(Qeerroo, Dirree Dhawaa, 18 April 2012) Guyyaan Gootota Oromoo, Ebla 15 universitii Dirree Dhawaa keessatti haala hoo’aadhaan kabajame.
Akka gabaasaan Qeerroo hubachiisutti ayyaanni guyyaa Goota Oromoo kunis bakka mandheeleen bilisummaa hundi argamanitti sirna hoo’aa fi miidhagaan Dilbata darbe kabajamee jira.
Qeerroon Dirree Dhawaa akka ibsanitti, yeroo ayyaana Goototaa kabajatan kanatti, har’as akkuma kaleessaatti Oromiyaan dhiigaa jiraachuu ibsuuf, “har’as immimaan haadhaa hin qoorre,” jechuun gaddaan yaadatanii Oolaniiru.
Sabboontotni mooraa yuniversitichas ayyaanichaa huccuu gurracha godhachuun mooraa yuniversitii keessatti kan kabajan yoo ta’u haala yeroo ammaa mootummaa wayyaanee ummata keenya irraan gahaa jiru irrattis marii bal’aa gaggeessuun isaanis baeekameera.
Waltajjiin marii Qeerroos sagantaa gaddaa mooraa keessatti erga raawwatee booda magaalaa Dirree Dhawaa bakka Afran Qalloo jedhamutti walgahuun ibsa ejjennoo armaan gadii irratti waliigaluu isaanii ibsachuun waltajjicha milkiin xumurratanii jiru.
Ibsa Ejjannoo Qeerroo Dirree Dhawaa
1. FDG Jaarmiyaa qeerroon oromiyaa keessatti dalagamaa jiru karaa dandeenye maraan ni deeggarra,ni tumsinas.
2. Hidhamuu,Ajjeefamuu,biyya ari’amuu fi barnootarraa ari’amuun yakka oromummaati malee badii keenya miti waan ta’eef hanga inni kun dhaabbatu cimsinee fincilla.
3. Saamicha lafa oromiyaa maqaa investimeentiin deemaa jiru ni mormina.
4. Barattoota harka diinaa jiran ykn miseensota OPDO ta’aniif waamicha dhiyeessinee Tokkummaa Oromoo mooraa kanaa hundeessuun saba tigree lammiilee keenyaaf summii ta’an irratti ni hojjenna.
5. Ayyaanota jalee opdo kan akka walqixummaa sabaaf sablammii, ginbot 20 fkf irratti gadda qabnu ni agarsiifna.
6. Qabsoo bilisummaa ABOn finiinsaa jiru ni deeggarra,irrattis ni hojjenna!
7. Tokkummaa gama siyaasaa,aadaa fi amantii sabboontotaa gidduu jiru irratti hojjechuun sabboonummaa ni ijaarra.
8. Maddagalii uummachuun mandhee tarkaanfii cimsinee diinaa fi basaasota qaanessuunis hojii yerooti.