Tokko!…tokko!tokko!,Yoo Tokko Taane……(Adinaan)

Aside

Cuunfaa Gabaasa Guyyaa Yaadannoo FDG Waggaa 7ffaa Oromiyaa Godinoota Adda Addaa Keessatti Kabajamee

Aside

Sadaasa 10,2012 Finfinnee Gabaasa Qeerroo
Gabaasaa guyyaa ayyaana kabajaa FDG yeroo 7ffaa Oromiyaa keessatti kabajame irraatti barattootnii fi sabboontoti akkaataatti kabajatan ilaalchisee kan bakkoota garii walitti qabuun bifa gabaabaan cuunfamee gartuu qunamtii fi odeessii Qeerroo irraa gabaafamee jira. Gabaasonni FDG Jimmaa,fi Godina Shawaa Lixaa aanota adda addaa keessatti Sadaasa 6-8,2012 irraa jalaqabanii kabajatan akka jirtutti ta’ee addatti Sadaasa 9,2012 guyyaa tokkicha bakkoota adda addaatti jabamanis bifa gabaabaan akka itti aanutti qeerroon  gabaasa.

Guutuu isaa dubbisuuf as tuqaa:– Sadaasa 9.docx

Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Bakkoota Adda Addaatti Sadaasi 9,Sirna Howaan Kabajame.Gumaacha Maallaqaas Ta’e

Aside

Sadaasa 10.2012 Jimmaa

Sadaasa 9,2012 Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraattii Yaadannoon FDG Sadaasa 9/2005 sirnaa ho’aa ta’een kabajamee, Sadasni 9 ummataa Oromoo birattii bakkaa ol aanaa kan qabuu fi kan ilmaan Oromoo qareeyyiin bilisummaa Ummataa Oromoof jechaa falmii bilisummaa gaggeessuun Jilmaan ittii ajjeeffaman, jilmaan itti hidhaman, jilmaan itti biyyaa isaanii irraa arii’atamaan waan ta’eef bara Qabasoon Oromoo Addaa Bilisummaa Oromootiin gaggeeffaamuu itti gurraa addunyaa harkisee waan ta’eef Ummataa Oromootiif guyyaa addaati, kanumaa ilaalchisuun guyyaa kaleessaa Sadaasaa 9/2012 Wamichaa fi Ibsaa Qeerroon kennee hordofuun Godinaa Jimmaa Mooraa University Jimmaa keessaattii sabboontotni baratootaa Oromoo mooraa University Jimmaa, akkaataa walittii dhiyeenyaa fi akkataa caasaa maadhee keessaattii hundeeffamanii jiranitti Dungoo halluu diimaa magariisaa diimaa bifa halluu alaabaa Addaa Bilisummaa Oromoo qabuu qabsifachuun kabajataan, baratootni koolleejjii barsisotaa Jimmaas akkasumaa manaa manattii walittii dhufuun guyyaa kanaa haala addaa ta’een kabajachaa olaan, Madheewwaan kanneen akka maadhee Hayyuu Biyyaa, Tokkummaan Humna fi Maadheen Gumaa baas Jaal Laggasaa Wagii jedhamaan jalattii hundeeffaman walittii dhufuun guyyaa kanaa haala Adda ta’een kabajachuun kaayyoo gototaa keenyaa fi bilisummaa saba keenyaa saffisisuuf jabannee ni hojjennaa jechuun Irbuu haaromsatan, ilmaan Oromoo bifa madheetiin ijaaramanii magaalaa Jimmaa ,fi Aggaroottii argamaan guyyaa kana haala adda ta’een kabajatan.

