Kaayyoo isaaf murataan akkana dubbata
Kan kana dagate lammii gurgurata
Qeerroon Oromiyaa ABO faarfata
Gariin nama keenyaa dubbii alalfataa, akeeka dagata
Kaayyoo isaaf murataan akkana dubbata
Kan kana dagate lammii gurgurata
Qeerroon Oromiyaa ABO faarfata
Gariin nama keenyaa dubbii alalfataa, akeeka dagata
Qbs 2005n
Nama qalbeeffatee diina nu marsee jiru hubateef , Qabsoo nu eeggatu tilmaamuun isa hin rakkisu. Qabsoon Oromoo keessaa fi alaan , qormaati isa qabee jiru salphaa miti . Qormaata kana jabaannee keessa dabarraan eenyullee nu dura dhaabbachuu akka hin dandeenye hubachun hin ulfaatu.jabaannee akka keessa hin baaneef wal hubchuu dhabuun keenya nu miidheera. Miidhaa kanas ifatti argaa jirra. Nu miidhuu isaa ifatti waliitti dubbachuunis eegalamee jira. wal malee akka hin qabne hubatamee , ilaalcha funyaanii hanga Afaanii wal irraa hin fagaannen wal miidhu irra , diina irratti walii galuu murteessaa tauun, yeroo itti hubatame irra geenye jirra.
Guutuu isaa dubbisuuf as tuqaa:- ESAT.docx
Sadaasa,09,2012 Jimma
Qabsaaan ni kufaa Qabsoon Itti Fufaa, Mataa dureen keenyaa Goototaa Oromoo armaan olii kanaa Yeroo yaadannuu Gaddaa guddaatu nutty dhagaahama, Gaddaa Goototaa keenyaa tauufii nuti dhagahamuun qoftii gahaa mitii, Kaayyoo isaan irraattii wareegamaan galmaan gahuuf harka walqabannee kauutu, gara furmaataatti nu geessaa,
Kanaaf yaa ummataa Oromoo Bakkaa hundattii Harka walqabannee haa kaanuu, sagalee tokkoon gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa jabeesinee itti Haa fufnu, Gaffiiwwaan armaan gadii akka dhaadannoottii Oromiyaa Bakkaayyuuttii kauu qaba,
1. Sadaasaa 9/2005 Yaadannoo FDG ilaalchisuun Ibsaa Addi Bilisummaa Oromoo Kennee ni deggaarraa, cinas ni dhabbaanna , fiixaan baasuufis jabeessinee hojjenna.
2, Nuti hiree keenyaa murteeffaachuuf enyuun iyyuu eyyamaa hin gaafannuu, kanaaf tokkummaan kaanee gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa keenyaa ni gaffanna.
3, Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaaniif manneen hidhaa biyyaa kanaa garaagaraa keessaattii hidhamanii dararamaa jiran haa hiikaman.
4. Gaaffiin Ummataa keenyaa Haa kabajamuu.
5., ABOn Gaachaanaa Ummataa Oromooti, Qabsoo Addi bilisummaa Oromoo godhuu daran jabeessuun FDG bakka Oromiyaa keessaattii qabatee dhaamuu didee waggaa torba lakkofsisee jiruu cimsuun hangaa Bilisummaa keenyaa gonfannuttii Qabsoon bifa Qindaaeen Itti Fufa.
6,, Warraaqsaa Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiru keessaa nuti qama isaa tokkoo fi Abbaa dhimmaa waan taaneef Dimokiraasii dhugaa hara addunyaan leellistuu Biyyaattii keessaattii fiduuf Qabsoon karaa nagaa Qeerroon gaggeessaa jirruu jabeessinee itti fufuun abbotii irree ummataa irraa kaasuuf bifa qabsoo walittii fufinsa qabu ni gaggeessina.
7,. Gaffiin Ummataa Oromoo Bakkaa Hundatti Jabaatee Itti Fufuu Qaba, Keessaattuu yeroo Ammaa kana ummaannii keenyaa qeeeef qabeenyaa isaa irraa buqqaee jiruu fi jireenyaan gadoo taee rakkoo hamtuu keessaa waan jiruuf gaaffiin mirgaa abbaa lafummaa ummataa keenyaa haa mirkaneeffamu.
8, Maqaa Investimeentii tiin Oromiyaa Bakkotaa Garaa gara irraa ummataa keenyaa irraa lafa saamuun nurraa haa dhaabbatu,
9.Dhaabni maxxannee wayyaanee OPDOn Mirgaa saba keenyaa dabarsitee gurguruu qofa malee ofiif iyyuu Aangoo hin qabduu waan taeef ilmaan oRomoo dogoggoraan OPDO duukaa hiriirtanii jirtaan gara qabsoo saba keessaanittii deebitaani buaa uummataa keenyaaf gamtaan akka falmanuu wamichaa goona.
10 Sabootaa fi sab-lammotaa Biyyaattii hiree walfakkataa qabnu waliin qabsoo fincila diddaa garbummaa waloon ni gaggeesina .
11. Humnonnii poolisaa, humni hidhataa fi humni ittisaa biyyaa gartuu siyaasaa EPRDF kan dhaabbattaan utuu hin taiin Ummataa keessaaniif akka dhaabbataan , Ummataa ijaa tokkoon akka ilaaltaan meeshaa hidhattanii jirtanis gara mootummaa abbaa irree EPRDFtti akka nanneesitaan cimsinee isin gaafanna.
12, Mirgii Amantii hundaa wal qixaa akka kabajamuu ni qabsoofna. Yeroo kanattii mootummaan abbaa irree EPRDF mirgaa antaa musilimaa sarbee waan jiruuf mirgii amantaa Muslimaa akka kabajamuuf qabsoo barbaachiisuu ni taasisfna. Jechuun Koreen Hoggaansaa Qeerroo Bilisummaa Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Ibsaa baasen ergaa guddaa Ummataaf dabarsee jira.
Injifannoon Ummataa Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati.
Sadaasaa 8/2012.