Guyyaan Gootota Oromoo fi Hundeeffama Qeerroo Kabajame

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 16 Ebla 2012) Qeerroon Bilisummaa guyyaa Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Warraaqsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Oromiyaa kan waggaa tokkoffaa haala hoo’aa fi dammaqinaan akka kabajatan gabaasaan Qeerroo ni hubachiisa.

Qeerroon Guyyaa Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo kan kabajatan kaan isaanii haala iccitii ta’een hojiileee ummata dammaqsuu fi dhibdee biyyattii kanneen hin beekne hubachiisuu fi bakkee birootti immoo kannneen rakkina hawaasummaa qaban waliin oolanii jajjabeessuun akka kabajatan beekamee jira.

Keessaayyuu, hawaasa biyyattii waan nyaatanii fi dhugan hin qabneef, gargaarsa gochuun akka kabajatan kan ibsan Qeerroon magaalaaleee Oromiyaa hedduun, hordoffii diinaa haalaan cimaa ta’e eeggachaa waan kaayyeffatan akka milkeessan dhaamanii jiran.

“Nuti Qeerroon Oromoodhaa ija saba keenyaa duratti ilaalamnee abdii saba keenyaaf taanee kan jiruu,dirqamni olaanaan kan nurraa eegamu hubannee hirmaanna akeenya gumaachuuf daran kakaanee jirra,” kan jedhan Qeerroon magaalaa Finfinnee immoo, karaa hundaan of jabeessanii hojiia qabsoo diddaa akka itti fufan hubachiisanaa jiru.

“Nuti marti keenya barattoota ta’e hojjetootni Oromoo seenaa wareegama ilmaan Oromoo  fi gootota Oromoo darbanii fi ammallee qabsoo bilisummaa Oromootiif ta’aa jiru keessatti nutis diddaa keenya fuulleffachaa wareegama Bilisummaa keenyaaf gatii baasuuf qophii qabnuu fi murtoo keenya ni haaromsina,” kan jedhan Qeerroon, itti fufuunis,  “lubbuudhaan kan jirru alaa fi keessaan dhaabaa Adda Bilisummaa Oromootiifis baga guyyaa ayyaana Gootota keenyaa kan bara 2012tiin isin gahe jechaa nutis hamma nuuf danda’ameen kabajaa keenya ayyaanichaaf qabnu kallattiilee danda’amuun himaannaa keenya dachaadhaan guddisna,”  jedhanii jiru.

Qeerroon magaalaa Finfinnee keessa jiraatan kunneen ayyaana Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo sababeeffachuudhaan hiyyeeyyii karaa irra ciisan waliin waan qaban kan hirmaatan yoo ta’u. haala kanattis lammiileen biyyaattii hedduun gammadanii akka jiran hubatamee jira.

Akkasumas Waraqaaleen waamicha qabsoo daandii konkolaataa fi  bakka mulatutti kan maxxansame yoo ta’u, ummatis diddaa mootummaa Wayyaaneef qabu daran jabeessee guyyaa kufaatii wayyaaanee akka dhiyeessu dhaamsi darbeefii jira.

Qeerroon aakn immoo akkuma haala mijjataa argatanitti, kaan manneetii jireenyaa keessa jiraatan keessatti dungoo qabsiisuudhaan alaabaa fannisanii gootota Oromoo yaadachuun kan kabajatan yoo ta’u, yeroo kanattis dhaamsa waaltaa Qeerroo irraa darbe kan diddaa karaa nagaa adeemsisu, fudhatanii akka hojii irra oolachan waadaa isaanii haaromsanii jiru.

Guyyaa hundeeffama Qeerroo Bilisummaa ilaalchisuun ibsi ejjannoolee addaddaas wiirtuu ayyaanni itti kabajame maratti  kan bahan yoo ta’u, ibsa ejjannoolee bahan keessattis haga qabsoon bilisummaa Oromoo galii isaa dhaqqabutti, ukkaamsaa fi ajjeechaa diinaaf akka hin jilbeeffamnne, qabsoon karaa mijaateen qindeeeffachuu fi itti fufuun akka barbaachisu ibsamee jira.

Haala kabaja ayyaana Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo ilaalchisee qophiin guddaa biyya keessaa fi biyyoota ollaaOromiyaa keessatti kabajamaa jira; gabaasaaleen ayyaanichaa sababa qunnamtiin turuu malanis akka nu dhaqqabaniin akka isiniif dhaamnu asumaan beeksifna jehuun qunnamatiin Qeerroo dhaamsa isiniif dabarsee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!