamuun Bilisummaan biyyaa fi Uummata Oromoo hanga Mirkanaau qabsoo keenya itti fufna jechuun qeerroon waraqaalee dhaadannoo kana maxxansee jira.Dhaabbiilee barnootaa gurguddaa kanneen akka Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo6,Kiiloo5 fi 4 akkasumas Faculty Commerce fi Journalism and Communication,Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti library fi kaaffee biratti akkasumas bakkeewwan beeksisni bahu maratti maxxanfamuun ilmaan oromoof waamicha garboomfataa wwayyaaneef dhiphuu tahanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo kun Koollejjiilee kanneen akka Rift Vaalii,Yunitii fi Yuunivarsiitii Koollejjii Kotebee keessattis maxxanfamanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Qeerroon Adaamaa waraqaalee dhaadannoo kanneen Magaala Adaamaa,Koollejjiiwwan Adaamaa keessatti argamanii fi Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti maxxansuun dabballootaa fi jala deemtota mootummaa wayyaanee dhiphisee jira.Bulchinsi Yuunivarsiitii Adaamaa bulchinsaan alaammaltummaa fi loogiin wal nyaachaa kan jiran yoommuu tahu kanneen kana hojjetu Ilmaan oromoo hojjettoota tahanii fi Waardiyoota halkan eegani jechuun kanneen ilmaan oromoo tahan qorannoo eegalee jira.
Qeerroon magaala Shaashimannee,Arjoo fi Jimmaa waraqaalee kanneen maxxansuun milishoota gandaa dhiphisanii Sadaasa 9 ilmaan oromoo biratti guyyaa kabajamaa fi bara baraan Guyyaa FDG tahee yaadatamu tahuu mulisanii jiran.
Magaala Amboo,Yuunivarsiitii Amboo manneen barnootaa gad aanaa fi Magaala Gudar,Geedoo keessattis Qeerroon waraqaalee Sadaasa 9 ibsanii fi mootummaa wayyaanee balaaleffatan maxxansanii jiran.
Oomisha Investeroota mootummaa wayyaanee waliin harka wal keessa naquun hojjetan birattis Alaabaan ABO fannifamuun waraqaaleen akeekkachiisaa fi dhaadannoo maxxanfamuun Investerootni yaaddoo guddaa keessa akka buan taasifamee wayyaanee dhiphisee jira.
Bilisummaan biyyaa fi Uummata Oromoo hanga mirkanaau Qeerroon qabsoo finiinaa jiru jabaatee akka itti fufu irbuu maqaa wareegamtoota FDG tiin haaromsuun ilmaan oromoo marti akeeka gootawwan keenyaa galmaan geessisnee walabummaa akka argannuuf akka kaatan jechuun dhaammata.