Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe.Warraaqsi Ummataas Qabate.

Aside

(Qeerroo,  Finfinnee, Amajjii 23, 2012) Magaalaa lixa Shawwaa Aanaa Baakkoo,koollejjii qonnaa Baakkootti gootowwan Qeerroon bilisummaa Oromoo waamicha gamtaa argatan irratti hundaayuun fincila diddaa gabrummaa haala qindaayaa fi jabaa taheen jalqaban.

Kunis barattootni koollejjii Baakkoo keessa baratan marti waamicha barattoota Oromoo naannoo biroo jiraniif godhanii fi dhadannoo isaaniin akka dhageessisanitti,mootummaan Wayyaanee gochaa ummata Oromoo irratti raawataa jiru dhaabuuf karaan tokkichi qabsaawuu fi diddaan dura dhaabbachuu waan taheef Oromoon hundi nu cinaa hiriira jedhanii jiru.

Barattootni baayinni isaanii 1300 ol ta’an galma keessatti walitti qabamanii sagalee isaanii erga dhageesisaniin booda alatti gamtaan bahanii diddaa cimaan hanga dhadannoo deemsisaa jiru.

Akkasumas Lixa Showaa,Aanaa Tokke-Kottaayee,mana barumsaa high school Gudaritti barattooti tokkummaan ka’uun barsiisota TPLF ergamanii jiraatan mooraa keessaa arhuun addattis nama miseensa OPDO tahe  Alamaayyoo Olaanaa ergamaa diinati jechuun adaba cimaa irraan gahanii akka jiran gabaafama.

Sababaa kanaan humni Poolisa Wayyaanee mana Barnootaa kana marsee akka jiruu fi magaalaa keessa deemuun rasaasa dhukaasaa akka jiran beekama. Hanga ammaatti rasaasa hedduu dhukaasuun ummata rifaasisaa akka jiran beekama.Diddaan kun hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon Geedoo irraa gabaase.

Kana malees waraqaalee halkan edaa maxxanfamee buleen mooraa yuuniversity Finfinneetti naasuu fi rifannaa guddaadhaan waraanaa fi poolisi isaa dammaqsuudhaan waraqaalee maxxanfaman humna poolisaa fi waraanaan akka cicciramaa jiru qeerroon gabaase.

Sababaa kanaan humni waraana Wayyaanee uffata sibiilii dhufachuu fi of golguun heddummninaan mooraa seenanii jiru. Diddaan kun garuu akka hin dhaabbanne Qeerroon ibsee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Finfinneetti Barruuleen Qeerroo fi Yaamichi FDG Faca’an.

(Qeerroo, Finfinnee, 23 Amajjii 2012) Diddaa fi fincilli Qeerroo biyya keessatti haalaan jabaatee itti fufee jira; Amajjii 22,2012 University Finfinnee keessatti Barruuleen Qeerroo fi yaamichi FDG Faca’anii jiru.

Haala diddaa fi fincila ummataa kana to’achuuf wayyaaneen karaa hundaan duula gochaa akka jirtu beekamee jira.

Wayyaaneen labsa gamtaa Qeerroo fi OPUCC facaase arguun barattooti University Ambo akka Mooraa gadhiisanii maatii isaaniitti galan taasise.

(Qeerroo, Amboo, Amajjii 23, 2012) Baratoonnii Mooraa University Amboo waggaa 2ffaa fi isaa Ol baratan humnaan dirqiisifamanii mooraa gadhiisanii akkaa bahaan taasifaman.

Haala kanaan horii qabattanis qabaachuu baatanis baajanni baatii tokkoof ittin isiin tursifnuu waan gara sportitti naanna’eef gara matii keessaanitti akka deebitan jechuun bulchiinsi University Amboo baratoota mooraa gadhiisise.

Haala kanaan walqabatee barattoonnii fageenyaa kallaattii biyyaatti garagaraa irraa dhufaan waan ittin gara matii deemaan, waan nyaataani fi bishaan dhugaan,bakka bultii, dhabanii rakkina guddaa irraatti kufani jiru, ammatti gargaarsa uummataa magaalaa Abmoof kan jiran ta’uutu gabaafame.

Uummaannii gochaa kun dargaggootaa fi ummata Oromoo waan aarsee jiruuf jecha fincilli diddaa gabrummaa jabaatee akka itti fufuuf waamicha gamtaa Qeerroon dhiheesse bakka hundatti iddoon gahuuf qeeroleen muratoo tahuu ibsan.

Kana malees Amajjii 22,2012 Godinaa Bahaa Wallaaggaa Onaa Haaroo Limmuutti Ummaanni FDG itti fufee, Wayyaaneen qabeenyaa keenya saamtee, ummataa keenyaa Qee’ee isaa irraa buqqistee, baratooa keenyaa barnoota irraa ariitee,hiitee,Ajjeeste, bosonaa keenyaa gubdee mancaastee,Mirgaa namummaa nu sarbitee nu hin bulchiitu.

Wayyaaneen shororkeestuudhaa jechuun uummaannii magaalaa Haaroo Limmuu keessaatti bakkaa kaabinoonnii OPDO Onichaa jiranitti sagaalee mormii dhageesise.

Walgahiin OPDO’n waliiti qabdee turtes sagaalee mormiin diigamee, ummaanni OPDO’n Tokkummaa Uummaataa keenyaa diigdee waan taheef attatamaan diigamtee qabsoo uummaatatti akkaa makamtuu Uummanni gaafate.

Sochii diddaa uummaataa kana ilaalchiisuun ragaan waraabamee ni jiraa waan taheef akka nu dhaqabeen dhiheessina.

Qasoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!