Haala Sochii Dargaggootaa Oromoo, (Gaaffii fi Deebii)

Gaaffii fi Deebii

Diddaan Dargaggoota Oromoo itti fufee barattooti 12 Hidhaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Ona Giddaa, Amajjii 20,2012

Wallagga,Ona Giiddaa Ayyaanaa keessa diddaan barattootaa erga eegalee bubbulee jira,haala kanaan barsiisotaa fi barattoota hidhamaa turan gabaasa keenya yeroo darbee keessatti keenyee jirra.Haalli kun amma illee itti jabaachaa deemuu irraan kan ka’e fincila diddaa gabrummaa qindeessitaniittu, kaayyoo ABO ummata barsiiftanii barattootas kakkaaftaniittu sababaa jedhuun ajala mootummaa Wayyaaneen  Mana bartumsaa Giddaa Ayyaanaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa kutaa 12ffaa kanneen baratan barattonnii 12 barnoota isaanii irraa waggaa 2f Arii’ataman(dhorkaman)Kanneen kunis:-

1.Barataa Biqilaa Nagaasaa,

2. Haptamuu Warqinaa,

3.Taamiruu Asafaa,

4.barataa Oromoo Waqjiraa,

5.Nuwayyaa Nagarii,

6.Dastaa Qanaa’aa,

7.Waggaarii Balaayi,

8.Firoomsaa Qanaatee,

9.Xilaahuun Kabbadee,

10.Waasihuun Dhaabaa,

11.Hindaaloo Bongaasee fi

12. barataa kutaa 11ffaa tokko kan maqaan yeroof nu hin geenyee  dha.

Haalleen akkasii bakkoota quunamtiin telefoonaa fi interneeta hin jirra manneen barnootaa fi magaalota hedduu keessatti tahaa jiraachuu Qeerroon Giddaa irraa gabaasa.

Kana malee gama biraan Godina wallaaggaa Bahaa Horroo Guduruu wallaaggaatti Onaa Guduruu fi Onaa Abaaboo Guduruutti uummaannii walga’ii OPDO’n qopheessitu irraa hirmaachuu waan didee fi warraa miseensa OpDO hin taanee qarshii 300 hanga qarshii 700 adabama jirachuun gabaafame.

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Hojjettoonnii fi Barattoonni Oromoo University Haromaya Gaaffii Mirgaan Muddan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Haromaya Amajjii 19,2012

Gaaffiin Barattootaa fi Hojjetoota Yuunivarsiitii Haramaayaatti itti fufee yeroo ammaa kana Pirezedaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Professor Balaay Kaasaa  taa’umsa jedhamuun haara galfii isa dhorkee jiraachuun qeerroon University Haromaya irraa gabaasa.

Gaaffiileen kunis hojjettootni mootummaa fi dafqaan bulaan yuunivarsiitii kanaa ifaan gaazexeessitoota waamuun gaaffiilee hanqinoota bulchinsaa fi dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan ga’aa turee fi gahaa jiru gaafachaa akka jiraan beekama.Gaaffiin qindoomina hojjettootaa fi barattootaan mooraa kana keessatti eelgale kun ;-

  1. Yuunivarsiitoota Oromiyaa keessa jiran  keessatti hojjettootni dafqaan bulaa miindaan isaanii xiqqaa waan taheef hatattamaan dabala isaan barbaachisa?
  2. Ilmaan Oromoo University keessaa baratan baroota dheeraaf addatti dhiibbaan mootummaa waan irra gahaa jiruuf haalli kun ummata Oromoo walii gala waan dheekkamisaa jiruuf daddaffiin akka dhaabbatu.
  3. Universityn Oromiyaa keessa jiru akka University Maqalee jiruutti hin mishoomne,sadarkaa University hin guunne, kun maaliif tahe?
  4. University n Haromaya bara baraan Habashaan hogganamuun haadhabbatu

