Dhaamsa Jaallan Bilisummaaf Kufanii; Ebla 15 Haayadannu

Waan Keessa Dabarre Haayaadannu

Oomishni Baala Shayee Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Aallee ganda Gumaroo Sheik Mohaammed Allaamudiin dhuunfatame ture barbadaa’e!‏

Aside

Ebla 08,2012 Gabaasa Qeerroo Ilu Abbaa Booraa

Godina Iluu abbaa Booraa  aanaa Aallee Ganda  Gumaroo keessatti kan argamu Oomishni Baala shayee Sheik Mohaammed Allaamudiin dhuunfatame Ebla 7,2012 halkan keessaa sa’a 7:00 irraa eegalee barbadaa’ee jira.Oomishni Baala shayee kun hanga sa’a 9:00tti kan barbadaa’e yoommuu tahu  oomishni Heektara 3(sadii) ol daaraa ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee bara 2008 irraa kaasee lafa ilmaan Oromoo irraa fuudhee buna qotee bultootaa buqqisuun kan Sheik Mohaammed Allaamuditti gurgure yoommuu tahu ilmaan Oromoo lafa keenya hin kenninu jedhan ABO jedhamanii itti reebamaa fi itti hidhamaa kan turani dha.Hojjettootni Oromoo baala shayee kana keessaa hojjetanis uummata Oromoo dadammaqsaa jirtu jechuun kan itti qoratamaa turani dha,Diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatees oomoshni baala shayee kun barbadaa’ee jira.Mootummaan Wayyaanees uummata Oromootu kana godha jechuun olii fi gadi fiigaa jiraachuun gabaasi naannoo san irraa nu gahe addeessee jira jira.

Alaa fi Keessaan Roorroon Nutti Hammaattus,Injifannee Irra Ni Aanna!!!

Aside

Gabrummaan hammaannaan,Roorroon Oromoo irra bubbuluu irraan Ilmaan Oromoo biyya irratti dhalatanii guddatan gadhiisanii baqachuun dirqii itti ta’e. Biyya baqatanittis roorroon irraa hin hafne reebamuu, ajjeefamuu,hidhamanii guraaramuu,qabeenya samamuu fi dirqiin gudeedamuu akkasumas akka bineensaatti adamfamanii diinatti kennamuun isaan mudachaa jira. Video n kun dhihoo baqattoota Oromoo biyya Yeman gahan irratti hammeenya raawatamaa jiru muldhisa. Oromoon biyyoota Kaaba Ameerikaa,Auroppaa fi Australiyaa jiraattan kanaa fi hammeenya kana caalaa Oromiyaa keessatti ta’aa jiru arguun garaa maaltu isin ciisaa?? Kana irras maal taanaa?

Sababa Oromummaan Dhiibbaan Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Miizan Teeppii irraan gahaa jiru daran hammaate!‏

Ebla 08,2012 Gabaasa Qeerroo Miizaan Teeppii

Miizaan TeeppiiDabni Mootummaan Wayyaanee barattootaa fi dargaggoota Oromoo irrratti raawwachaa jiru kam bara kamuu caalaa hammaachaa jira.Yuunivarsiitii Miizan Teeppii keessatti mootummaan Wayyaanee gaaffii walii gala barattootni yuunivarsiitichaa bulchinsi yuunivarsiitii fi tajaajilli yuunivarsiitii keessatti kennamu madaalawaa haa tahu jechuun gaafatan gaaffiin kun gaaffii ilmaan Oromoo duwwaadha,Gaaffiin akkanaas gaaffii ABOti jechuun qabxii barnootaa barattoota Oromoo irratti dhiibbaa addaa uumuun alatti foddaa mana nyaataa Yuunivarsiiticha keessaa ilmaan habashootaa fi waraanaan cabe barattoota Oromootu cabse jechuun waraqaa eenyummaa barattoota kanneen irraa funaanuun akka dallaa yuunivarsiitii gadhiisan gootee jirti. Dararama kana keessatti

