Ebla 23,2012, Sochii karaa nagaatiin itti fufuu irratti qeerroowwan magaalaa Amboo fi Mooraa yuuniversity Amboo irra jiran walitti dhufanii walgayii gochuudhaan marii isaanii ibsa ejjennoos gadi buufachuudhaan xumuranii jiru.
Ibsoota ejjennoo isaan baafatan marii isaanii irratti:
Uummatoota keenya fedhiin isaa bilisummaa,akkasumas maatii isaaf nagaa fedhu of jala hiriirsuudhaan ,mootummaa wayyaanee barattoota keenyaa fi qote bultoota Oromiyaa keessaa goolaa jiru diddaa karaa uummataas akka itti fufuuf murtteeffanne;
Akkasumas ta’e jedhee mootummaan Wayyaanee ummattoota nagaa walitti buusuu fi karaa amantiin dahatee jeequmasa saboota keessatti fiduuf karoorfate ciminaan dura dhaabachuuf ejjennoo fudhanne.
Kaayyoo bilisummaa Oromoo fi akeeka Siyaasa keenyaa manneetii barnootaa fi uummata gidduutti barsiisuun akka dirqama keenyaa ta’e barree akeeka kanaan hojjechuuf waadaa keenya irra deddeebinee haaromsinee jirra;
Milishoota gandaa fi poolisoota Oromiyaa barsiisuun,dammaqiinsa Oromummaa kennuun gara qeerrootti dabaluun ammas akka dirqamaatti fudhannee itti fufna;
Doorsisa karaa qawweetiin ilmaan Oromoo irratti raawwamaa jiru kana ammas diddaa keenya karaa nagaatiin akka itti fufnu qabsoo keenya haaromsinee itti fufna;
Adeemsa keenya keessatti guyyuudhaan yeroo fi haala mijawaa fi mijawaa hin taane keessatti ijaarsi maadhee itti fufa;
Barsiisota manneetii barnootaa gadi aanaa fi sadarkaa olaanaa keessatti akkasumas koollijiwwanii fi yuuniversitiwwan Oromiyaa keessa jiran mara keessatti ijaarsii fi kaka’umsi gara sochii warraaqsaa akka ta’u ni godhama;
Saamamuun lafaa,buqqa’uun mana jireenya uummata daran hammaacha kan dhufe kuni uummata keenya rakkoon kun qaqqabaa jiruf hundee diddaa isaa akka ta’e hubachiisuudhaan uummata keenya cina hiriiruudhaan guyyuudhaan kakasuun dirqii ta’uun isaa nu ilaallata;
Gara dhumaatti waliigalteedhaan,tokkummaadhaan,amantiin utuu wal hin qoodin hamma mootummaan Wayyaanee aangoo isaa gadi dhiisutti diddaan keenya kan itti fufu ta’uu isaa waadaa keenya haaromsineerra !!!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!
QEEROO AMBOO IRRAA!