Gaaffii jedhamee ka’eef jecha,qondaaloti Wayyaanee bakkoota adda addaa irraa dhufanii hojjettoota dafqaan bulaa walitti waamuun miindaan keessan isinii dabalama gaaffii keessanis ilaallee yeroo gabaabaatti deebii itti kennina jechuun sossobaa jiru. Haaluma wal fakkaatuun yuunivarsiitiin kun Midhaan oomishamu kana eessa dhaqata? Jedhamee gaaffii ka’eef fuuldura oomishni haa dhaaabatu jedhamee murtaa’ee dallaan yuunivarsiitii kanaa bosonaan akka uwwifamutti murtaa’ee jira.Diddaan kun Oromoota bakkeewwan jajjaboo jiran irraan itti jabaatees akka jiru gabaafama.

Haalli kun gama biraan humni poolisa Feederaalaa kan ammaan duraa irratti dabalamee mooraa marsee ta’u tahee jira.

Qasoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Gartuun siyaasaa “G7″ Oromummaa doomsee Itoophiyummaa moosisuuf hojjachaa jira!” Ibsa Infodeskii ABO

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 17 Amajjii 2012) Gartuun Siyaasaa G7 jedhamee beekamu humnaa fi deeggartoota qabu mara guuza waammatee, ABO dadhabsiisee sabboonummaa Oromummaa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru ibsame.

Ibsi infodeskii ABO irraa kanaa Qunnamtii keenyaa nu dhaqqabe akka hubachiisutti, humni harcaatota sirna dargii fi nafxanyootaa yeroo ammaa kanatti bakka jiran mara irraa walwaamanii ABO fi  Oromiyaa balleessuu fi xiqqeessuu irratti bobba’anii jiru.

Akka ibsa kanaatti, humnooti kunneen Goobanoota haarawaa kanneen “gatata seenaa” ta’anii fi garaan malee sammuun yaaduu hin dandeenye walitti qabuun mirgoota Oromoon haga yoonaa goonfate mara balleessuuf yaalii olaanaa gochaa jiru.

Keessaayyuu, miidiyaaleen Afaan Amaaraa dubbatan kan maqaaf walaba jedhaman marti humna G7 jedhamu kana waliin dirrisanii, “dhaamsa walii dabarsanii akka itti Oromummaa doomsanii Itoophiyummaa abbootii isaanii durii bakkatti deebisan irratti wal tumsanii hojjechaa jiran,” jedhee jira, ibsi kun.

Gootummaa Ibsa kanaa PDF kana banaatii dubbisaa; Ummata Oromoo maraaf illee maxxansaatii dabarsaa!!

Duula Siyaasaa Kaayyoo QBO Irratti Banameen Balaa Boru Dhaqqabuu Maluuf

Hubachiisa:

Qeerroon Bilisummaa waantota faayidaa ummata Oromoo xiqqeessan yookaan cabsan yookaan haalan kamiyyuu callisee kan hin ilaalle ta’uu asumaan beeksissuu feena! Lafeen jaallan keenyaa, dhiigdi gootota keenya akka Elemoo Qilxuu, Jaagamaa Badhaanee, Alamaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphasaa fa’aa Itoophiyaa dullattii suphuuf kan hin dhangalaane ta’uu illee dagatamuu hin qabu.

Akkuma wayyaanee dura dhaabbannutti, kanneen faayidaa saba keenyaa miidhan kamiyyuu dura waan qabnu maraan kan dhaabbannu yoo ta’u, Qeerrooleen marti kan hubatanii ummata keenya bakka jiranitti akka hubachiisan illee asumaan dhaamsa keenya dabarsina!

Injifannoo ummata Oromoof!!

Dhaamsa Qeerroo

Aside

(Qeerroo, Oromiyaa, 16 Amajjii 2012) Qeerroo Bilisummaa, yeroo ammaa kanatti waan biyya keenya Oromiyaa keessatti deemaa jiru karaa hundaan irra aanuuf jabinaa fi kutannoon akka hojjannu haata’u.