Haaluma wal fakkaatuun Godinaa Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu, Goree, Dhidheessaa, Cooraa fi Baddaalleettii sirnaa Ho’aa ta’een sadasni 9/2005 guyyaa FDG kabajame, keessaattuu, Caasaan Madhee  maqaa: Oromiyaa bu’uraa Biyyaa, Imaltuu,dhaamsaa Barii fi Soorii  Jedhamaan jalattii hundeeffaamanii jiraniifi caasaa maadhee isaan jala jiruu waliin dhaamsaa ABO dabarsee hordofuun haalaa baayee ajaa’ibsisaa ta’een kabajataan, FDG qabsifaamee waggaa 7ffaa lakkofsisee jiruu jabeessuu Jabeessuun ittii fufsisuun arsaa qabsoon nama gafattuu hanga wareegama lubbuuttii iyyuu yoo ta’ee baasuuf waadaa isaanii haaromsatan,kana malees miseensonnii madhee Ilmaltuu, Oromiyaa bu’uuraa biyyaa, fi Dhaamsaa barii jedhamaan qabsoo bilisummaa Oromoo daran saffisisuuf  buusii mallaqaa qarshii 600 walittii qabataan. Ammas guyyaa yaadannoo sadaasa 9/2005 kana sababbeeffaachuun sadarkaa garaagaraattii halaa garaagaraatiin Yaadannoon gototaa Oromoof godhaamuu itti fufa,

Guyyaa kana sababbeeffaachuun mootummaan Abbaa irree Wayyaanee TPLF fi EPRDF Humna waraanaa Bobbaasuun Ummataa sodachiisaa jira, keessaattuu mooraa University Jimmaa Akka malee egaa jiraachuun gabaafame, yeroo amma kana dabbalotaa fi humnotaa tikaa Wayyaaneetiin Baratootni Mooraa University Jimmaa hordofaamaa jiraachuun gabafamera, mirgii bilisummaan barachuu [academic freedom]n mirgi yaadaa ofii karaa walabaa fi ifaa taa’een ibsachuu dhabamee humna waraanaafi tikaatiin baraachaa kan jiran ta’uun ibsame, kun immoo mallaattoo motummaa abbaa irree kufaatii jala gahee ta’uu beektoni ibsaa jiru.

Sabboontoti Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalota Adda Addaa Keessatti Sirna Ho’aan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Sadaasa 10.2012 Ambo

Yaadannoon FDG Sadaasaa 9,2005 Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Amboo,kessaattii sirna ho’aa ta’een kabajame, Sirna yaadannoo kana irraattii seenaa gototaa Oromoo FDG sadaasa 9/2005 irraatti wareegamaan kaasuun, keessaattuu suuraa gototaa Oromoo FDG irraattii wareegamanii waliif kennuun seenaa gototaa kanaa kaasuun kaayyoo isaan irraattii wareegamaan galmaan gahuuf sadarkaa caasaa madhee keessaa warrii jiraan irbuu waliif haaromsuun kabajan.

Haaluma walfakkaatuun Godina Shawaa Lixaa aanaawwaan kanneen akka  Midaa Qanyii, Calliyaa Geedoo, Iluu galaan Ijaajjii, Tokkee Kuttaayyee Gudar, Amboo, Xiquur Incinnii, Shanaan,, Jalduu, Gindabarat Kaachiisii fi Abunaa Gindaabarat, Meettaa Roobii,fi Ginciittii baratootaa  Mannee barnotaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaatiin kabajamee akka jiru maadheeleen qeerroo naannichaa gabaasanii jiru. Keessaattuu Midaa Qanyii fi Calliyaa Geedootti Barattootni barsisotaan har’a kutaa seentanii nu hin barsiftan guyyaan kun ummataa Oromootiif guyyaa adaati, nuti Yaadannoo FDG sadaasa 9/2005 waggaa 7ffaaf kabajaa waan jirruuf nu waliin kabajuu qabdu jechuun barsisotni akka daree barnotaa seenaanii hin barsifnee gafataan jechuun qeerroon gabaase.

