Geerarsa Qeerroo Guutuu Abarra,Guyyaan Gootota Oromoo Biyya Alaa Oslo

Video

Qeerroon Haromaya Ayyaana Qophii GAHOO Irratti Gootota Farsuun Diina Garaa Gube.

Ebla 22,2012 Haromyaa

Ebila 22,2012 Haramayaa Universitii keessatti qophii ayyaana GAHOO adeemsifameen walqabatee Qeerroon University Haromaayaa  waltajjicha dhuunfachuun sirboota,walaloo fi diraamota  gootota Oromoo faarsuu fi wallee Ebbisaa Addunyaa walisuus gootota wareegaman keessaa Ebbisaa,Usmaayyoo fi Jireenyaa Ayyaanaa yaadachuun qabsoo ABOn gaggeessuu faarsuu fi wallee warraaqsaa WBO dhaadessan hedduu akka sirbaa turan gabaafame.

Qophiileen ayyaana kana irratti ta’ee fi diddaa Qeerroon ifatti  muldhise diina haalaan akka rifachiisee fi waan gootu dhabdee akka afaan qabatee beekame. Video fi  waraabbiin sagalee goone qulqullinaan nuu bahuu hin dandeenye,ammo haala tahe maraan waan waraabame ni diheessina. Record000