Dhaamsa darbaa jiru qalbeeffachaa, haala adeemaa jiru faana bu’uun bakka hundatti injifannoo galmeessaa haa adeemnu!

Nuti Qeerroon otuu teenyuu, biyyi keenya, Oromiyaan alagaan hin dhaalamtu; garbummaanis dabaree nutti hin dabartu!!

Dhaamsa Haala Yeroo

Aside

(Qeerroo, Jimmaa, 16 Amajjii 2012) Qeerroo Bilisummaa, dhaamsi armaan gadii kun qunnamtii keenya alaa irraa nuuf ergame; dhimmi isaa haala yeroo amma kana humnoota warra Habashaatiin akka afaan faajjjiitti deemaa jiru ilaalchisee dubbataan ABO, Dr Bayan Asoobaa, gaaffii fi deebii raadiyoo warra Habashaa, “Addis Dimtsi” jedhamu waliin taasisanii dha.

Asumaan Qunnamtii Qeerroo, kan dhimma kana hordofee nuuf dabarseen maqaa Qeerroo Bilisummaatiin galati kee Bilisummaa haa ta’u! jenna.

Qeeroo Bilisummaa

Secondary school students are following suit with University Students in a continued peaceful demonstration; raising serious demands

Aside

January 17, 2012 (Qeerroo)

The students’ demonstration in Haromaya, Adama, Wollega and other Universities are quickly spreading to secondary school students in different part of Oromiya. These students are raising serious demands of rule of law, democracy; land right, regional security and safety of students staging for their constitutional right.

According to Qeerroo informants, the students are battling with police and the situation is growing by the day. On the 13 of January 2012 in the Eastern Wollega zone, students of Limmu Galiila secondary School have staged peaceful demonstration. Some of their demands include

  1. Give legitimate answer to the demand of University Students
  2. Accusation, imprisonment, exiling and mistreatment of Oromo nationalists should stop
  3. Stop evicting Oromo farmers, provide them with a means to prosper themselves
  4. Stop stirring conflict between centuries old friends and neighbors of the Oromo and Gumuz nation and others.

Shocked by the situation, the security people are randomly imprisoning and threatening the civilian population, while the special police force were doubled and security was biffed up in the town.

In similar news, Hagamsa secondary school students have reportedly staged their own demonstration on the 12 of January 2012 demand the realization of self determination according to the constitution of the country. The police attempt to control the situation failed after the students tried to protect themselves with stones. It is reported that the school is still closed for similar reason. The demands raised by students in Naqamte Preparatory school and Gidda Ayana secondary school are still unanswered after a full day demonstration was held on the 11TH of January 2012.

While the unity and the perseverance of Wollega University students are still continuing, more than 60 students are known to have been kidnapped.  On another incident, students named Tolasa Urgi from English department was saved by the friends and committed Qeerroo network members while some of the security members tried to kidnap him. After all the options and amazed by the firm stand of the brave students, the Woyane official are sending out Elders of the City for reconciliation.

The struggle shall continue!!!

@Qeerroo

Guddinni Mootota Ethiopia Manneen Hidhaa Ijaaruu fi Hidhamaa Heddumminaan Qabaachuu Irratti Hundaaya.

Aside

Amajjii,16,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Gaaffii Mirga sabaa gaafataniif deebii laachuun waan human isaa ol taheef hidhuu ajjeessuu fi barnoota irraa arihuun aadaa isaa tahee jira. Gochaan Wayyaanee kun kan yeroo kufaatii isaa gabaabsuu fi caalaatti ummata biyyitti irratti kakaasu gochaa jiraachuun beekamaa dha.

Barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan keessaa dhihootti rakkoo mooraa University Wallaggaatti dhalate haga ammaa hin qabanaawiin jiru guyyuu barattoota hidhuu fi gara dabarsuun magaalaa Naqamtee goolaa akka jiru beekama. Haala kanaan barattoota University Wallaggaa baratan keessaa namni 60 ol hidhaa kan jiran yeroo tahu kanneen keessaa barattooti maqaan isaanii gaditti jiru kanneen qabamanii bakka buuteen isaanii hin beekamiin jira.

1.Abdiisaa Guutaa Dhalootaan Ginc irraa
2.Dajanee Baqqalaa Dhalootaan Gindabarat irraa
3.Asaffaa Xaafaa Dhalootaan Amboo irraa
4.Bojaa Gaddafaa Hoolota irraa

Haaluma wal fakkaatuun barataa Addunyaa Iddeesaa jedhamu mootummaan Wayyaanee bara lamaan darbe kana Yuunivarsiitii Hawaasaa irraa osoo waggaa 3ffaa barachaa jiruu ati deeggaraa ABOti jechuun yakkitee barnoota isaa akka addaan kutu gochuun waggaa tokkoof hidhaa kan tursiistee fi Yeroo ammaa garuu barnoota isaa magaala Amboo keessatti Computer science dhaan waggaa 4ffaa kan ta’e ukkaamsanii fudhachuun as
buuteen isaa dhabamee jira.Funaansi qeerroo Oromoo yeroo yerootti dabaluun kan hammaatee fi tarkaanfiin gara jabeenyaa irratti raawwachaa kan jiru yoommuu ta’u Barataa Maammush jedhamus konkolaataa isaanii keessa buusuun bakka inni jinru kan hin beekamne ta’uu qeerroon naannoo kanaa ifa godha.Gochaalee gara jabeenyaa ilmaan oromoo irratti raawwachaa jiru dura dhaabbachuun diddaa jabduu akka goonuu fi ilmaan oromoo marti sagalee keenya akka nuu dhageessan jechuun qeerroon magaala Amboo fi naannoo ishee waamicha dabarsee jira.

 

 

Gaaffii Barattoota Oromoo University Arbaminc

Amajjii 14,2012

Gara :- Waajjira Pirezedaantii Yuunivarsiitii Arbaaminciif

Tel:  468810771      
E-mail: 
president@arbaminch-uni-com
               Dhimmi isaa Deebii Hatattamaa gaafachuu ta’a.

Duraan dursinee Gaaffiilee kabajaan isinii dhiyeessinu kanatti bakka guddaa kennuun deebii hatattamaan akka nuu kennitan abdii qabna.

Kunis Gaaffiin Mirgaa barattootni Finfinnee gaafatan gaaffii ilmaan oromoo waanjoo garbummaa baachuu dadhabee ta’uu fi gaaffiin kun guutummaan guutuutti gaaffii barattoota oromoo yuunivarsiitii Arbaaminc kampaasii hundaa ta’uu ibsina.

Nuyi barattootni Oromoo yuunivarsiitii kanaas gaaffiileen armaan gadii kun hatattamaan akka nuuf deebi’an jechuun dhiyeessinee jirra.  Guutuu isaaf:- Xalayaa Barattoota Yuunivarsiitii Arbaaminc

A continued Demonstration in Naqamte, Oromia

(Qeerroo, Naqamtee, 15 January 2012) The ongoing University and high school students’ revolution is shaking the city of Naqamte after the students committed themselves for days of sit-in within Wollega University Campus.

Shocked by the commitment and stand of the students, the huge security force assembled of different groups of the government armed apparatus have forcefully entered the campus which resulted in a sustained combat in and out of the University and it is being intensified in the city.

Accordingly one student named Lenjisa Ragassa from 3rd year Afan Oromo Department was hospitalized after he sustained a serious injury by a gun shot from the security brigade.

http://qeerroo.com/2012/01/11/violence-engulfed-the-city-of-naqamte-in-a-continued-students-peaceful-demonstration/