Basaasonni Wayyeenee Yuunivarsiitii Amboo keessaa Basaasan Saaxilaman

Aside

Ebla 11,2012 Gabaasa Qeerroo Amboo
Basaastonni Wayyeenee barattoota fakkaatanii mooraa University Amboo galuun barattoota Oromoo saaxiluuf Mootummaa Wayyaanee irraa dirqama fudhatanii Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattoota Oromoo yeroo dheeraaf diinatti gurguraa turan qorannoo qeerroon saaxilamanii jiran.Barattootni maqaan isaanii armaa gadii kun kallattiin Wayyanee irraa dirqama fudhatanii kanneen sochii Qeerroo basaaisan ta’uu barattoonni Oromoo baranii jiraachuun beekame
1. Barataa Indiriyaas Kibruu Muummee Bio-process Engineering waggaa 4ffaa dhalootaan boorana irraa
2. Barataa Malkaamuu Shagatoo Muummee Bio-process Engineering waggaa 4ffaa dhalootaan Boorana irraa
3. Barataa Takkaa Taglee Muummee Agriculture waggaa 3ffaa dhalootaan Godina Shawaa Lixaa Jalduu irraa
4. Barataa Nuuraa Muummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa dhalootaan Arsii irraa
Tahan yuunivarsiitii Amboo fi sabboontota Oromoo bakkeewwan garaa garaa irraa diinatti kennaa turuun isaanii bira gahamee jira.Barattoota kanneen keessaa Barataan Takkaa Taglee jedhamu diina waliin harka cimaa wal keessaa kan qabuu fi barattoota oromoo basaasummaan rakkisaa turuunii fi har’as itti jiraachuun isaa bira gahamee jira.Barattootni kunneenii fi basaastotni ilmaan Oromoo diinatti kennuun qabsoo Bilisummaa dura dhaabbattan gocha badii kana irraa hatattamaan hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin gatii keessan madaalu akka isin eeggatu cimsinee isin beeksisna.Gocha diina waliin hiriira qabaachuu fi Oromoo diinatti kennuu irraa dhaabbachuun qabsoo qeerroon gaggeessaa jiru waliin akka hiriirtanis waamicha isinii dabarsina!

Waraanni Mootummaa Wayyaanee Uummata Oromoo fi Saboota Ollaa jiran Walitti Buusaa jiraachuun Beekame‏

Aside

Ebla 11,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa Ayyaanaa

Mootummaan Wayyaanee Godina wallaggaa bahaatti waraana bobbaasuun uummata Beenishaangul Gumuz hiriirfatee waliin tahuun aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Dirree guddaa jedhamutti uummata nagaa 8 fi bulchaa gandaa Obbo Margaa Toleeraa jedhaman ajjeesanii jiran.Waraanni Mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo irraa qawwee hiikkachuuf yoommuu jedhu uummatni Oromoo waan dideef,akkasumas jibbinsa ilmaan Oromoo irraa qaban irraa kan ka’e Uummata Beenishaangul Gumuz waliin tahuun uummata Oromoo fixaa jiran.Haaluma wal fakkaatuun ganda Qeelloo bakka Qonna Galataa Kasasaa jedhamuttis Oromoonni gariin mootummaa wayyaaneen ajjeefamnanii jiran kanneen ajjeefaman akka gabaasi guutuu nu dhaqabeen dhiheessina.