Diddaa ummanni Oromoo deemsisaa jiru maaliif akka dhokatu taha? Kan jedhuun OPDO keessaa mormiin Wayyanee irratti ka’e

Aside

Amajjii 31,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Warraaqsa ummata Oromoo Oromiyaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee miseensota ishee kanneen tikaa fi OPDO keessattuu ilmaan Oromoo walitti waamuun akka dhaabamuuf marii’achiistus bakkeewwan marii isheetti mormii malee milkoomina argachaa hin jiran .Miseensotni OPDO Oromiyaa keessaas walgahii ariifachasaa maqaa jedhuun cinqamaa jiru.Gaaffiin Qeerroo gaaffii ilmaan Oromoo garbummaa bara baraan rakkachaa jiruu fi dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkachaa jiruuti jechuun miseensotiin OPDO hedduun bakkoota tokko tokkotti ifaan Walgahii Wayyaaenee irrati mormuu jalqabanii jiru. Keessumaa barattootni OPDO ta’ani University  Amboo,Finfinnee fi Jimmaatti ta’an deeggarsa guddaa sochii qeerroof akka qaban ifatti dhaamaniifii jiru.Warraaqsa kana keessatti hirmaachuun dirqama Oromummaa ta’uus walii dhaamanii jiru.

Kana malees marii OPDO University Haramaayaa keessatti Sabboontotaan fashale dhaabuuf mootummaan Wayyaanee halakanii fi guyyaa fiigaa jiraachuu beekamaa dha. Marii isaanii kana milkoomina itti uumuuf  jecha karaa Peace and security yuunivarsiitii kanaa waldiddaan miseensota OPDO gidduutti uumamuu isaa iccitiin isaanuma keessaa Qeerroo gahe saaxilee jira.Rakkoo miseensotuma Wayyaanee irraa ishee mudate dhaamsuufis mariin hoggantoota irraa Magaala Finfinnee keessatti Guyyaa gaafa Amajjii 30,2012 gaggeeffamaa oole jira.

Mootummaan Wayyaanee sochii biyyattii keessaa dhoksuun nageenyaa fi misooma faarsuu duwwaa irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne yaadni jedhu hooggantoota OPDO keessaa itti dhiyaachuun guddoo rifaatii uumuu iccitiin walgahii dhoksaa mootummaa kana keessaa ba’e saaxileera. Gara fuula duraa guyyaa eeggannee waraabbii sagalee walgahii Wayyaaneen OPDOf goote ummataaf akka dhiheessunu abdii qabna.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Magaala Shashammannee fi Shiraaroo Jidduutti Daandiin Silkii Cirame. Wallaggattis Ergamaan Diinaa Tokko Irreee Qeerroon Adabame

Aside

Amajjii 31,202 Finfinnee.

Godina Arsiitti Sarara shiboo bilbilaa daandii Magaala Shaashamannee irraa gara Shiraaroo fi Arbaminci geessuu irratti humna hin beekamiinin tarkaanfiin fudhatamee bilbilli addaan citee jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa. Kun kan ta’e Amajjii 28, 2012 yoo ta’u ummanni Oromoo naannoo kanaa yerooammaa kana itti hongeen itti hammaatee rakkoo jireenyaa hamaa ta’e keessa jiraataa jira,haalli rakkina jireenyaa akkasii itti hammaatee osoo jiruu mootummaan Wayyaanee gibira humnaa olii kafalchiisaa gara biraan ammoo “Hidha Abbaay”f boondii bitadhaa ykn immoo gumaacha godhaa jedhamanii gidirfamaa jiraachuun isaanii akka malee ummata miidhaa jiraachuun beekama. Dargaggoonni Oromoo haala jireenya akkasi irraa mufii isaanii muldhisuu gochaa mootummaan Wayyaanee godhu dura dhaabbachaa jiraachuun isaanii beekama.

Mootummaan Wayyaanee  shiboo sarara bilbilaa kana (fiber optics) manca’uu irraan dabballota ergamee bulaa ykn OPDO ummatatti bobbaasuun namoota akkas godhan of keessaa baasaa jechuun yeroo lama walga’ii waamtee watawattus ummanni “hin beeknu”jechuun yaada kennuu akka didaajiru  gabaafamee jira.

Gama biraan Godina Baalee magaala Dodolaa irrattis tarkaanfiin wal fakkaatu Amajjii 27. 2012 fudhatamuu dhagahameera. Haalli kun deddeebi’ee ta’uun baayyee kan ishii yaaddese Wayyaaneen  kaleessa irraa eegaltee waraana kumaatama hedduutti lakkaa’amu iddoowwan kunniinitti qubsiistee naannocha dirree waraanaa fakkeessaa jirti jedhama.

Kana malees FDG Wallagga ona Hebantuu itti fufee jiraachuu gabaafama, Amajjii 30,2012 mootummaan wayyaanee humna waraanaa dabaltee naannoo sanitti bobbaaftu iyyuu ergamtooa diinaa tahanii dargaggoota naannoo sanii gidirsuuf kan ergame qondaala Polisa Wayyaanee kessaa nama maqaan isaa Kumsaa jedhamu irratti dargaggoonni halleellaa laallessaa deemsisaniin haalaan miidhamee gara hosptala  ergamuun isaa gabaafama.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!