Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) Hanga Bilisummaa Oromiyaatti Jabaatee Itti Fufa (Ibsa ABO)

Aside

Sadaasni 9, bara 2005, labsa Adda Bilisummaa Oromoo irraa dhihaateen guutuu Oromiyaa keessatti fincilli diddaa gabrummaa bifa duraanii caalaatti qindaawaan guyyaa itti labsame dha. Hará Sadaasa bara 2012 irra dhaabbannee waggaa torbaffaa labsii FDG kanaa yaadachaa jirra.

Sadaasa 9, bara 2005 fincilli kun maaliif bifa qindaawaan labsame? Gaafas haala akkamitu ture, hará hoo haala akkamitu harkaa nu qaba? Fuulduraaf hoo maaltu mala? Gaaffiilee kana gabaabsanii deebisuun barbaachisaa taha. Ummanni Oromoo diina irratti kan finciluu eegale akkuma humna qawweetiin cabee jilbeenfachiifameen ture. Fincilli diddaa gabrummaa Sadaasa 9, bara 2005 wayta labsametti Itoophiyaa keessatti oduun belbeltuun dhimma itti baha filmaata wayyaanee bara sanitti geggeeffamee turee ti. Filmaata sana keessatti sagaleen Oromoo ukkaamamaa ture. Sagaleen humnoota siyaasaa filmaata san keessatti aangaée dhagahamaa ture sagalee paartii biyya bituu fi kan dhaaba mormituu barasii ‘Qinijjit’ jedhamuu qofa ture. Bahii filmaataa irratti wal falmiin humnoota kana lamaan gidduu ture QBO waggoota kudhanootaaf geggeeffamaa ture irratti gaaddiddeesse. Gaaffiin siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru kanuma humnoota lamaan filmaata irratti hirmatanii qofa akka tahe fakkeesse. Falmaan qabsoo fi sagaleen diddaa ummatoota cunqurfamoo ni ukkaamame.

Guutuu ibsa kanaa:-

Afaan Oromoon :- Waggaa 7ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa.pdf

Afaan Amaaraan:- FDG-Amharic.pdf

TVOMT: Haala Yeroo Irratti Obboo Johar Mahammad Waliin Haasaa Taasise

Aside

“First they ignore you, then they laugh at you, then they fight you, then you win.” Mahatma Gandhi

Aside

“Isin Yaamti Harmeen” Sabboonticha Artist Kadir Martuu

Aside

Sabboontichi Artist Kadir Martuu  walakkeessaa bara 2012 irratti biyya ollaa Oromiyaa keessaa humnoota tika Wayyaaneen qabamee badii tokkoon mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti darbame. Baatii darbe keessa mana hidhaa keessaa erga bahee Qeerroo Oromiyaa fi ummata isaa jaallatu Oromoo waliin ayyaana irreechaa 2012 irratti aramuuf carraa argate,sabboontota baadiin Saglan Booranaa waliin walleelee warraaqsaa jajjabduu wallisuun dirqama lammummaa bahanii jiru,kanneen wallifame keessaa qicnee kan K.Martuu isin yaamti harmeen jedhu kuno…