Wallaga,Aanaa Anifilloo Keessatti Diddaan Ummataa Jabaatee Daandiin Konkolaataa Cufame

Aside

Sadaasa 05,2012 Naqamte

Gabaasaa Qeerroo Qellem,Anfilloo irraa haaluma arman duraa irraa adda kan taanee haala raafamaa fi sodaa mootummaan wayyaanee ona sana irratti qabuun wal qabsiisee har’a Sadaasa 4 addeessuun sadaasa 1 kaasee dargaggoota fi uummata isaaf amanamoo ta’an walitti waamuudhaan walgayii adeemsisaa turuun akkasuma itti fufee akka adeemsifamaa jiru gabaasaan Qeerroo addeessa.Dhimmi walgayii isaanii kunis haala sochii ABO ilaalchisee biyya keessatti hojii gaggeessa jiru keessattuu kunoo miidiyaa isaaniitiin haala sochii mootummaan keenya qabu kan aanaa keenyaa kana miidiyaadhaan darbaa jira, kun ammoo qaama biroo osoo hin taanee nu keessaa kan ABOdhaaf basaasaa jirutu jira, kana akkamitti qorannoodhaan bira geenya, kana qofa miti kaayyoo mootummaan diriisree jiru ammallee fesheleessuuf sochiin isaanii jabaataa jira haala kana irratti hammam qophii qabdu jedhuun walgayii kana irratti mata duree godhatanii gaggeessaa akka turan gabaasaan addeessa.Itti fufee Sadaasa gaafa 3 ona Anfilloo ganda Suddii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Abbush jedhamu loltoota Wayyaaneen qabamee mana hidhaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Kana malees daandiin konkolaataa ganda sana keessa darbee gara Gambeelatti geessuu uummataan cufamee konkolaataan akka hin dabarree ta’eetu jira,kana qofa osoo hin taanee dargaggoonnii fi uummanni aanaa sanii walii galatti mootummaa balaaleffachuu irraan kan ka’e Sadaasa bultii 3 irraa kaasee waraqaa mallattoo dhaabaa qabu babarreessuudhaan suuqii, mana barnootaatti maxansuudhaan, waajjiralee garagaraa biratti agarsiisaa akka jiran gabaasaan addeessaa jira. Akka gabaasaa Qeerrootti sochiin uummataa fi dargaggootaa barattoota waliin daran aanaa Anfiloo irratti jabaachaa akka jiru gabaasaa hima.
Qabsoon itti fufa!!Gabrummaan ni kufa!!

Diddaa Deemsifamaa Jiruun Wal Qabatee Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Cooraa Keessatti Uummatni Walgahii Wayyaanee Lagate.

Aside

Sadaasa 09,2012 Mattuu

Diddaa biyyattii keessatti adeemsifamaa jiruun wal qabataee Godina Iluu abbaa booraa aanaa Cooraa ganda Abdallaa keessatti uummatni oromoo wal gahii olola mootummaa wayyaanee lagate.Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataan kan wareere ilmaan oromoos mana hidhaattu guuruun isintu diddaa qindeessa jechuun rakkisaa jiru.Bulchinsi ganda Abdallaa Obbo Muddin Maammoo Wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun ilmaan oromoo naannoo kanaa gara mana hidhaatti guursisaa jira.Ilmaan oromoo 1. Sheik Kadir Ismaael 2. Obbo Mohaammed Kadir 3. Dargaggoo Shaafii Bayyanaa fi 4. Obbo Daawud Sheik Kadir Jedhaman mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaa Sirna wayyaanee keessatti hiraarfamaa kan jiran yoommuu tahu Obbo Muddin Maammoo gochaa hojii diinummaa irraa hin dhaabbatu taanaan tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatu qeerroon aanaa kanaa dhaamee jira.

Godina Shawaa Lixaa Keessatti,Hojjettooti Mootummaa Oromummaan Yakkamuun Hidhaman

Aside

Sadaasa 05,2012 Finfinnee

Shirri mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan hin dhaabbanne Godina shawaa lixaa magaala Amboo keessatti hojjettoota bulchinsaa kan tahan isin ABO waliin hidhata qabdu,Qeerroo ijaaraa kan jiru isini jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Iccitii mootummaa fi karoora mootummaas isintu saaxila jechuun gara mana hidhaa mootummaa Wayyaanee maaikelaawwiitti fudhatamuun dararamaa kan jiran yoommuu tahu isaanis:-

1. Obbo Sintaayyoo Tarrafaa hojjetaa bulchinsaa

2. Obbo Warquu Hambisaa Hojjetaa Bulchinsaa

3. Obbo Biraanuu Fiqiruu Hojjetaa bulchinsaa

4. Barsiisaa Gammadaa barsiisaa Ogummaa fi Teeknikaa yoommuu tahan

Dargaggoo Moosisaa Imaanaa fi Dandanaa jedhaman mootummaan Wayyaanee mana hidhaattu erga ukkaamsitee bakka buuteen isaanii waan dhibameef warri isaanii wayita gaafatanitti mana hidhaattii bahee bade jechuun uummatatti kijibaa jiru.Mootummaan wayyaanee diddaa biyyattii keessatti deemsifamaa jiruun dura dhaabbachuu kan dadhabe yoommuu tahu Poolisoota Oromiyaa irratti diddaa deemsifamaa jiru dura akka dhaabbatan dirqama jabaa itti kennuu odeeffatni Poolisii Oromiyaa keessaa saaxilee jira.Hanga Bilisummaa biyyaa fi Uummata keenyaa gonfannutti wareegama kamuu baafnee gaaffii mirgaa ni kaasna jechuun qeerroon dhaamee jira.