Diddaan Barattoota Oromoo Hammaachuu Irraan Humni Waraana Dabalataa Akka Yuuniversity Ambo Seenu ta’e.

Aside

Ebla 04,2012, Amboo

Diddaan barattoota Amboo jabaachaa dhufe.Ilmaan habashaa maadheelee Wayyaanee kanneen ta’anii yuunivarsiitii Amboo keessaa barattootni Oromoo nagaa keenyaaf sodaachisaa dha jedhanii akka iyyannoo mootummaa Wayyaaneetti galfatani taasisan.

Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Amboo nuyi gaaffiin keenya akka nuuf deebi’uuf carraaqna malee ilma namaa irraa rakkoo hin qabnu, kanaaf iyyannoon Habashoonni iyyatan jedhamee humni waraana mooraa University Ambootti dabaluun karaa miti kan jedhu bulchiisaa yuuniversitichatti iyyatanii jiru.

Haala kanaan bulchitooti mootummaa wayyaanee barattoota Oromootti akeekachiisa haakennu iyyuu malee waraaqxonni gaaffii mirgaa kaasan akka itti fufanitti jiru. Walumaa galatti yeroo ammaa kana diddaan guutuu Godina Shawaa lixaa keessatti kan jabaate mootummaan wayyaanee Waraana halkanii fi Guyyaa bobbaasuun uummataa fi barattoota meeshaan doorsifamaa akka jiranis ni beekama.

 

 

Land Grab in Oromia

Aside

Waraanni Wayyaanee Universitylee Keessatti Bobba’uun Doorsisa Itti Fufe.

Aside

Ebla 1.2012 Jimmaa,

Waraanni mootummaa Wayyaanee sodaa diddaa Qeerroof yuunivarsiitilee garaa garaa keessatti bobba’e barattoota irratti goolii uumaa jira.Waraanni mootummaa wayyaanee Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaala Jimmaatti bobba’e barattoota yuunivarsiitii Jimmaa bakkeewwan isaan deemanitti waraanuun  olola uummata Kuulloo jedhamutu isin waraanaa jira jechuun uummata walitti buusuuf shira guddaa xaxaa jira.Waraanni Mootummaa wayyaanee uummata walitti buusuuf shirri xaxe qorannoo qeerroon kan saaxilamee barattoota maraan kan beeksifame yoommuu tahu yeroo ammaa kana yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattootni nagaan sadii basaasota Wayyaaneen kan waraanaman yoommuu tahu Barataan Daani’eel Mokonnin jedhamu kan sociology waggaa 2ffaa baratu waraana Wayyaanee bobbaafameen waraanamee jira. Qeerroon Jimmaa shirri mootummaan Wayyaanee amantiilee walitti buusuu fi uummata nagaa walitti buusuuf deemu bittaa umrii isaa dheereffachuuf tahuu hubachuun sagalee keenya bakka jirruu wal qabannee akka dhageessisnu jechuun dhaamu.

Diddaan Barsiisotaa Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti jalqabe Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buuse‏

Aside

Ebla 03,2012 Gabaasa Qeerroo Haromaya.

Diddaan  barsiisootaa guutuu biyyattii keessatti babal’achuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buuse.Diddaan barsiisotaa biyyattii keessatti jalqabe Barsiisota Yuunivarsiitii Haramaayaan kan jalqabame yoommuu tahu barsiisotni yuunivarsiitii Jimmaa dabalinsi maqaan dabalinsa miindaa gowwoomsa dhufe waan taheef qaala’insa jireenyaa dandamachuu waan dadhabneef hojii hin hojjennu jedhanii jiru.Pirezedaantiin yuunivarsiitii kanaa Prof.Balaay Kaasaa barsiisota miseensa tahan tika mootummaa Wayyaanee naannoo sanaa waliin marii irra kan oolan yoommuu tahu barsiisotni yuunivarsiitii Haramaayaa mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusanii jiru.

Motummaan TPLF Barattoota Oromoo University Gonder Baratan Doormii Bulmaataa Akka Gadhiisan Akeekkachiise

Aside

Ebla 1,2012, Gabaasa Qeerroo University Gonder

Ummanni Oromoo baroota 20f gaaffii mirgaa kaasee fincila gaggeessaa jiruuf deebiin mootummaa Wayyaanee irraa argamu hidhuu fi jajjeesuu akkasumas qabeenya saamuu fi biyyaa ari’uu ta’aa jira.Mirgi sabootaa mootummaa Wayyaanee biratti yakka guddaa kan tahe yoommuu tahu gaaffiin mirgaa dhiheenya barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Gondar kaasan mootummaa Wayyaanee hedduu waan cinqeef jecha gaaffii barattootaaf deebii gahaa kennuu hanqachuun dargaggoota University san keessatti diddaa kaasan yoo diddaa isaanii hin dhaaban ta’e doormii isin dhorkanna,mooricha gadhiiftanii akka baatan jechuun ajaja barattoota irratti dabarsee jira.

Barattooti Oromoo kunis nuyi doormii gadhiisuun gaaffii mirgaa ummanni Oromoo kaase nu hin dhaabsisu jechuun barattootni yuunivarsiitii Gondar faculty Veternary Medicine mormii cimaa kaasanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti barattootni baratan humna waraanaa mootummaa Wayyaaneen akka mallatteessanii fi kan hin mallatteessine ammoo humnaan kampaasii keessaa baafamanii jiru.Mootummaan Wayyaanee diddaa qeerroo barsiisota dhuunfate kanaan hedduu rakkamee akka jiru beekama.

Qeerroon University Dirree Daawwaa Diddaa Dhageessisan.

Ebla 1,2012 Gabaasa Qeerroo Dirree Daawwaa

Gootonni barattoota Oromoo University Dirree Daawwaa diddaa itti fufanii jiraachuun beekame.Aakka kanaan guyyaa Bitootessa 29,2012 ayyaana eebbifamtoota baranaa sababeeffachuun turtii godhameen booda Qeerroon University Dirree Daawwaa wal gurmeessuun wallee warraasaan diddaa fi jibbiinsa mootummaa Wayyaanee irraa qaban muldhifatanii jiru. Kanuma waliin wallee warraaqsaa sirban keessatti ABO,WBO fi Qeerroo farsaa akka turan dhagahamee jira.

Kana malees waamicha diddaaf kan kaayyeeffatu qeerroon mooraa kanaa jalee Wayaanotaa kan ta’an OPDO wallee waliisan keessatti arrabsuu fi balaaleffachaa oolanii jiru. Kana biratti WBO goota Oromoo, abdii bilisummaa kan jedhuu fi kkf  sagalee ol kaasanii yeroo dhageessisanitti ergamtooti Wayyaanee garaan gubtee barattoota gumuun jiran kana bittinsuuf illee humna akka hin arganne qeerroo gabaasa.

Ani dabeessa hin jaalladhu obboleessa koo illee kan jedhuun miseensota OPDO ceeppa’aa akka sirbanii fi mooraa dhunfachuun sirbaa kan bulan barattootni Oromoo mooraa kanaa dura dhaabbannaa 1malee xumuranii gara fuulas diddaan hanga bilisummaa akka itti fufu walhubachiisuun xumuranii jiru.sagaleen kan waraabames qulqullina haa dhabu malee  barattootni keenyas sagalee armaan gadiin akka sample itti waraabamee jira. Diddaa Qeerroo Dirree Daawwaa

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!