Gabaasaa isaa keessaattii qeerroon godina lixaa shawaa guyyaan yaadannoo FDG sadaasaa 9 kun ammas itti fufuun kabajama, qabsoo gotaawwaan baratotni  Oromoo irraattii dhumaan dhiigaan nutti dabarsanii darban nuti galmaan gahuun dirqama dhalotaa si’anaa ta’uu hubachuun yaadannoon kun gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa ummataa Oromoo kaasuun ittii fufaa jechuun qeerroon godinichaa dhaamsaa dabarsee jira, yeroo ammaa kanaa godinaa lixaa shawaa keessaattii xalayaa waamichaa FDG qeerroon raabsaa kan jiruu ta’uunis saaxilamera, suuraan gototaa baratootaa Oromoo FDG irraattii wareegamanii kanneen akka Jaagamaa Badhanee, Dirribee Jifaar, Gaaddisaa Hirphasaa, Alamaayyoo Garbaa, Kabbadaa Badhaasaa, Yaasiin mohamed, lalisaa waggaarii,Simee Tarrafaa fi Shibbiruu Damisee fi kan gototaa Oromoo hedduun rabsamaa jiraachuu qeerroon gabaasera,

“Nuti Qeerroon Leenca Goota Darabeen Keenya Gaheera, Oromiyaa ni Falmanna” Geerarsa Guyyaa FDG.

Aside

VOA: Haqa Jal’ate Loogdummaa fi Cunqursaa Mormee Aarsaa Ta’uun Koo Anaaf Kabajaa Dha

Aside

(Madda Odeeffannoo,marsaa http://www.Ayyaantuu.com)Note from Ayyaantuu editor:  wanti kun hunda keenna ilaala. Maal godhuu qabna kan jedhu irratti yoo haasofne gaaridha. Faamiliin jara kanaa rakkachaa jiru. We have come to a critical juncture, where none of us can by pass safely. Whether you are Muslim, Christian, Waaqefataa, OLF, WAFIDO, OPC, etc. supporter or not,  the time has come for you for national call. Being an Oromo is sufficient to be targeted. The merciless minority regime of TPLF is determined to brutally and gradually exterminate our heroes and people. What should we, in Diaspora with full of freedom, can do for these innocent heroes’ families immediately? Should we just ignore them and their families to die or find a way to help them and their families?  This is also a responsibility of all Oromo Communities in Diaspora. For the sake of saving at least the families of our heroes, let us get together. Any comment on this point that gives a workable solution will be posted later. You can also write to oromia@ayyaantuu.com

November 2, 2012, WASHINGTON, DC (VOA Afaan Oromo)— Manni-mutii Federaalaa Itiyoophiiyaa, Dhaddachi yakka sadaffaan, Obbo Beqqelee Garbaa faa irratti yakka murtee jira.

Waggaa tokko Abbaan-alangaa Federaalaa  “Obbo Beqqelee Garbaa faa ergaa shororkeessummaa, kan Adda Bilisummaa Oromoo fudhachuudhaan, dhaaba polotikaa seera-qabeessa dahoo godhachuudhaan humnaan qabsoo hidhannoon Mootummaa taayitaa irraa buusna, Oromiyaa qaama Federeeshinii irraa kutna” – jechuun yakka shororkeessummatti hirmaatan – jechuun, bara dabre himannaa irratti dhiheesse.

Kanneen yakka kanaaan himataman Obbo Beqqelee Garbaa dabalee sagal yoo ta’an isaanis Obbo Olbaanaa Leellisaa, Olbaanaa Lammii, Adam Buusaa,  Dubree Hawwaa Waaqoo, Obbo Mohaammed Muluu, Darajjee Katamaa, Addisuu Mokiree fi Galgaloo Gufaa ti.  Read more     http://www.Ayyaantuu.com

Guyyaan FDG Waggaa 7ffaa Oromiyaa Keessatti Haala Ho’aan Yaadatame.Mootummaan Wayyaanee Jala Dhaabbachuuf Shira Xaxus Milkii Dhabe.‏

