Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufee Mootummaan wayyaanee Barattoota ABO dha Jechuun Yakke

Aside

Ebala 11,2012 Qeerroo Naqamte
Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattoota Oromoo karaa nagaa mirga Oromummaa gaafataa jiraniin isin Miseensa ABO ti jechuun barnoota irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa kennuun gabaasai nu gahe addeessa.
Barattoota oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa Qeerroo isintu qindeessa,ABO waliin hidhata qabdu jechuun barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uuf akeekkachiisa haakkennu malee barattoonni diddaa isaanii itti fufanii hanga ammaa yuuniversity Wallaggaa raasaa jiru. Haala kanaan Ebla 09,2012 maqaa qeerroo qindeessituu fi ABO jedhuun barattoota Oromoo akeekachiisa dhumaa itti kenname keessaa:-
1. Barataa Lammii Baayisaa muummee sport waggaa 3ffaa
2. Barataa Abdataa Baqqalaa Muummee Ingiliffaa waggaa 3ffaa irraa
Akeekkachiisni itti kennamuu irraan darbee waraana mootummaa wayyaanee yuunivarsiitii keessaan doorsifamuu irratti argamu.Mootummaan Wayyaanee diddaa barattootaa dhaamsuuf tooftaa garaa garaa deemtus tasa lmilkaa’uufii hin danda’u.Qeerroon diddaa jalqabes hanga bilisummaa hin dhaabu jechuun barattoonni diddaa isaanii muldhisuu irra darbanee daree adda adda irratti waraqaa waamicha qabsoo maxxansanii jiru.

Godina Shawaa Lixaa Mana Barumsaa Gudar Sad.2ffaa keessatti diddaan itti fufe!‏

Aside

Ebala 10,2012 Gabaasa Qeerroo Gudar

Godina Shawaa Lixaa Mana barnootaa Gudar Sadarkaa lammaffaa keessatti barattootni Oromoo gaaffiin mirgaa nuuf haa deebi’u jechuun diddaa itti fufan.Barattootni mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa Gudar kanneen gaaffiin keenya armaan duraa nuu hin deebine,Barsiisaa fi Barataan Mootummaan goolamuun haa dhaabbatu jechuun diddaa qabsiisan.Mootummaan Wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana hedduu bobbaasee odeeffata dhorkuuf network balleessus diddaan kun guutuu Oromiyaatti akka babal’atu uummatni Oromoo gumaata isa irraa eegamu haa bahuun dhaamsa qeerrooti  jechuun barattooti Oromoo Mana barumsaa Gudar dabarfatanii jiru.

Basaastotni Mootummaa Wayyaanee Amantii keessa seenuun uummata gooluuf dirqamni itti kennamuun saaxilame!‏

Aside

Ebla 11,2012 Qeerroo Finfinnee
Mootummaan wayyaanee Manneen Amantii keessatti siyaasni gaggeeffamaa jira maqaa jedhuun basaastota fi amanamtoota mootummaa Wayyaanee poolisii federaalaa keessatti argaman manneen amantiitti namoota amantii sana hordofan fakkeessitee oduu funaanuuf qophaa’uun ishee saaxilame.Mootummaan Wayyaanee gaaddidduu ishee illee amanuu kan dadhabde uummata karaa nagaa amantii isaa gaggeessaa jiru gooluuf karoorfattee jirti.Masgiida keessatti namootni amantiin isaanii musliima hin taane akka ramadaman oduun kun saaxilee jira.Masgiidas uummata musliimaa fakkaatanii akka seenanins ifa tahee jira.Mana Kiristaanaa keessattis akkasuma.Kanaaf abbootiin amantaa Musliimaa fi Kiristaanaa namoota kanneen of keessaa baasuun amantii keessan nagaan akka gaggeeffattan qeeroon dhaamsa jabeessee isinii dhaama.

Rakkoo Dabballoonni Wayyaanee Babal’isan irraan Walitti Bu’insi Uummata Oromoo fi Benishangul Gumuz Itti fufe.

Aside

Ebla 10,2012 Limmu‏
Godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti walitti bu’insi uummata Oromoo fi Uummata Benishaangul gidduutti itti fufee jira.Guyyaa kaleessaa walitti bu’insa aanaa Giddaa Ayyaanaa Bakka Dirree Guddaa jedhamutti uummatni lameen kun wal dhabanii Uummatni Beenishaangul 2 lubbuun isaanii darbee gariin yoommuu madaa’aan Miidhaan uummata Oromoo irra gahe yoo dhibes waraanni mootummaa Wayyaanee uummatni Oromoo akka miidhamaniif meeshaa hiikkachiisaa jira.Uummatni Oromoos meeshaa keenya hin laannu jechuun waraana mootummaa wayyaanee fi uummata Beenishaangul wajjiin falmatti seenee jira.Shirri mootummaa uummata wa dhabsiisaa jiru lolli kun akka tasgabbaa’uuf hirmaannaa homaa agarsiisaa kan hin jirre ragaa tahuus qeerroon aanaa kanaa gabaasee jira.