Ebla 04,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo mana hidhaatti ukaamse murtii malee kaa’uu irraan darbee dararama guddaa irraan gahaa jira.Dargaggoon Oromoo Geetaachoo Iddoosaa Sabbooqaa jedhamu tika mootummaa Wayyaaneen yakkamee aanaa Midaaqeny irraa mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti ilaalcha ABO qabda,Miseensa ABOti jedhamuun kan darbame yoommuu tahu yeroo ammaa kana mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Qaallittii keessatti ilaalchi ABO si hin gadhiisne jedhamuun harka isaa duubatti hidhuun reebanii du’aa jireenya gidduutti argama.Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti argaman to’annaan addaa itti godhamee hidhaa irratti hidhaa keessa jiraachuu isaanii ibsatu.ABO mana hidhaa keessaa miseensa ijaaree jira jechuun mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo qofaatti tika addaa irra kaa’ee rakkoo guddaa keessa buusee jira.