(Qeerroo, Naqamtee, 6/04/2012) Waraanni Mootummaa Wayyaanee Oromiyaa Lixaa keessatti bobba’ee jiru Qeerroo Oromoo hidhuu fi hirarsuutti akka jiru beekame; haata’uutii, Qeerroon diddaa isaanii jabeessanii akka itti fufan dhaamanii jiru.
Diddaa fi mormiin guyyuu itti jabaataa kan jiru mootummaan Wayyaanee bakkee diddaan jabaatetti waraana bobbaasuun dargaggoota hiraarsaa akkuma jiru sanatti, gidduu kanas Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti dargaggoota Oromoo hidhee dararaa jira!.
Mootummaan wayyaanee dargaggoota Oromoo mana hidhaatti ukkaamsuun dararama guddaa irraan gahuu akkuma amaleeffatetti, Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti dargaggoota Oromoo mana Hidhaa Waajiira Poolisii Guttin keessatti argamu keessatti ukkaamsuun dararama irraan gahaa jira.
Dargaggoota Hojii dhabdummaan rakkatan mootummaan wayyaanee, “isin ABOti, Isin qeerroodha, Qeerroos nurratti ijaartu,” jechuun
1. Dargaggoo Asaffaa Nagarii
2. Dargaggoo Hundarraa Camadaa
3. Dargaggoo Jabeessaa Amanuu kan jedhaman mana hidhaa keessatti ukaamsuun beelaa fi qorraan dararuu irra darbanii reebaa akka jiran beekamee jira.
Diddaan Oromiyaa keessatti gama hundaan deemaa jiru mootummaa wayyaaneetti summii kan tahe yoommuu tahu. diddaan Qeerroo fi ummataa kun yeroo ammaa miseensota Wayyaanee illee jeeqaa akka jiru hubatamaa jira.
Gama biraatiin, Waraanni Mootummaa wayyaanee Dabballoota Gandaa Hammachuun Godina Iluu Abbaa Booraa ganda Buree keessatti uummata Oromoo irratti goolii uumaa akka jirtu beekame.
Waraanni mootummaa kun ilmaan Oromoo kan hiraarsaa jirtu, “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistu, Obaastu, Meeshaa waraanaa keessuuf,” jechuun ta’uun illee saaxilamee jira.
Diddaa godiana kana keessatti itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee karaa ganda lamaan wal quunnamsiisanii fi magaalota keessatti waardiyaa halkanii fi guyyaa ramaduun nama dhimma isaaf deemu otuu hin hafiin qorannoon cinqaa jirti.
“Mootummaan ummata irraa abdii dhabe, gaaddidduu isaa iyyuu hin amanu,” kan jedhan Qeerroon naannoo sanii immoo dhaamsa dabarsan keessatti, “Tuullaan waraanaa daran akka isaan keessatti diddaa keenya jabeessinu nu gargaara malee duubatti nu hin deebisu!” jechuun ejjannoo isaanii beeksisaa jiru.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk