“Boombii binnee mudhiitti hidhannaa yoo isheen diddee ABO’tti himannaa” Wallee Qeerroon Lixa Shawwaa.

Aside

(Qeerroo lixa Shawwaa,Amajjii 21,2012) Godina Lixaa Shawaa Onootaa Akkaa Calliyaa,Midaa Qanyii Xiqur Hincinnii,Daannoo, Gudaar, magaalaa Amboo,Giincii,Fi Jaalduuttii haala walfakkaatuun qeerroowwaan dargaggoo Oromoo sirboota gutummaa Oromoo fi ABO faarsuun ayyaanaa cuuphaa kabajatan.

Gabaastoti Qeerroo bakkeewwan  Ayyaanni itti kabajame kunneen irraa akka gabaasanitti, diddaa fi fincilli Qeerroo hedduu olaanaa dha.

Akka kanaan Qeerrooleen Ayyaanichi wayitaa kabajanitti, sirboota “yaa Oromiyaa siifaan iyyaa ABO+2 gachaanaa biyyaa” jedhu fa’aa dhageessisaa kan oolan yoo ta’u, kanneen naannoo Amboo, Gudaari, Baabbichaafi Geedoo fi Midaa Qanyiitu jechuun diinaa afaan qabachiisan.

Warrii Giincii, Jalduu,Xiiqur Hincinnii “boombii binnee mudhiitti hidhannaa yoo isheen diddee ABO’tti himannaa”, fi “yaa Oromoo Oromoo qulqulluu Qonnee nyaannaa Lafa hin Gurgurruu”jechuun jechuun Ayyaanicha kabajataan.

Haalumaa Walfaakkaatuun Giddugaaleessaa sanaa Maagaalaa Finfinnee kiiloo 6 Bakkaa Jaal Meedaa jedhamuutti Dargaggeessii Qeerroo Oromoo Salaalee fi bakkootaa gararaa irraa bakka kanatti argamuun “kilaashii Tarreesinaa wayyaanee (malaasaa) balleelleessina” WBO leencaa bosonaa irraa hin seesinaa’,hoo yaa dhiiroo dhiirrii hin falmataa malaasaan Lafa Oromoo maaliif faranjiitti shamatataa” jechuun haala nama ajaa’ibuun ayyanicha kabajatan jedha Odeessii nu ga’ee jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

DALLANSUUNU QABSOODHA !!

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 21 Amajjii 2012) Maddi Qabsoo hacuuccaadha. Namni ykn Ummati miidhaan irra jiru yoo xiqqaate dallansuun , miidhamu isaa ibsata. Namni waa aarees, dallansuun of ibsata. Namni odoo hidhamuu, hiraarfamuu , ajjeefamuu , beela’uu ….kan kolfu jira yoo jenne, warra hacuuccaa fi tajaajiltummaa qaama taasifate , Ykn warra salphina keessa gangalachuu baree ,maal naan jedhuu of keessaa fixate qofaadha.

Har’a ummata Oromoo caalaa hacuucamaa kan  jiru jira jecuun rakkisaadha. Osoo ta’ee miidhaa waggaa 150 ol nu irra ture kanaan, dallannee , dallansuu kanas ofirraa faccisuutti geeddarree , miidhaa nu irra jiru ofirraa darbannee , abbaa biyyaa ta’uutu nuuf mala ture. Kun nuuf qaaniidha.nama qaanii ta’uu keenya kanatti dammaqinee har’as yoo hin foyya’iin rakkoo daran hammaataaf teenya.

http://qeerroo.com/ilaalchaviews/dallansuunu-qabsoodha/

Wallagga Keessatti Qeerroon Diddaaf Bahan Milsihoota Wayyaanee Reebanii Arihan

Aside

Gabaasa Qeerroo Ona Horroo Limmuu, Amajjii 21,2012

Amajjii 20,2012 Godinaa wallaaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuutti dargaggeessii bakkaa aayyaanaa Cuuphaatti dargaggeessi “hidhanoo jabeessina mallaasaa balleessina”fi ” kormaa guduruu ABO’n Leencuma duruu”jechuun sirboota qabsoof nama onnaachiisan sirbuun gara magaalaa harootti deebi’anii sagalee mormii ‘wayyaaneeen nu hin bulchiitu’ jedhu dhageesisaan kanan wal qabatee hidhatootni milishaa naannoo sana jirtuu ergama diinummaa ishee Bahuuf qeerroo bilisummaaf falmatu irraatti dhukaasaa banani, qeerroonis waljabeessee jala dhaabbaachuun hidhatoota milishaa kana shiimalaan oliif gadi Arii’anii tuman,ummaanni nannoo sochii qeerroo kanatti baayee gamadan. Haalumaa walfakkaatuun Onaa Diggaa Saasiggaa, Heebentuu,Giddaa Ayyaanaa,Maagaalaa Shaambuu,Hammuruu fi Jaardagaa Jaarteetti Qeerroowwaan sirboota qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun Ayyaanichaa kabajatan.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!