“Har’as Imimmaan Haadhaa Hin Qoorre.” Qeerroo Dirree Dhawaa

Aside

(Qeerroo, Dirree Dhawaa, 18 April 2012) Guyyaan Gootota Oromoo, Ebla 15 universitii Dirree Dhawaa keessatti haala hoo’aadhaan kabajame.

Akka gabaasaan Qeerroo hubachiisutti ayyaanni guyyaa Goota Oromoo kunis bakka mandheeleen bilisummaa hundi argamanitti sirna hoo’aa fi miidhagaan Dilbata darbe kabajamee jira.

Qeerroon Dirree Dhawaa akka ibsanitti, yeroo ayyaana Goototaa kabajatan kanatti, har’as akkuma kaleessaatti Oromiyaan dhiigaa jiraachuu ibsuuf, “har’as immimaan haadhaa hin qoorre,” jechuun gaddaan yaadatanii Oolaniiru.

Sabboontotni mooraa yuniversitichas ayyaanichaa  huccuu gurracha godhachuun mooraa yuniversitii keessatti kan kabajan yoo ta’u haala yeroo ammaa mootummaa wayyaanee ummata keenya irraan gahaa  jiru irrattis marii bal’aa gaggeessuun isaanis baeekameera.

Waltajjiin marii Qeerroos sagantaa gaddaa mooraa keessatti erga raawwatee booda magaalaa Dirree Dhawaa bakka Afran Qalloo jedhamutti walgahuun ibsa ejjennoo armaan gadii irratti waliigaluu isaanii ibsachuun waltajjicha milkiin xumurratanii jiru.

Ibsa Ejjannoo Qeerroo Dirree Dhawaa

1. FDG Jaarmiyaa qeerroon oromiyaa keessatti dalagamaa jiru karaa dandeenye maraan ni deeggarra,ni tumsinas.

2.  Hidhamuu,Ajjeefamuu,biyya ari’amuu fi barnootarraa ari’amuun yakka oromummaati malee badii keenya miti waan ta’eef hanga inni kun dhaabbatu cimsinee fincilla.

3.  Saamicha lafa oromiyaa maqaa investimeentiin deemaa jiru ni mormina.

4.  Barattoota harka diinaa jiran ykn miseensota OPDO ta’aniif waamicha dhiyeessinee Tokkummaa Oromoo mooraa kanaa hundeessuun saba tigree lammiilee keenyaaf summii ta’an irratti ni hojjenna.

5.  Ayyaanota jalee opdo kan akka walqixummaa sabaaf sablammii, ginbot 20 fkf irratti gadda  qabnu ni agarsiifna.

6. Qabsoo bilisummaa  ABOn finiinsaa jiru ni deeggarra,irrattis ni hojjenna!

7.  Tokkummaa gama siyaasaa,aadaa fi amantii sabboontotaa gidduu jiru irratti hojjechuun  sabboonummaa ni ijaarra.

8. Maddagalii uummachuun mandhee tarkaanfii cimsinee diinaa fi basaasota qaanessuunis hojii yerooti.

Walitti Bu’insi Mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo fi Gumuz gidduutti qabsiise Daran jabaate!‏

Aside

Ebla 18,2012 Naqamte
Walitti bu’isi mootummaa garboomfataan Wayyaanee tahe jedhee Godina Wallagga bahaa uummata Beenishaangul Gumuzii fi Uummata Oromoo gidduutti bixxile daran jabaachuun Aanaa Jiddaa bakka Dirree Guddaa jedhamutti ilmaan Oromoo lamaa fi Beenishaangul shan ajjeefamuun hedduun madaa’anii jiran.Uummatni Beenishaangul Gumuz mootummaa Wayyaaneen irraa meeshaa gurguddaa fudhachuun uummata Oromoo irratti duulaa jiru.Waraanni mootummaa Wayyaanees gara uummata Beenishaangul Gumuz tahuun uummata Oromoo rukkutaa jiran.
Haaluma wal fakkaatuun walitti bu’insi barattoota Gambeellaa fi Barattoota uummattoota Kibbaa gidduutti Yuunivarsiitii Arbaaminc Damee Abbayyaa keessatti dhalachuun hedduun wal madeessanii jiran.Mootummaan Wayyaanees bobba’uun barattoota oromoo doorsisaa jirti.
Guyyaan Gootota oromoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti Alaabaa ABO qabachuun ayyaaneffatame!‏

Guyyaan Gootota oromoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti Alaabaa ABO qabachuun ayyaaneffatame!‏

