Qaallittiitti Hidhamtooti Oromoo Lama Haala Yaaddessaa Keessa Jiru!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 25 Ebla 2012) Mootummaan Wayyaanee hidhamtoota Oromoo dhimma siyaasaa fi eenyummaa Oromoo waliin walqabsiisee to’annaa jala oolchee jiru mana hidha akeessattis reebaa fi hiraarsaa akka jiru beekame.

Oduun mana hidhaa Qaallittii irraa gabaasaa Qeerroo dhaqqabe akak ibsutti hidhamtoota Oromoo dhimma siyaasaatiin himatamanii mana Hidhaa Qaallittii keessatti argaman keessaa hidhamtoota lama Wiixata darbe aka malee reebuun yeroo ammaa lubbuun isaanii haala yaaddessaa keessatti argama.

Hidhamtooti Oromoo humnoota tikaa  Wayyaaneetiin reebaman lamaan Geetachoo Iddoosaa fi Xiiqii Maammoo jedhamanii dha. Hidhamtooti kunneen du’aa fi jireenya keessatti kan argamaman yoo ta’u, sababa kanaan hidhamtooti Oromoo mana hidhaa Qaallittii zoonii 1ffaa keessatti argaman illee gochaa hidhamtoota kunneen irratti raawwatame balaaleffachuun nyaata lagatanii jiru.

Seenaa isaa keessatti hidhamtoota siyaasaa Oromoo hiraarsuu fi ajjeecsuun kan beekaman hidhattootni mootummaa Wayyaanee akkuma  barame hidhamtoota siyaasaa lamaan: Geetaachoo Iddoosaa fi Xiiqii Maammoo,  kanneen  deeggartummaa ABO dhaan himatamanii M/murtii deddeebi’aa jiran reebbichaa irratti raawwateen baay’ee lubbuun isaanii hala sodaachisaa keessa akka jiruu fi waardii keessa giluukoosiin itti taa’ee akka jiru  beekamee jira.

“Dhimmi kun Wiixata darbe, gaafa Ebla 23, 2012 raawwate; haala kanaan walqabsiisee Kibxata darbe, gaafa 24/ 04/2012 hidhamtootni mooraa 1/tokko/ keess jiran nyaata dhaabanii jiru,”  kan jedhe odeessi mana hidhaa keessaa nu dhaqqabe, haalichi hedduu yaaddessaa ta’uu illee ibsee jira.

Odeessi kun itti dabaluunis, “yeroo ammaa kanattis hidhamtoota hedduu sababa kanaan hiraarsuuf akka jiran beeknee jirra. Miidhaa nurra gahuuf Oromoon bakka jiru irraa akka sagalee keenya nuufa dabarsu gaafanna,” jedhanii jiru.

Mootummaan Wayyaanee kanaan duras ilmaan Oromoo kan akka Gaaddisaa Hirphasaa fi Alamaayyoo Garbaa fa’aa mana hidha akeessatti hiraarsuun akka ajjeesee beekamaadha. Oromoon sababa ABOtiin hidhame kamuu mana hidhaa keessatti mirga tokko illee hin qabu; kan biraa illee hafe koree hidhamtootaa keessatti hirmaatee gahee isaa gumaachuuf mirga akka hin qabne kanneen hidhaa san  keessa turanii akka hiree bahuuf carraa argatan ragaa bahaa jiru.

Baqattoonni Oromoo,Oromiyaa fi ABO Dabarsanii Diinaaf Akka Hin Kenine Mormii Sirna TPLF Iraatti Bahaniin Mirkaneessan.

Aside