Aside

Sadaasa 10,2012 Finfinnee
Guyyaan FDG waggaa 7ffaa Oromiyaa keessatti haala ho’aan sabboontota Oromoon yaadatame.Guyyaan FDG wayita yaadatamutti ayyaaneffatamutti miseensotni Qeerroo akeeka wareegamtootaa FDG keessatti wareegaman fiixaan baasuuf waadaa dhumaa seenan.Mootummaan Wayyaanee abbaa irrummaan ilmaan Oromoo wayita rakkisaa jirutti tokkummaan ilmaan Oromoo fi akeeka gootawwan FDG keessatti wareegamanii adda durummaan ibsamuu kan qabu tahuu wal hubachiisuun qeerroon Guyyaa FDG haala bal’aan yaadatee jira.Koreen Hojii raawwachiistuu Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(qeerroo) walitti dhufuun dhimma QBO irratti hojii hojjetamaa jiru irratti marii jabaa gochuunii fi gamaggamuun guyyaa kana yaadachuun kan oolan yoommuu tahu barattootni Oromoo Yuunivarsiitiilee garaa garaa fi manneen barnootaa gad aanaa guyyaa kana haala ho’aan yaadatanii oolanii jiru.Sabboontotni Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 6,Kiiloo 5,Kiiloo 4 fi yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu,Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa,Haramaayaa,Adaamaa,Madda Walaabuu,Miizan Teeppii,Jimmaa,Naqqamtee guyyaa kana walitti dhufuun alaabaa ABO qabachuun,Dungoo diimaa magariisa diimaa fi uffata aadaa uffachuun kan ayyaaneffatan yoommuu tahu manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa Midaaqeny,Shaambuu fi Tiqur Incinnii keessatti haalaan ayyaaneffatamee jira.Sabboontontni Oromoo guyyaa kana walitti dhufan mootummaan Wayyaanee abbaa irree fi garboomfataa tahuu addunyaatti hubachiisuu irratti haalaan akka hojjetan irratti marii gaggeessanii jiran.Guyyaa kana irratti waraanni mootummaa Wayyaanee ayyaana kana fashalsiisuuf oliif gad fiiganis ayyaanni kun haalaan ayyaaneffatamee jira.Guyyaa Yaadannoo kanaa irratti walaloo,Baacoo fi muuxannoo wal jijiiruun kan yaadatame yoommuu tahu waraqaaleen dhaadannoo

1. Sadaasni 9 guyyaa FDG tahee bara baraan ni yaadatama
2. Mootummaan wayyaanee abbaa irree fi garboomtaa dha
3. Qeerroon wareegama kamuu baasee Oromiyaa ni bilisoomsa
4. ABO gaachana Ilmaan oromooti
5. Mirga keenyaaf wal qabannee haa kaanu
6. Ilmaan oromoo shira mootummaa wayyaaneen adda hin diigamu
7. Sbawwan cunqurfamoo mirga keenyaaf haa kaanu
Kanneen jedhan Magaala Finfinnee keessatti baklka hedduutti maxxanfamuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa kan galche yoommuu tahu Magaala Amboo fi Adaamaa keessatti waraanni Wayyaanee waraqaalee kanneen maxxanfaman kanneen funaanuuf bobba’ee dhama’aa oolee jira.Gudar,Geedoo fi Midaaqeny keessatti manneen barnootaa keessatti barattootni barsiisaan akka hin seenne nuyi guyyaa FDG yaadanna jechuun kan ifaan labsan yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee fi jala deemtotni kutannaa fi qindeeffama qeerroo irraa dhufe dura dhaabbachuu dadhabanii jiran.

Koollejjii Odaa bulluq keessatti barattootni Oromoo baratan guyyaa kana haalaan Godina Horroo Guduruu keessatti kan yaadatanii oolan yoommuu tahu manneen barnootaa gad aanaa fi yuunivarsiitiilee hafan itti fufinsaan akka ayyaaneffatan qeerroon golee Oromiyaa irraa gabaasee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!