Sadaasa 04,2012 Jimmaa
Gabaasa: Sadaasa 3/2012 Goototni Barattootaa Oromoo Qophii Anaa Dhufuu Barattootaa Haaraawwaa Bara kana Gara Mooraa University Jimmaa Seenaniif Qopheessaan Sababeeffaachuun Qophii Jalbultii Yaddaannoo Sadaasaa 9/2005’n barana Sadaasaa 9/2012 Waggaa 7ffaaf kabajamuuf Jiruu Sirna Ho’aa ta’een Gaggeeffatan. Qohiin kun Adda Durummaan Gumii Dagaginaa fi Guddina Afaan Oromoo Fi Qeerroowwaan Sabboontotaa Baratootaa Oromoon kan qophaa’ee ta’uu ibsame.Qophiin kun torbee sadii oliif mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin akka hin gaggeeffaamnee dhorkamaa turullee cichoominaa fi Jabinaa Qeerroo Baratootaa Oromoo fi sababbontotaa baratoota Oromoo Gumii Dagaagina fi Guddina Afaan Oromoo keessaattii gahee guddaa qabaniin kan ta’ee ta’uu Hubatamera, Sirna qophii kana kessaattii caasaan ijaarsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo dungoo qabsisuun yaadannoon gootototaa Oromoo Sadarkaa har’a ilmaan Oromoo irraa jirruu kanaan nu ga’aniif godhame, sana ittii ansuun eebbii baratoota Oromoo qaroo ta’aniin godhamee ebbaa isaanii keessaattii baratotni Oromoo ”yaa waaq Oromoo tokkoo tasiisi, Biyyii kan keenyaa abbaa biyyaa nu taasisi, barataa lammiif falmatuu nu taasisi” jechuun Waaqa kadhatan, Itti fufuun kaleessaa gototnii Oromoo dhiigaa isaanii dhangalaasaanii lafee isaaniitiin nu ijaaranii afaan keenyaan akka dubbaanuu fi aadaa keenyaan akka noonnu godhanif galannii keenyaa guddaadha jechuun Qeerroon nuti dhaloonnii si’anaa kaayyoo goototni keenyaa dhiigaa fi lafee isaanii itti cabsuun asiin nu gahaan galmaan gahuuf maal hojjechaa jirraa? garamii garamittii deemaa jirraa? Maal quba qabna? Dhiraa Sonaa’ee Hin Agaruu Maal Yaadannaa? Oromommaa Fakkaachuun Mitii Ta’anii Argamuu dha, jechuun gaaffii ijoo dhimmaa Oromummaa sammuu keessaa wal kaa’an. dhaamsii iccitawaa ta’eef sabboontotni fi caasaan Qeerroo dursee wal hubachiisee Jiruu ‘ Qeerroowwaan Oromoo Sadaasaa 9/2005 yaadachuun, gotota Oromoo of bukkee isaanitii FDG Sadaasa 9/2005 keessaatti weereegaman yaadachuun gaddii guddaan akka itti dhagaamee ibsachuun kayyoo gototaa keenyaa galmaan haa geenyuuu harka walqabannee tokkummaan haa kaanu, tokkummaa keenyaa haa cimsannuu, diinaa nu diiguu rabbii nurraa haa ittisuu, Sarootaa fi Yeeyyootaa gototaa baratootaa Keenyaa adamsitee karaa deebisuu barbaadduu gamtaan jala dhabbaannaa, jechuun ergaa guddaa waliif dhaaman. Caalaamaadhumattii immoo hangafonnii qabsoo ilisummaa Oromoo Biliisummaa Ummataa keenyaaf jedhanii warraa yeroo jalqabaaf qawwee diinaattii dhukaasee jechuun warreen Akkaa Jeneral Waaqoo Guutuu, Bergader Jeneraal Taaddasaa Birruu, Magarsaa Barii, Maammoo Mazamir, kolonel Alamuu Qixxeessaa, Abishee Garbaa, Baaroo Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Haajjii Adem saadoo,Agarii Tulluu, Eleemoo Qilxuu fi kkf Seenaa isaanii yaadachuun ”Oromoo Jechuun isaanii nuti ilmaan isaaniti ilmaan Oromooti” jechuun Oromummaa jabeessaan.
Sirna Kana ilaalchisuun motummaan Wayyaanee guyyaa kaleessaa sadaasa 3/2012 waaree booda sa’aa 7:00 irraa egaalee humnotaa Waraanaa isaa Konkolataa Lakkofsaa Codii Gabatee hin qabnettii fe’uun mooraa University Jimmaatti nanneessaa ture, Halkan guutuus mooraan University Jimmaa keessaa loltotnii Wayyaanee uffataa siivilii ufaachuun warrii kan uffataa Poolisotaa mooraa Keessaa jijjirachuun halkan guutuu Mooraa University keessaa muddamaa akka bulan saxilamera. Yeroo ammaa kanaa gutuummaan magaalaa Jimmaa humnotaa Waraanaan egaama jirti, Wantii Baay’ee nama ajaa’ibuu goototni baratootaa Oromoo baay’inaa humna Waraanaa fi humnotaa tikaatiif bakka tokkoo illee utuu hin kenniin sagantaa fi kaayyoo sabboonummaa Qaban ifaan ifaatti diinattii mul’isaan, poolisotaa mooraa University keessaatiinis nuti eeggichaa keessaan hin barbaannuu, ofii keenyaaf iyyuu namusaa qabna, Koree namusaa mataa keenyaa ni qabna, isiin nu biraa hin dhufiinaa jechuun Poolisotaa moraa University Jimmaa akeekkachisaan, ”Oromoon namusaa qaba dimokiraasii addunyaan ragaa bahuufii dandeessuu qaba, kan nu jeequu fi Ummataa keenyaa shororkeessaa jiruu garuu Wayyaanee TPLF fi sirna nama nyaataa EPRDF dha jechuun barreessanii maxxansa,
Qaboon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
