Ummati Oromoo Tarkaanfii Of-ittisaa Fudhataa Jiru!

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 22 Ebla 2012) Godina Wallaggaa bahaa aanaa Jiddaa Ayyaanaa keessatti uummatni Oromoo waraana mootummaa wayyaanee meeshaa waraanaa Gumuz hidhachiisuun uummata Oromoo fichisiisaa jiru irratti tarkaanfii fudhatame.

Akka oduun Qeerroo naannoo sanaa nu gahetti yeroo ammaa kana miidhaa fi roorroon ummata Oromoo irra gahaa jiru addatti kan ummata Oromoo irratti xiyyeeffate waan ta’eef ummati gamtaa’ee tarkaanfii of- ittisaa fudhachuu eegalee jira.

Akka kanaan humnoota Oromoo ajjeesaniif dahoo ta’aa kan turan Poolisoota federaalaa  keessaa tokko ajjeesuun poolisoota federaalaa lama immoo madeessuun waraana wayyaanee bobba’e bittinneessanii jiran.

“Uummatni Oromoo ollaa isaa waliin nagaan akka hin jiraanne kan gochaa jiru itti gaafatamaan mootummaa wayyaanee ti,” kan jedhan ummati naannoo, “mootummaa nageenya keenya nuuf tiksu haga hin qabaannetti bakka jirrutti tarkaanfii of-ittisaa fudhachuun keenya dirqama; lammiin keenyas haala kana akka nuuf hubattanii nu cina dhaabbatan isiniif dhaabne,” jechuun waamicha dhiyeessanii jiru.

Qeerroon Hidhuun Diddaa Jabeessa malee Hindhaabu!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 22 Ebla 2012) Barsiisaan Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Taakkalaa Bayyanaa deeggaraa “Qeerroo fi ABO ti,” jedhamee yakkamee hojii irraa arii’amuun gaabasame.

Diddaan Qeerroo gaggeeffamaa jiru mootummaa wayyaanee kan mataa dhukkubse yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti Barsiisaa Taakkalaa Bayyanaa(Msc,pharmacology) dhalootaan Horro Guduruu kan ta’e “ABO fi Qeerroo waliin hidhata qabda, Qeerroo nurratti ijaartee nurratti kakaasaa jirta,” jechuun yakkanii hojii irraa arii’anii jiru.

“Barattootni Oromoos hidhamuun, arii’amuunii fi dararamuun haa dhaabbatu!”  jechuun diddaa itti qabsiisanii jiran.

Haaluma walfakkaatuun, mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uu kan amaleeffatee fi hojii godhate yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti Muummee Politican science and international relation waggaa 2ffaa kan baratu Barataa Oromoo Tamasgeen Fiqaaduu jedhamu barnoota irraa arii’anii jiran.

Mootummaan wayyaanee Barataa Tamasgeen Fiqaaduun barattoota ilmaan Tigiraay reebdee jirta jechuun sobaan yakkanii barnoota isaa irraa arii’anii jiru.

Waraannii fi tikni mootummaa wayyaanees barattoota Oromoo yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti baratan dhuunfachuun doorsisa irratti argamu.

Jabinaa fi guddina Oromootaa irraa jibbinsa guddaa kan qabu bulchiinsi mootummaa Wayyaanee, ilmaan Oromoo ofitti amanoo fi ilaalcha mataa isaanii qaban sababa addaddaa itti uumuun hojii irraa dhaabuu, biyyaa aryachuu fi hidhee dararuu hojii guyyuu godhatee jira.

“Hidhaa, ajjeechaa, barnoota irraa ugguramuu fi hojii irraa aryatamuun gocha fokkotaa sirna garboomsaa ti,” kan jedhe Qunnamtiin Qeerroo, “hidhaa fi ajjeechaa sodaachuun kan mirga isaaf falmachuu lagatu abadan hin jiru,” jedhee jira.

“Aadaan abbootii keenya irraa dhaalle kan nu barsiisu, mirga ofiif didanii eenyummaa fi bilisummaa ofii kabachiisuu dha,” kan jedhe Qunnamtiin Qeerroo, “haga Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsinutti gochaan hammeenyaa golee garboomsa akeessaa bahuu waan hin dhaabbanneef jabaannee qabsoo keenyaan keessaa baana,” jechuun ejjannoon diddaa fi falmaa irratti qabu kan hidhaa fi ajeechaa yookaan roorroo garboomsaan  hin laafne ta’uu Qeerroon mirkaneessee jira.