1.       Barataa Eeliyaas Taaddasaa Baqqalaa muummee Civics waggaa 1ffaa

2.       Barataa Nabiyyuu Mangashaa Muummee Civics waggaa 1ffaa fi

3.       Barataa Lammeessaa Dabalaa

Jedhaman hedduu rakkamuu irratti argamu.Dhiibbaan yuunivarsiitii kana keessatti sababa Oromummaan bara baraan gahaa jiru hammaachaa kan dhufee fi yeroo ammaa basaastotnii fi waraanni mootummaa Wayyaanee uffannaan barattoota fakkaatanii nyaata barattoota waliin akka nyaachaa jiran Qeerroo ifa godha.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Miizan Teeppii dhiibbaan sababa Oromummaan jabaachaa waan dhufeef ilmaan Oromoo akka nuu birmattan jechuun dhaamsa dabarsu.

Bara darbe hundeefamuu Qeerroon wal qabatee Yuuniversity Miizaan Teeppii keessatti waraanaanni mootummaa Wayyaanee barattoota hedduu rasaasaan reebee qaama isaanii hojii ala akka godhee turee fi kaan amma illee barnootatti kan hin deebine tahuun beekama.

Barattootni Mana barumsaa Culluxxee sadarkaa 2ffaa dhiibbaan Oromummaan gahaa jiru haa dhaabbatu jechuun diddaa itti fufan‏

Aside

Ebla 08,2012 Gulluxxee Gindabarat.

Barattootni Oromoo Godina Shawaa lixaa Aanaa Gindabarat Mana barumsaa
Culluxxee sadarkaa lammaffaa keessaa baratan barattootni oromoo
seeraan ala arii’amuunii fi barsiisotni Oromoo sababa siyaasaan
qorannoo dabaan rakkamuun haa dhaabbatu jechuun diddaa itti
fufan.Mootummaan wayyaanee Barataa Guutuu Soorii jedhamu mana
barnootaa irraa miseensa ABOti jechuun ariitee jirti.Barsiisaa Mana
barumsaa kanaa kan tahan Barsiisaa Innawu Amantee jedhamus yeroodhaa
yerootti hidhaatti deddeebisuun irraan darbanii yeroo ammaa qeerroo
mana barumsaa kana keessatti kan qindeessuu sidha,Siyaasas barsiista
jechuun qorannoo daba hin qabneen rakkisaa jiru.Barsiisaan Innawu
Amantee yeroo darbe keessattis mana hidhaa mootummaa Wayyaanee
Maa’ikelaawwii keessatti rakkamaa kan ture dha.

 

Ibsa Ejjennoo Sabboontota Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa‏

Aside

Ebla 08,2012 Adaamaa

Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa diddaa deemsifamaa jiru galmaan gahuu keessatti qooda isaan irraa eegamu adda durummaan bahuuf guyyaa gaafa Ebla 04,2012 walitti dhufuun marii gaggeessanii jiru.Akeekni marii kanaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu galmaan gahuu irratti yoommuu tahu warraaqsa biyyattii keessatti deemsifamaa jiru boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisuu irratti akka hojjetan mariin walii galanii jiru.Sabboontotni yuunivarsiitii Adaamaa Qabsoon ABOn durfamee deemsifamaa jiru ilmaan Oromoo maratti haamilee kan guute ibsuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiru.

  1. Akkuma barnoota keenya akeeka goonee barannu qabsoo keenya haalaan akeeka goonee galmaan gahuu irratti ni hojjenna
  2. Diina qabsoo ilmaan Oromoo duubatti harkisanii fi gocha diinaa yeroodhaa yerootti ni saaxilla
  3. Barattoota Oromoo yuunivarsiitiilee fi manneen barnootaa gad aanaa irra jiran ni kakkaasa,ni barsiisna
  4. Qabsoon Oromoo ABOn durfamu hanga galmaan gahu waadaa tiksinee cinaa ni hiriirra
  5. Gahee Oromummaa ni baana
  6. Dhiibbaa ilmaan oromoo fi qabeenya oromoo irra gahu dhaabbannee hin ilaallu kan jedhan turan

Sabboontotni yuunivarsiitii Adaamaa marii isaanii milkiin kan xumuran yoommuu tahu hojii hojjetamu yeroodhaa yerootti gamaggama waliin akka dhiyeessanis walii galanii jiru.

Injifannoon uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!