Aside

Ebla 18,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Guyyaan gootota oromoo haala ho’aan Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti ayyaaneffatamee jira.Guyyaan Gootota oromoo barattoota yuunivarsiitii Finfinnee,Haramaayaa,Hawaasaa,MiizanTeeppii,Wallaggaa,Amboo,Gondar,Jimmaa,Walloo,Arbaamic,Walaayittaa Sooddoo,Dirree Dawaa,Madda Walaabuu keessatti shaamaa diimaa magariisa qabsiisuun,Alaabaa ABO fannisuun,uffata aadaa Oromoo uffachuun qophiilee garaa garaan kabajamee jira.Ayyaanni kun Eebbaan jalqabuun marii mooraa qabsoo guddisuu irratti erga taasifamee qophiileen kanneen akka walaloo,baacoo,Muuxannoo walii qooduu fi kanneen biroon dhiyaachuun ibsa ejjennoo erga baafatanii hojii irra oolchuuf waadaan xumuranii jiran.Ibsi ejjennoo isaaniis hanga qabsoon ABOn gaggeeffamu galmaan gahutti waliin hiriirra,qooda nurraa eegamus ni baana kan jedhu of keessatti hammata.
Haaluma wal fakkaatuun Ayyaanni Guyyaa gootota oromoo Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa fi manneen barnootaa gad aanaa keessatti ayyaaneffatamee jira.Ayyaanni kun alaabaa ABO bakkeewwan garaa garaatti fannisuu of keessatti hammatee jira.Godina Shawaa lixaa magaala Gudar,GincXiqur incinnii,Geedoo,Gindabarat keessatti sabboontotni oromoo Alaabaa ABO qabachuun ayyaaneffatanii jiran.Magaala Gudar keessattis Alaabaa ABO fannisuun diinni Oromiyaa irraa hoomaa akka hin qabne ifaan mul’isanii jiran.
Godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu siree,Magaala Naqqamtee,Jiddaa Haroo Limmuu,Eebantuu,ukkee fi kanneen biroo keessattis ayyaanni haala ho’aan qophiilee garaa garaan ayyaaneffatamee jira.
Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu,Saqalaa,Fincaa’aa,Jaartee fi Amuruu keessattis sabboontotni oromoo alaabaa ABO qabatanii ayyaaneffatan haamileen isaanii guddachuunii fi yoomuu hanga bilisummaa duuba kan hin deebine tahuu ibsanii jiran.

Godina Iluu abbaa booraa keessattis sabboontotni oromoo haala ho’aan ayyaaneffatanii jiran.Ayyaana kana irratti mariin garaa garaa taasifamuun haalli diddaan itti naannoodhaa naannootti deemsifamus wixinamee jira.

Qeerroo Ebla 15 Adaamaa

Video 4

Qeerroo Adaamaa Ebla 15,Guyyaa Goototaa

Kan Video irraa MP3 itti jijjirame.

Video 3

 

Ebla 15, Qeerroo Adaamaa

Video 2

Qeerroon University Adaamaa Ebla 15 Sirna Howwaan Kabajatan

Kabajaa guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2012 fi guyyaa hundeeffama Qeerroo walitti kan ayyaaneffatan dargaggoonni Oromoo University Adaamaa sina guddaan kabajatanii jiru,sirna Ayyaana isaanii kana guutuu waan video n waraabameef gara sagalee qofatti jijjirree isinii dhiheessina. Qeerroon University Adaamaa yeroo sirna kana kabajatanitti haalli tika Wayyaanootaa haalaan itti hammachuu fi eegumsi jabaan haata’u iyyuu malee karaa dandayameen Qeerroon Ebla 15 sirna howwaan kabajate.

Video 1

 

 

Ebla 15,2012 Kabajaa Guyyaa Goototaa,Wallagga Anaa Giddaa Ayyaanaa

Gabaasa Giddaa Ayyaanaa irraa nu dhaqabeen Qeerroon Ebla 15,2012 haala marfama diinaa keessatti akka kabajatan yeroo ta’u hanga guutuun dhihaatu walaloon salgalee dhaamsi isaanii kunooti. Jiddaa Ayyaanaa

Qeerroon Naannoo Finfinnee Sirna Howwaan Guyyaa Goototaa Kabajatan.

Qeerroon Finfinnee Ebla 15,2012  sirna howwaan kabajachuu gabaafame.Gutummaa gabaasa kabajaa guyyaa goototaa Ebla 15 Oromiyaa guutuutti ta’e hamma barruun dhiheessinuutti waan Video irraa gara MP3 tti jijjiire isiniif kunooti.

