Lukkeeleen Wayyaanee diddaa dargaggootaa dhaamsuuf yeroo kaatan

Video

Presidentiin University Wallagga Huccuu isaa of Iraa Darbee Barattoota Kadhate

Gabaasa Qeerroo Amajjii 09,2012 Naqamte

Amajjii 9,2012 presedantiin Mooraa University Wallaaggaa kan  maqaan Fiqaaduu Bayyaana jedhamuu sa’aa 9:30WD irraattii huccuu of irraa lafa buusee baratoota Oromoo akka isaan diddaa isaanii itti hin fufnee fi gaaffiin isaanii akka deebii argatuuf carraaqqiin godha jedhee kadhatee barattota hanga tokko mooraa University keessaatti waliitti qabuun walga’ii teesisee, walgahii kanaa irraattii barattoonnii gaaffii itti aanuu kanaa gaafatan:

  1. Humni waraanaa Wayyaanee barataa keenyaa barata Leejjisaa Raggaasaa rasasan rukute ariitiin seeraatti dihaatee adaba haa argatu.
  2. Barattoonnii keenyaa konkolaata lamaan ukkaaffamani fi ilmaan Oromoo mooraa Univesity Adaamaa irraa hidhaaman hatattamaan haa hiikaman
  3.  Gaaffiin barattoonni Oromoo Finfinnee ,Haroo Ammaayyaa,fi universitota kanneen biroo irraa kaasaa jiran gaaffii keenyadha ni deeggaarra hattataman deebii qubsaa argachuu qaba.
  4. Waan mirga keenyaaf gaafanneef hidhaan,duutii,arii’atamun nurraa dhaabbachuu qaba.
  5. Biyyaa abbaa keenya keessaatti mootummaan Wayyaanee nyaata summaa’ee nuf laatee nu fixaa jira. Guman ijoollee keenya baalaa kanaan du’anii kaffalamuu qaba.
  6. Hireen murteeffannaa ummata Oromoo akka mirkanaawuuf jecha mootummaan Wayyaanee aangoo gadhiisee dhaabota hunda kan haammatu chaarterri haaraan haa ijaaramu.
  7. Gaafiin Qonnaan bulaa Oromoo hattattamaan deebii haa argatu.

Jechuun gaafatan peresedantichi gaaffiin barattootaa waan humna isaa ol ta’eef jecha deebi isiini kennina jechuun waadaa galee tasgabeessuu yaalus baratoonni yeroo dhiiyootti jechuusa rdinaan kan asiitti dandeenyu asiitti, kan immoo gara qaama dhimmaa ilaalutti dabarsina jechuun walgahiin bittinnaayee diddaan barattootaas itti fufee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Uni W

Diddaan Babarattoota Oromoo Itti Fufee Magaalaa Naqamtee Dirree Lolaa Taate

Video

Gabaasa Qeerroo, Naqamte, Amajjii 09,2012

Fincilli diddaa gabrummaa gootota barattoota Oromoo University Wallaggaa kessatti eegale hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon gabaasa. Amajjii 07-09 bara 2012 kanaatti sochii barattooti Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa godhaniin magaalaa Naqamtee fi University Wallaggaa keessatti hoomaa waraana Wayyaanee waliin walitti bu’anii akka jiranii fi guyyaa kaleessaa Amajjii 08,2012 dhukaasa barattoota Oromoo irratti baname irraa kan ka’e barataa Leejjisaa kan jedhamuu  mummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa rasaasa waraana Wayyaaneen rukutamuu irraan haalaan madaayee Hosptala Laqamtee galee akka jiruu fi lubbuun isaa du’aa fi jireenya jidduu jiraachuu qeerroon gabaasee ture, ammos kanumaan itti fufee barattooti  nama lama

1.Barataa seeraa waggaa 3ffaa baraataa Siraaji Jamaal  waggaa 2ffaa

2.Baraata Kamaal kan jedhamuu engineering waggaa 2ffaa

Kanneen jedhaman nyaataan adabamanii akka nyaata hin arganne gochuun gootummaan akka saba isaaniif wareega kafalanii jiran gabaasi addeessa.

Haala kanaan ammos mootummaan Wayyaanees human waraanaa fi meeshaa waraanaa heddummeessuun University Wallaggaa guutuutti cabsee seenuun barattoota 60 ol tahan reebichaan qabee mana hidhaa geessuu fi kanneen kaan rasaasaan tumee ajjeesaa akka jiru gabaasi kun addeessa.

Kun akkasitti tahees barattoti Oromoo diddaa isaanii osoo hin dhaabiin magaalaa keessatti hojjettootaa fi ummata Oromoon makachuun diddaa isaanii dhageessisaa fi waraana Wayyaanee waliin wal qabaa akka jiran gabaasi qeerroo magaalaa Naqamtee irraa addeessa.

Guyyaa gaafa Amajjii 07,2012 gootonni barattooti Oromoo hoomaa waraana Wayyaanee dhagaan tumanii mooraa irraa arihachuun mooricha dhunfatanii akka turan kan bare mootummaan Wayyaanee halkan keessa humna Waraana komaandoo fi meeshaa waraanaa gurguddaa dabalatee mooricha dhukaasaan itti seenee University Wallaggaa weeraree akka jirus kanuma waliin gabaafama.

tiki wayyaanee ummataa fi barattoota yeroo gooltu

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Dhagaa Biyya Abbaa Keenyaan Rasaasa Wayyaanee of irraa Deebifne jedhu Barattooti.

Gabaasa Qeerroo Laqamte Amajji 08,2012

Fincilli diddaa gabrummaa University Wallaggaatti guyyaa kaleessaa qabate hanga har’a Amajjii 08,2012 itti fufee olee jira,barattoota moraa University Wallaggaa nayaata dhorkachuun mooraa keessaa akka hin baane gochuun guyyaa har’aa humni Poolisaa fi waraanni feederaala Wayyaanee itti bobba’ee dhukaasaan moraa jeqaa jiraachuu qeerroon gabaasa.

Humna waraana mootummaa rasaasa akka bokkaa roobsaa mooraa University jeeqaa jiru kana barattooti wal tahuun tokkummaa isaanii cimfataa dhagaa darbaa of irraa deebisuun guutuu waraana wayyeenee mooraa keessaa arihatanii Universiti Wallagaa bilisomfatanii jiraachuu gabaafame.

Mooraa University Wallaggaa baratooti Oromoo haa dhuunfatan malee nyaati mooraa san keessa akka hin jirree fi bishaan gama tokkoon irraa citee jiraachuun beekame.

Gaaffiin barattoota Oromoo kun kan mirga bu’uuraa ummata Oromoo fi gaaffi abbaa biyyummaaf hireen murteeffannaa akka dhugoomu,ammos barattooti hidhaman akka gadhiifamanii fi nyaati barattootaaf akka kennamu kkf hunda dhadannoo isaanii irraa dhagahama.

Guutuu gabaasa kanaa ni dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Finilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufee Barataan Unversity Wallaggaa Rasaasa Wayyaaneen Rukutame.

Gabaasa Qeerroo Laqamte 08,2011

Godina wallaa Baahaa mooraa University Wallaaggaatti Amajjii 7/2012 Qaanqeen FDG qabsifame hanga ammaa itti fufee jiraachuu fi gootonnii barattoota Oromoo mooraa Universiticha hiriira moormii bahaan, qabsoon fininee,gootonnii barattoo Oromoo fincila deemsisaa jiranii fi hiriira haalaa guddaa tahe bahan kana irratti dhadannoon dhagessisaa jiran

  1. Amma irraa eegalee mootummaan Mallas Zeenaa aangoo haa gadhiisu.
  2. Mirgi hiree murteeffannaa ummattootaa bakka haagahu.
  3. Oromooti hidhaman amma irraa gadi haagadhiifaman.
  4. Lafti Oromootaa gurguramuu akka dhaabbatuu fi kanneen laa isaanii irraa buqa’an amma irraa gara qe’ee isaanitti haa deebifaman
  5. Jireenya du’aa gadii jiraachuu irra qabsoofnee wareegamuu wayya fi kkkf

Gootonni barattota Oromoo bakka lamatti wal qoodanii gariin mooraa University Wallaggaa keessatti gariin ammoo mooraa ala magaalaa Laqamtee keessa deemaa dhadannoo dhageessisaa jiru.

Finicla kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee humna waraanaa guddaa erguun magaalaa Naqamtee keessa bobbaasuun dhukaasa qawwee gurguddaa dhageessisaa jira.

Akka kanaan barattoota keessaa

Amajjii 7/2012 FDG mooraa University Wallaaggaa keessaatti dhowee jiruun wal qabatee wayyaaneen dhiiga ilmaan Oromoo akkuma dhuguu barteetti, halkan kessaa sa’aa 1 irraattii barataa Oromoo barataa Leejjisaa kan jedhamuu  mummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa rasaasa waraana Wayyaaneen rukutamuu irraan haalaan madaayee Hosptala Laqamtee galee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Barattoonnii fi Hojjettoonni University Haromaya Xalayaa Gaaffii Bulchiinsa Wayyaaneetti Ergatan

Dhimmi isaa Gaaffiilee dhiyaataniif Deebii Hatattamaa gaafachuu ta’a!

Akkuma armaan olitti ibsamuu yaalametti Gaaffiin ilmaan Oromoo yeroo dheeraaf bifa garaa garaan mootummaa biyyattiif dhiyaachuun akka deebi’uuf gaafatamaa turuun isaa ni beekama.Nuyi barattootnii fi hojjettootni oromoo fi sabawwan cunqurfamoo yuunivarsiitii kanaa fi naannoo ishee gaaffiin Barattootni Oromoo fi sabawwan cunqurfamoon yuunivarsiitii Finfinnee gaafatan guutummaan guutuunn gaaffii keenya ta’uu beeksisuun akka hatattamaan nuuf deebi’u jechaa gaaffiilee dabalataa armaan gadii kana hatattamaan akka nuuf deebistan isin gaafanna!

Kunis:-Gaaffii barattootaa fi hojjettoota Yuunivarsiitii Haramaayaa (1)

Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Nannoo Adda Addaatti Haala Ho’aan Kabajame

Video

Amajjii 06,2012 Gabaasa Qeerroo,Finfinnee

Sabboontotni barattoota Oromoo fi hojjettootni yuunivarsiitii Haramaayaa sabboontota Oromoo naannoo waliin walitti dhufuun Amajjii 1, guyyaa waraana bilisummaa Oromoo haala ho’aan kabajanii jiru.Sabboontotni kun walitti dhufuun uffata aadaa Oromoo uffachuun shaamaa diimaa magariisa diimaa ibsuun eebbaan kan jalqaban yoommuu ta’u akeekaa fi seenaa Amajji 1,ittiin ayyaaneffatamu wal hubachiisuun ayyaaneffatameera.Ayyaana kana irratti diraamaa,baacoo fi walaloon garaa garaa dhiyaataniiru.Ganama guyyaa kanaa irraa kaasee ilmaan Oromoo bakkeewwan amantaa deemanis uffata aadaan guyyaan kun ilmaan Oromoof guyyaa kabajamaa ta’uu mul’isanii jiru. Tikni Wayyaanee guyyaan kun sabboontota Oromoon akka kabajamu bartee ganda keessa dabballootaa fi basaastota federaalota waliin gadhoostus qophii sabboontotni Oromoo duraan godhan daran waan caaleef ayyaana kana gufaasisuu hin dandeenye.Ilmaan oromoo uffata aadaa uffatan arganis mataa dhukkubsachaa oolaniiru.Sabboontontni Oromoo walitti dhufuun ayyaana kana ayyaaneffatan qabsoo bilisummaa ilmaan Oromoo ABOn durfamu yoomuu cinaa akka dhaabbatan murteessanii jiru.Ayyaana kana irratti qabsoo Qeerroon Oromoo itti jiru adda durummaan ba’uuf murtii dhumaa dabarsanii jiru.Qabsoo Bilisummaa oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun barattoota,barsiisota,daldaltoota,qotee bultoota Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo mara akka kakaasan irratti marii guddaa godhanii jiru.

University Arbaa Minci

Haaluma wal fakkaatuun Guyyaan waraana Bilisummaa Oromoo Sabboontota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbaaminciin ayyaanaffatamee jira.Ayyaana kana irratti sabboontotni Oromoo naannoo diinni dhaqqabuu hin dandeenye deemuudhaan marii cimaa gaggeessanii jiru.Qabsoo Bilisummaa oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun qabsoo akka finiinsanii fi dirqama dhaaabni itti kenne yeroo isaa osoo hin dabarsiin akka ba’an dubbatanii jiru.

Shaambuu

Haaluma wal qabateen Amajji 1,barattoota sadarkaa lammaffaa fi qophaa’ina mana barumsaa Shaambuun ayyaaneffatamee jira.Ayyaana kana irratti barattootni mana barumsaa fi koollejjii argamuun diddaa uummatni itti jiru adda durummaan milkeessuu akka qaban marii’atanii jiru.Yeroo ammaa kanatti hojiin dhaabni teknoolojii garaa garaa fayyadamuun odeeffannoo ilmaan Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo geessisaa jiru waan qabsoo kana saffisaan tarkaanfachiisu ta’uu dubbatanii jiru.Dhaabbilee barnootaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argaman adda durummaan akka kakaasan irratti walii galanii jiru.

Anaa Jaartee

Dabalatas,Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee keessattis Amajjii 1,Barsiisota Oromoon kabajamee jira.Barsiisotni ayyaana kana kabajan barattootni ilmaan isaanii dubbachuun dhiibbaa mootummaa garboomfattuu irraa barattoota keenyatti dhufuuf adda durummaaan kan falmu isaan ta’uu murteessanii jiru.Ayyaana kana haala ho’aan erga kabajanii booda hojii dhaabaa caasaa barbaachisuun hojjechuuf MAADHEE LAGA ALIIBOO 01 jedhamu jalatti wal ijaaranii jiru.Daldaltootni,barattootnii fi qotee bultootni qabsoo ilmaan oromoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachuun gumaata barbaachisu akka ba’an dhaammatanii jiru.

Magaala Gimbii

Kanumaan  wal qabateen Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Wallagaa Lixaa Magaala Gimbiin ayyaaneffatamee jira.Qeerroon Oromoo naannoo kanatti argaman hojii dhabdummaaa impaayera biyyattii keessatti babal’achaa jiruu fi hidhaa jumlaa ilmaan oromoo irraan gahaa jiru irratti mormii cimaa kaasuun namootaa fi dhaabbiileewwan garboomfattuu mootummaa Wayyaanee qabsoo ilmaan Oromoo gufachiisuuf dhaabbatan irratti tarkaanfii maayii fudhachuuf GAREE RAAWWII DAANDII BILISUMMAA “A” fi GAREE  RAAWWII  BILISUMMAA “B” jedhaman kanneen miseensota heddumminaan of keessaa qabanii fi gochaa Wayyaanee irraa roorroo ittisan caalaatti ijaaratanii jiruHaaluma wal fakkaatuun Guyyaan WBO yuunivarsiitii Finfinnee keessatti haala ho’aa ta’een kabajamee jira. doormii shamarrannii keessatti shaamaa diimaa magaariisa diimaa ibsuun uffata aadaa uffachuun kabajamee jira.Shamarran oromoo yuunivarsiitii kanaa gahee isaanii qeerroo waliin ba’uuf qophaa’oo ta’uu isaanii ibsanii jiru.

Lixa Shawaa

Godina Shawaa lixaa manneen barnootaa Geedoo,midaaqenyii fi Amboo keessatti haala ho’aan ayyaanefattamee jira.Dabalatas Ayyaanni kun Qeerroowwan Oromiyaa keessaan wal quba qabeenyaanii fi bilbilaan baga geessanii fi wal mariisisuun ayyaaneffatamee jira.Ayyaana kana irratti mariin erga gaggeeffamee booda waadaa walii seenuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii kana baafachuun milkiin xumuramee jira.

University Adaamaa fi Kanneen Kaan

Akkasumas Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti barattootni Oromoo hidhaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru mormuun bakkeewwan galma abbaa gadaa deddeebi’uun kabajanii jiru.

Walumaa galatti Qeerroon Oromoo yuunivarsiitiiwwan Hawaasaa,Jimmaa,Amboo fi Gondar haala ho’aan kabajanii jiru.Akkasumas Godina wallagaa Bahaa Magaala Naqqamtee barattoota Koollejii Dibooraa fi yuunivarsiitiin kabajamee jira.Godina Horroo guduruu magaala kombolchaa keessattis ayyaaneffatamee jira.

Ibsoota Ejjennoo Ayyaana Guyyaa WBO irratti dhihaate kan naannoo garaa gara bal’aa waan tahee gara fuula duraatti dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Nuti dargaggoon Oromoo kan nu gabroomfatee darbee fi kan nu gabromfataa jiruuf harka hin laannu. Harka laachifna malee!

;;

Walaloon Gabaabaa kun Amajjii guyyaa WBO maadheeleen Qeerroo baha Oromiyatti kabajatan muldhisa.

Qeerroo Oromiyaa

Qeerroo Oromiyaa
lammii biyya kiyyaa
hin qabdu hiriyaa
maaliif baata biyyaa

Gabrummaan hammaatee
hireen hidhaa taatee
waliin falmuun haftee
sanyiin sanyii nyaatee
hunduu wal hamata
qomoon wal himata
diina waliif ta’ee boolla walii qota

Mee haqa sodaadhu
ka’iitii falmaadhu
mirga kef gaafadhu
dhugadhaf jiraadhu

Maaliif of dagatnaa
gabromnee jiratnaa
alagaan reebamnaa
umrii hidhamnaa
du’aan adabamnaa
badiin himatamnaa

Koottaa mee walgeenyaa
odaa jala teenyaa
kaayyoo keenya beekna
bilisoomuu feena
dhugaa keenyaaf boonya
ergaa dabarsina
addunyaatti iyyina
kaayyoo boorantummaa
kan sanyii tuulamaa
warra baarentummaa
dhugaa jirtu himaa
dhaamsi keenya dhumaa
gumaacha umamaa
kalaqa ganamaa
madda walabumaa
abjuu saboontotaa
dirqama dhalootaa
abdii bilisummaa
Oromoota mee ati akkam gootaa?

Sanyii Falmataa Dirre Dawaa irraa

Press Release: National Youth Movement of Qeerroo

Detention and Mistreatment can never stop our struggle

                   Press Release: National Youth Movement of Qeerroo

January 3, 2012

Due to 20 years of continued repression and brutality of the EPRDF government on the Oromo and other nations in Ethiopia, the National Youth Movement of Qeerroo was formed in April 2011 and was trying to air loudly the voice of the Ethiopian people in general and the Oromo people in particular. The last two decades have naked the cheap behavior of the dictator government of Ethiopia that it is not ready for any peaceful dialogue and its inability to listen to the voice of the people.

The resistance of Oromo students’ movement that erupted in different universities and class of societies was met by mass imprisonment, killing, poisoning and dismissal by the barbaric government that rules in Ethiopia and they think they have suppressed the voice of the people.

The resistance of Qeerroo is still going in an organized manner within schools, Universities and farmers. More than any other time, this is a time when the Oromo community across the board has effectively rejected the Woyane government that hangs on power. Accordingly as of December 2011, the Woyane government has started a wave of mass imprisonment in a bid to subdue the revolution in the making.  Currently Adama University stays closed due to the heroic movement the students. Security forces have taken away 67 students and they are reportedly suffering of mistreatment and torture.

More… Press Release National Youth Movement January 3,2012

Qabsaawoti Biyya Sudan fi Tunisia jiraatan degersa nuu qabdaniif galatooma.

Ibsa tokkummaa baqattoota Oromoo biyya Sudan

Ibsa tokkummaa baqattoota Oromoo biyya Sudan

Baqattooti Oromoo jiruu hidhaa fi ajjeechaa akkasumas hiraara mootummaan Wayyeeneen ummata Oromoo irraan gahaa jiru irraa dheessanii jireenya hadhawaa biyya oromaa jiraatan  degersa Qeerroof qaban dhaamsa Qeerroof dhaamaniin beeksisan.

Baqattooti Oromoo biyya Sudan jiraatani fi kanneen Libya irraa gara Tunisia itti baqatanii jiran gaafa Amajjii 1,2012 Ayyaana guyyaa WBO gaggeefatan irratti ibsa ejjennoo degersa Qeerroo bilisummaaf qabaniin beeksisanii jiru.

Qeerroon bilisummaa Oromiyaa jirru degersaa kanaaf galatooma jechaa ejjennoo isaanii kana Qeerroolee Oromiyaa jiraatan maraan akka dhaqabsiifnu taasifna.

Dargaggoota Oromoo Biyya Sudan

Dargaggoota Oromoo Biyya Sudan

Baqattoota Oromoo biyya Tunisia jiraatan

Baqattoota Oromoo biyya Tunisia jiraatan

Qabsoon hanga bilisummaatti!

Dargaggoota Oromoo Biyya Sudan

Dargaggoota Oromoo Biyya Sudan