Dhaamsaa fi walaloo Qeerroo Finfinnee

Guyyaan Gootota Oromoo fi Hundeeffama Qeerroo Kabajame

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 16 Ebla 2012) Qeerroon Bilisummaa guyyaa Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Warraaqsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Oromiyaa kan waggaa tokkoffaa haala hoo’aa fi dammaqinaan akka kabajatan gabaasaan Qeerroo ni hubachiisa.

Qeerroon Guyyaa Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo kan kabajatan kaan isaanii haala iccitii ta’een hojiileee ummata dammaqsuu fi dhibdee biyyattii kanneen hin beekne hubachiisuu fi bakkee birootti immoo kannneen rakkina hawaasummaa qaban waliin oolanii jajjabeessuun akka kabajatan beekamee jira.

Keessaayyuu, hawaasa biyyattii waan nyaatanii fi dhugan hin qabneef, gargaarsa gochuun akka kabajatan kan ibsan Qeerroon magaalaaleee Oromiyaa hedduun, hordoffii diinaa haalaan cimaa ta’e eeggachaa waan kaayyeffatan akka milkeessan dhaamanii jiran.

“Nuti Qeerroon Oromoodhaa ija saba keenyaa duratti ilaalamnee abdii saba keenyaaf taanee kan jiruu,dirqamni olaanaan kan nurraa eegamu hubannee hirmaanna akeenya gumaachuuf daran kakaanee jirra,” kan jedhan Qeerroon magaalaa Finfinnee immoo, karaa hundaan of jabeessanii hojiia qabsoo diddaa akka itti fufan hubachiisanaa jiru.

“Nuti marti keenya barattoota ta’e hojjetootni Oromoo seenaa wareegama ilmaan Oromoo  fi gootota Oromoo darbanii fi ammallee qabsoo bilisummaa Oromootiif ta’aa jiru keessatti nutis diddaa keenya fuulleffachaa wareegama Bilisummaa keenyaaf gatii baasuuf qophii qabnuu fi murtoo keenya ni haaromsina,” kan jedhan Qeerroon, itti fufuunis,  “lubbuudhaan kan jirru alaa fi keessaan dhaabaa Adda Bilisummaa Oromootiifis baga guyyaa ayyaana Gootota keenyaa kan bara 2012tiin isin gahe jechaa nutis hamma nuuf danda’ameen kabajaa keenya ayyaanichaaf qabnu kallattiilee danda’amuun himaannaa keenya dachaadhaan guddisna,”  jedhanii jiru.

Qeerroon magaalaa Finfinnee keessa jiraatan kunneen ayyaana Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo sababeeffachuudhaan hiyyeeyyii karaa irra ciisan waliin waan qaban kan hirmaatan yoo ta’u. haala kanattis lammiileen biyyaattii hedduun gammadanii akka jiran hubatamee jira.

Akkasumas Waraqaaleen waamicha qabsoo daandii konkolaataa fi  bakka mulatutti kan maxxansame yoo ta’u, ummatis diddaa mootummaa Wayyaaneef qabu daran jabeessee guyyaa kufaatii wayyaaanee akka dhiyeessu dhaamsi darbeefii jira.

Qeerroon aakn immoo akkuma haala mijjataa argatanitti, kaan manneetii jireenyaa keessa jiraatan keessatti dungoo qabsiisuudhaan alaabaa fannisanii gootota Oromoo yaadachuun kan kabajatan yoo ta’u, yeroo kanattis dhaamsa waaltaa Qeerroo irraa darbe kan diddaa karaa nagaa adeemsisu, fudhatanii akka hojii irra oolachan waadaa isaanii haaromsanii jiru.

Guyyaa hundeeffama Qeerroo Bilisummaa ilaalchisuun ibsi ejjannoolee addaddaas wiirtuu ayyaanni itti kabajame maratti  kan bahan yoo ta’u, ibsa ejjannoolee bahan keessattis haga qabsoon bilisummaa Oromoo galii isaa dhaqqabutti, ukkaamsaa fi ajjeechaa diinaaf akka hin jilbeeffamnne, qabsoon karaa mijaateen qindeeeffachuu fi itti fufuun akka barbaachisu ibsamee jira.

Haala kabaja ayyaana Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo ilaalchisee qophiin guddaa biyya keessaa fi biyyoota ollaaOromiyaa keessatti kabajamaa jira; gabaasaaleen ayyaanichaa sababa qunnamtiin turuu malanis akka nu dhaqqabaniin akka isiniif dhaamnu asumaan beeksifna jehuun qunnamatiin Qeerroo dhaamsa isiniif dabarsee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!